Oduu Haaraya

Ummata Oromootu hooggantoota dhaabbilee siyaasaa akka tokkooman  kadhachuu qabamoo, hooggantoota dhaabbilee siyaasaa Oromootu tokkummaaf ummata Oromoo kadhachuu qaba?

 

……. Kutaa lammaffaa

Barreefama kiyya kutaa tokkoffaa keessatti dhimma waamaicha tokkummaa ilmaan oromiyaa ilaalchisuun, waanuma natti muldhatee fi ittiin guungumaa deemu, maalifan yaada kiyya nama wajjin hin qooddanne jedhee, waanta haarawaa qabaachuu baatus, waan hundi keenya quba qabnu barruun dhaammachuu barbaade. Dhugaa dubbachuuf yaadi ilmaan oromiyaa dhimma barruu kanaan wal qabsiisanii naaf gumaachan eddu barumsaa fi gorsa oromummaa irraa argadhee jira. yaada gummaacha gabbisaa fi qeeqa gara garaa lammiin koo naaf kennitan hundi keessan ulfinaa fi galata argadhaa jedha.

“Waa malee manni hin haaru” jedha oromoon yeroo waatu jiraa nama akeeku. Anis dhimma tokkummaa ilaalchisuun barruudhuma gaggabaabduu barreessu keessatti waa tutuquun koo hin oolle. Garuu ammam akka hojiitti hiikamaa jiru ilmaanuma oromoof dhiisee gama kiyyaan garuu qulqullinaan  dhimmi tokkummaa qabsa’otaa akka lalisu haarsaa inni akka dhuunfaatti nagaafatu bahuuf mamii hin qabu. asi irratti waantan jechuu barbaadu tokko garuu tokkummaan qabsa’otaa kan dhufu fadhaa fi hawwii gara ykn qaama tokkoon kan dhalatu otoo hin taane, of kenniinsa qaama hundaa gaafata. Yoo hawwiin tokkummaa afaanirra hin darbinee fi  waan tokkummaan gaafatuuf hin abboomamne jecha irra darbee bu’a qabeessa hin tahu.

Asi irratti dubbiftootaan oofkaltii naaf kennaa jechaa, mee dhimma tokkummaa kana irratti akkaataa hooggantootii fi namooti tokko tokko ilaaluu yaadan kaasuu barbaada. Dhaabbileen siyaasa oromoo fi abbootiin siyaasaa tokko tokko dhimma tokkummaa mooraa oromoo fiduuf oromoon bara baraan gaafachaa jiru hundeen hubannoo qabaachuu dhabuun isaanii rakkoo mataa isaa dandahee dha. qabsoon oromoon itti jiru bilisummaa, abbaa biyyummaa fi mirga dimokraasii alagaan nurraa fudhatame deeffachuuf qabsootti jira. qabsoo qara sadii (galii) qabdu gaggeessaa jirra. Tokkoffaan qabsoo abbaa biyyummaa oromiyaa deeffachuuf taasifamuu dha. lammaffaa qabsoo bilisummaa sabaa (oromoo) akka dhuunfaattis ta’ee akka sabaatti qabnu goonfachuu dha. sadaffaan mirga dimokraasii sarbamne argachuuf. Asi irratti galiin  qabsoo sadan kunuu hubannoof yoo tahe malee dhimmoota addaan bahanii ilaalaman miti. Haatahuu garuu sadan isaaniiyyuu madaallii isaanii eeggatanii hin deeman yoo tahe rakkoon isaan mooraa qabsoo keessatti dhalchan salphaa miti. Kan mooraa qabsoo oromoo keessatti mudataa jiru galii sadeen kana madaallii isaanii eegnee deemuu dhabuu keenya muldhisa.

Sadan kana keessaa tokko yoo hirdhuu ykn hanqina qabaate, qabsoon harkifachuun dirqama ta’a. madaallii galii qabsoo oromoo sadan kana eeganii deemuun ammoo dirqama hooggantoota jaarmiyaalee oromoo ti. Jaarmiyaaleen siyaasaa oromoo walitti dhufeenyaa fi garaagarummaa galii qabsoo oromoo sadan kana hubachuu dhabuu irraa kan maddu, yeroo rakkoo gara garaaf saaxilamnu argina. Tokkummmaan mooraa qabsoo oromoo keessatti dhufuu qaba yeroo jedhamu madaallii galii qabsoo oromoo sadan kana kan dhugoomsu tahuun dirqama. Jaarmiyaan siyaasaa mirga dimokraasii miseensaa isaa hin eegnee ykn kabajee hin kabachiifne bifa kamiinuu galii abbaa biyyummaa fi bilisummaa sabaa eegsisuu ykn dhugoomsuu hin danda’u. akkasuma jaarmiyaan siyaasaa bilisummaa mataa isaa qabaatee bilisummaa miseensaa fi jaarmiyaa biraaf hin qabne, mirga dimokraasii fi abbaa biyyummaa oromiyaa dhugoomsuuf humna itti hin qabu. bifuma wal fakkaatuun galiin siyaasaa abbaa biyyummaa oromiyaa dhugoomsuuf hin warraaqne itti bahi isaa karaatti afuu dha. asi irratti waanti jala muramee ilaalamuu qabu galiin qabsoo oromoo sadanuu yoo madaallii isaanii eeggatanii deeman duwwaa qabsoon furga’uu dandeessi. Dhimmoota sadan kanaan yoo dhaabbilee siyaasaa oromoo fi hooggantoota isaanii madaalle ykn keessa isaanii sakattaane rakkoo maaltu jira ykn jabina maal qabu jennee ilaalla tahe, maal tahuu akka malu dubbiftootaaf dhiisa. waanta tokko garuu dhimmi kun sadan madaallii isaanii eeganii deemuu dhabuun, tokkummaa qabsa’otaaf rakkoo akka tahe jala muree darba.

Dhimma kana waantan kaaseef, qabsoo keenya guddina siyaasaa oromoo wajjin wal qabsiifnee akka ilaalluuf. Dhimmootiin sadan galiin qabsoo oromoo ammachuu qabu kun fardii dha. dhalooti qubee dhimma sadan kanaaf baayyee itti dhihoo duwwaa otoo hin taane, qooqaa fi jireenya isaa taasifatee jira. qabsoon oromoo jaatamoota keessa ittiin masakamaa ture falaasama siyaasaa warra bahaa fi dhihaa (coministii fi kappitaalistii) ka’umsa taasifatee dhimma qabsoo oromoo ilaaluun isaa yeroo sanatti sirrii dha. waltajjii amma irra jirru kanatti garuu, haala guddina siyaasaa oromoo wajjin muuxeffachuun dirqama. Jaarmiyaaleen siyaasaa oromoo  ykn hooggantootiin 60moota keessa turan haala guddina siyaasaa oromoo ammaa wajjin of sirreessuun dirqama taha. Tokkummaan mooraa qabsoo oromoo kan dhufuu malus yoo kun dhugoome duwwaa jedheen akka nama dhuunfaatti yaada qaba. kanaan ala garuu seenaa kaleessaa dubbachaa fi waltajjii amma keessa jirru dagachaa yoo deemna ta’e, tokkummaan nuti mooraa qabsoo oromoo keessatti hawwinu tasa hin dhugoomu. Haalli amma irra jirru yoo wal sobuu fi wal mooksuu taate malee, yeroo sirreessa hundee barbaaduu dha.

Yeroo tokko tokko akka amma argaa jirrutti dhimma tokkummaa oromoo dhimma caalanii argamuu jaarmiyaa siyaasa tokkoo taasisanii namootiin ilaalan ykn jaarmiyaan siyaasaa ilaalu ifatti muldhatu. Dhimma tokkummaa kana irrattis yeroo waa jedhan jaarmiyaa ofii keessa jiran duwwaan daangahanii, yeroo ilaalanii fi yaada kennatan ilaalla. Kan nama ajaa’ibu garuu, jaarmiyaan tokko ykn namni dhuunfaan tokko jaarmiyaa isa kan biraa ykn nama dhuunfaa wahii dhiifama gaafachuu akka qabutti yeroo ilaalanii fi irraa dubbatan dhageenya. Kun kan muldhisu barbaachisummaa tokkummaa mooraa qabsoo oromoo egeree qabsoo sabaa wajjin otoo hin taane, fayidaa fi daangaa dhimma jaarmiyaa ofii keessa jiranii ykn abbummaa nama dhuunfaa tokko dhugoomsuun kan milkahuu ykn raawwatu taasisanii ilaaluun ammas rakkoo jiru hubachuu dhabuu dha. karaa biraatiin ammoo rakkoon tokkummaa mooraa qabsoo oromoo keessatti dhabameef nama dhuunfaa ykn garee wahii itti gaafatama godhanii ofii qulqulluu tahanii dhihaachuu yaaluu dha. kun bifa kamiinuu tokkummaa hin fidu. Rakkoon hunda keenya bira akka jiru of amansiisuu dha.

Barruu kiyya keessatti yeroo hunda dhimma tokkummaa waantan kaasuuf akka hubannoo kiyyaatti egereen qabsoo oromoo fayidaa jaarmiyaa siyaasaa fi nama dhuunfaa caala, egeree qabsoo sabaaf fafa inni qabu waantan hubadhuuf. Abbaa biyyummaa oromiyaa, bilisummaa saba oromoo fi mirga dimokraasii ilmaan oromiyaa dhugoomsuuf qabsoon itti jirru haala walxaxaa addunyaa fi fala waloo waanta gaafatuu dha.  yeroo tokko tokko dhimma numarsee jiru waanta dagannus ni fakkaata. Galiin qabsoo oromiyaa dhimmoota sadan (abbaa biyyummaa, bilisummaa sabaa fi mirga dimokraasii) ammatee shaffisaan galma hin gahu taanaan, haala walxaxaatu numudata. Dhugaa dubbachuuf tokkummaa dhabiinsi dhaabbilee siyaasa oromoo rakkoo gara garaaf qabsoo saaxilee jira. dhimma amantaa, naannummaa fi maal nadhibeen marfamee jiraachuu duwwaa otoo hin taane, ittiin masakamuun jalqabamee jira. haalli kun yoo yeroon fala isaaf malu waloon itti kennuun hanqate, gaabbii dhalootaaf darbu lafa kaahaa akka jirru hubachuu barbaachisa. Dubbiin ebelu najaata ykn najibba jennee haqa lafa jiru dhiisuun hin danda’umu. Kanaaf tokkummaa waanti jedhamuuf akkaataa namootiin tokko tokko itti dubbatan otoo hin taane, egeree qabsoo sabaaf murteessaa waan taheef. Kun ilmaan oromiyaa hunda keenya yaaddessuu qaba. yaaddahuu duwwaa otoo hin taane falli isaas nu harka akka jiru itti amanuu qabna.

Falli inni duraa jaarmiyaan tokko ykn namni ebelu jedhamu kaleessa kana raawwate jennee yeroo isa itti hafarsinurra hin jirru. Kan kaleessaa seenaaf dhiifamee kan hardhaa fi boruu akkamitti qajeelfachuu akka qabnu yaaduutu karaa dha. ilmi namaa kamuu yeroo hojatu dogongora ni raawwata. Waanti guddaan irraa barachaa deemuu danda’uun ammoo beekumsa. Qabsoon bilisummaaf goonu yeroo hunda waantota qajeeltoo duwwaarra deema jechuu miti. Rakkinas dhalchuun isaa beekamaa dha. kanas beeknee sirreefachuu dha. Akkuma Mohandas Gandhi “freedom is not worth having if it does not include the freedom to make mistakes” jedhe sana adeemsa siyaasaa keessatti namuu rakkoo gara garaa keessa seenuu ni mala. Sababni isaa saba ofii miidhuuf otoo hin taane, filannoon gara garaa hoogganatti muldhachuu mala. Rakkoo kan tahu garuu isa irraa barachuu dhabuu ykn maaliif kaleessa ebelu akkas godhe ykn keessa seene jedhanii yaaduun mataa isaatiin rakkoo kan biraa dhalcha. Kanaaf dhimmi tokkummaa oromoo kun yoo dhukaan ilaalle malee, akkumma baratame dhimma olola gareef dhimma itti baana yoo tahe eessayyuu hin geenyu.

Dhuma irratti dhaabbileen siyaasaa kamuu tokko kan biraa caalee ykn fayya qabeessa tahee, jaarmiyaa biraa irraa affeerraa ykn dhiifama eega yoo tahe, ammas “Bacaqii Roobaan , dhukkee ykn hawwaara kaasuuf lafa dhiitaa” akka jiru beekuu qaba. bacaqii roobaan hawaarri olkahu tasa waanta hin jirreef.

Kutaa sadaffaan walitti deebina….

Ulfaadha

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …