Oduu Haaraya

Ummanni Sooriyaa Turkiyaa keeysaan Awrooppaatti baqatu malee carraa biraa ni dhaban.

Biyyi Arabaa takkalleen daaima kana qubsiisuuf qophii miti.
Saudi, Abu Dabi, Bahreyn, Qaxar, Misra, hundi warra sooriyaa hin qeebalan.
Libaanoosii fi joordaantu qeebalaa ture Isaanis dhaaban.
Turkiyaa Qofaatu Hafe hanga ammaa tan hin didin.

Gaafa kana dhageeyse guyyaa biraa tokko dhufee Saudi qofaatu adunyaarraa Islaamaan bula yoo sin je’e, Islaamummaa mucaa kanaaf bakka qubsumaa dhabde moo je’iin?!

Mootummaan Arabaa yeroo Isaan qeebalu dide kanatti Jarmantu Isaan qeebaluuf qophiidha.

Sheekni Saudi tokko ykn kan ija cufatee Sheekkooti Saudi jala deemu tokko guyyaa biraa hoggaa Inni biyya kaafiraatti baqatuun haraama sin je’e, biyya Islaamaa tan warri Sooriyaa itti baqatuu naaf himi je’iin! Biyya Arabaa tamtu Daaima kana qeebaluuf qophiidha je’iin?!
Hin jirtu takkalleen, hundi daaima kanaa fi haadha Isaa qubsiisuu didanii jiran.

Ruuza Quufanii hoggaa fatwaa godhan namuu akka Isaaniiti waan ruuza quufe sahan!
Rabbiin miskiinoota Suuriyaa haa gargaaru.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …