Oduu Haaraya

Godina Dhihaa Oromiyaa Magaallan Amboo fi Neqamtee Raafama Keessa Seenanii Jiru. Mootummaan Wayyaanee Human Waraanaa fi bBsaasota Isaa Hedduminan Bobbaase Jira.


=================================================
Gabaasa Qeerroo Fulbaana 2, 2015 – Qeerroo.Org

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF jedhamtu Uummata Oromoo irratti mana diiguun, lafarraa buqqisuu fi mirga uumamaa fi dimookiraasii irraa mulquun uummaticha haala rakkisaa keessa galchuuf shirri guddaan abbaa irree Wayyaaneetiin dalagamaa jiru uummata FDGtti kan seensisuu danda’u ta’uu Qeerroon hubachiise. Gidduu kana immoo ilmaan Oromoo nagaan magaalaa Neqemtee keessatti ajjeefamuu fi manneen jireenyaa uummata Oromoo seeraan ala ijaarame maqaa jedhuun kanfaltii tokko malee diiguun uummata dahoo illee dhorkachaa jiraachuun malattoo mootummaa garboomsaa keessa tokko ta’uun beekamadha.

Haaluma kanaan gidduu kana manneen galmaa jiraattoota magaalaa Amboo 10,000 oli diiguuf wayyaaneen murtii irra ga’uun erga ifatti saaxilamee booda, Qeerroon dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo diina mana galmaa keenya diiguuf jiru dura gamtaan ni dhaabbannaa wareegama barbaachisuu baafna malee manni galmaa keenya hin diigamuu jechuun walga’ii wayyaaneen uummata amansiisuuf waamte irratti uummatni gaaffii mirga fi dimookiraasii gaafachuun walga’iin wayyaanees nu hin ilaallatu, isin bakka keenya bu’uu hin dandeessan jechuun dargaggootni fi uummatni walga’ii wayyaanee bittinnesse.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF aantummaa uummataa hin qabne sochii uummataa dura dhaabbachuuf tajaajiloota akka ibsaa, bishaan fi Network fa’aa Magaalaa Amboo irraa balleessuun uummaatni dukkana keessa jiraachaa kan jiran ta’uun ibsame, humnootni waraanaa, poolisii federaalaa fi humnootni basaasaa magaalaa Ambootti guuramaa jiraachuun hubatame jira.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan abbaa irree wayyaanee magaalaa Neqamteetti ,mana galmaa uummataa diigaa, ilmaan Oromoo rasaasaan reebee ajjeesaa jiraachuun uummata haalaan waan dheekkamsiiseefi uummatnis sagaalee diddaa dhageessisuu waan eegaleef abbaan irree human waraanaa heddummina qabuu fi humnoota basaasaa heddumminaan magaalaa Neqamtee galchee jiraachuun ibsame.

Qeerroon bilisummaa Oromoo yakki ulfaataa uummata keenya irratti dalagamaa jiru eenyumaaf illee boqonnaa kankennuu miti.qe’eetti manni nurratti diigamaa, qe’eetti rasaasa loltuun reebamnee ajjeefama fi qe’ee irraa buqqifamaa fi hidhaa fi torture garaagaraan dararama utuu jirruu
dhalli Oromoo kam iyyuu walga’ii mootummaa wayyaanee akka hin hirmaanne, ajaja wayyaanota irraa darbuuf akk hin jilbeeffanne, mootummaa Wayyaanee fi ergamtootni Wayyaanee hirmii uummata Oromoo ta’uu hubachuun uummatni keenya bakka jirru hundatti, tokkummaa, jaalalaa fi irree keenya jajjabeeffachuun diina yakka sanyumma irratti hundaa’ee nurratti gaggeessa jirachuu humbannee yoom iyyuu caalaa yeroon gamtaan diina of irraa gadi teesisuuf kutannoo fi murannoon qabsoo FDG jabeessuun furmaata ta’uu ni hubachiifna.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …