Oduu Haaraya

Umamaan Ummatnii Oromoo tokko ta’ee Uumamee,tokko ta’uun isaas ni beekamaa

Umamaan Ummatnii Oromoo tokko ta’ee Uumamee,tokko ta’uun isaas ni beekamaa.Afaan isaa tokko,Seenan,Dudhaan,safuun,fudhaa fi heerrumnii,teessumnii lafaa Nannoo oromiyaa jedhemee fi Ittiin bulmaanii isaas sirnaa Gadaa ta’uun tokkoo isaa tassisaa.

Haa ta’uu malee dubiin dubii kassaa akkaa jedhamuu sanitti aniis waa malee kanaa hin kasnee,nagenyaas isiin gafachulee hin dagaanee akkam jirtuu ilman hadhaa tokkoo.

Hallii kamiyyuu yeroo irraa garaa yeroottii ni jijjiraamaa,bu’uraa baruun kiyyaas har’aa xiqqoo waan addaa ta’eef tarii barefaamaa koo keessaa dogogorraa Qubee ta’uu, ni danda’aa illaalchaa addaa qabatee ta’ee kan isiinlee kan arsuu yoo ta’ee duraan dursee naf ofkolchaa isiin jedhaa.

Baruun kanaa akkan baressuu hallii tokko tokko waan na dirqisiseef akkan baressuu dirqameeraa.
Yeeron kanaa jedhuu Addunyaa kan Yeroo amaa keessaa hubbanoo fi yaadaa walfaakkatuu jira.Uummanii Oromoo’s ta’ee Akkasumaan Qabsaa’otnii oromoo ilaalchaa walfaakkatuu qaba.ilaalchaa kuniis billissummaa keenyaa,mirgaa keenyaa faalmachuu dhaaf illaalchaa wal fakkataa akkaa qabnuu nu tassiseeraa.illaalchaa walfaakkatuu qaabaachuu imoo nu ijaarsa,qamaa tokkichaa,qalbii tokkichaa,akksumaas ejjaanno sabaa tokko akkaa qabnuu nu tassisaa.

Akkaumaa armaa olittii ibsuu dhaaf akkaa yalletii,qabsoon uummanii oromoo yomiyyuu Caalaa haala rakkissaa ta’ee keessaa akkaa jiruu waan ifaa ta’ee natii fakkataa.sababnii kuniis akkaumaa nutii hundii beknuttii wayyannen kanaa daraan nu gabromsuuf dhaaf caasaa isaanii kallatii afranuu dirirsaanii halkaan fi guyyaa irrattii hojachaa jiruu,

Haa ta’uu malee nutii hoo mal godhaa jiraa qabsoo keenyaaf gafiin jedhuu gafii Ummataa bal’aa oromoo natii fakkataa,of qorachuun immo qaaromiina dha.yaddaa garaa garaa jirachuun nu malaa garuu yaddaa garaa garaa kanaa bakkaa tokkottii cunfaanii hojiittii jijjiruun barbachiisaa dha,haa ta’uu yaddolee garaa garaa kanaa imoo maliif hojiitti jijjiiruu dadhabnee gafii isaa jedhuu kanaa of keessaa qabaa.
Akkaa illaalchaa kotii qabsoo keenyaa irrattii gufulee ta’anii kaan jiraataan kaan yeroo amaa
Qabxillee murassaa kasuu ni yalla:-
1,maqaa dhaaf qabsaa’uu
2,fayyadaa dhunfaa dhaaf bakkaa guddaa keenuu
3,namoonii tokkoo tokko oromoo ta’anii oromoo addaan basuu dhaaf gandaan,amantiin,godinnan,,,,,,fi kkf
4,fayyadaa Tokkummaa hubaatuu dhabuu,
5,hoggansaa Uummataa Oromoo Hoggaanuu dhabuu,
6,gootaa onnee qabuu dhabuu fi kkf,,,,,,,,,kaan hafee imoo isiinis nagargarraa.

Rakkolleen kuun hundii billisummaa keenyaa karaa barbachissuun hundaa akkaa hin dhufnee gufulee angafaa ta’anii jiruu.
Aniis akkaa dhaltuu shamarree oromoo tokkotii Gootoonii keenyaa kan duraanii kan akkaa Tadee biruu,G.Waqqoo Gutuu,Kan akkaa Nadhii Gamdaa silaa Debii’aanii dhaltaan jedheen yaddaa,dhiraa onnee issaanii qabaan dhabuun keenyaa xinno ishee na gadiisisaa.
Gootaa jechuun kaan hin sodanee,Onnattee,Onnefatee,gurmaa’ee,gurmeesee,falmee,falmesee,loolee loolchisee,waregaamee, Gootaa jedhamee maqaan isaa dhallotaa irraa garaa dhallotaa dabraa! Gootaa isaan bakkaa bu’uu Akkamitii dhabnaa? Gafii kanaa isiinif dhisee anii keessatuu nutii goottaa jedhanii kana of dhadesaaniif,,,,,,,,,,, qabsoon Uummataa oromoo addemsaa kanaan kan ittii fufuu yoo ta’ee hawiin keenyaa hundaa abbjuu ta’ee qofaa hafaa,kun akkaa hin tanee yoo barbanee Gootaa dhiraa dhiraa caaluu dhabuu hin qabnuu,Gootnii nu barbachissaa kan nu gurmessuu,kan nu ijjaruu,hirmatee kan nu hirmachisuu,abbjuu,qabsoo Uummataa oromoo gootaa dhugoomsuu qabchuun yeroo amaa kanaa kessaa murtessa dha.

Dachee keenyaa samameen,beelofnee,dhebonne,hidhamnee,rebamnee,ajjeefaamnee,Baqanee,faaffacaanee,sagalee keenyaa samameen jirachuu nuf haa ga’uu.kanaaf qeerroon biyyaa keessaa falmii isaan godhaan jiraan waan na bonssuu dha hatauu male rakkollee afaaniin dubbattanii dhumuu mitii haacucuaan irraa jiruu,nutiis ilmaan oromoo kan biyyaa anbaa keesaa jirruu kallatii dandaa’aamuun hundaa isaan cinaa kanaa daraan dhabachuu dhaan warregamaa barbachissuun hundaa kafuluu dhaaf of qophesun fi ejjaanno qabachuun dirqamaa ta’eraa. Sodaan anii qabuus qabsoo media (media campaign) ta’ee akkaa hin hafnee qofaa sodadha,lamii oromoonii hundii kallatii danda’amuun hundaa qabsoo keenyaa dhugomsuun gahee keenyaa bahuu dhaaf of amansiisuu dirqamaa lamii hundaa ta’uu qaba.

Hora bula galatomaa!
Naf Ofkolchaa!

Hub:- Uummataa bellaan rakkachaa kaan jirraniif waan dandenyuun hundaa gargaruu akkaa qabnuu asumman dhamdhaa lammituu lamiif dhaqabbaa!

‪#‎EthiopiaFamine‬
‪#‎BBCAfaanOromoo‬
‪#‎AfaanOromooForFederal‬
‪#‎SayNo2MasterPlan‬

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …