Oduu Haaraya

Ustaaz Kamaal Heeboo wareegame jedhu

Kamaal Heeboo

Innaalillahi wa’innaa ileeyhi raaji’uun

Rabbiin Jaannataan sihaa qaniinisu goota Sabaa.

Diinni uummata Oromoo bilxiginnaan Jaal Kamaaliin aj*jeesuu dadhabnaan “Ni ajjeesame” jechuun kan gaddite fakeessuun titisota ishee wacisiisaa jirti.

Jaleewwan PP amma fakkeesitu kun jaallewwan Jaal Kamaal bakka tokkotti akka dhumaniif warra re’ee fayyaa summii waraanee itti kenne dha.

Jaalattes jibbites caasaa diinni/bilxiginnaan/ uummata Oromoo kibba Baha Oromiyaa ittiin takaaluun dararaa jirtu dhalootuma WBO kanaan ni cicirama.

Jaal Kamaal osuma wareegameera ta’ee iyyuu akka wareegamuu danda’u beekee, itti amaneetu lubbu isaa saba isaaf kennuuf itti gale.

Ilmaan Oromoo Oromiyaa guutuu irratti kokkee diinaarra ejjetee argitu kun akkanumaan hin argamne. Hidhannoon gatii gururtaa gabaa har’aatiin shalagamee qr. Billion 10 ol baasu kun lubbuu meeqi itti kanfalameetu walitti hidhachiisame.

Jajjabeewwaan hidhannoo guutu waliin akkana bareedan kana argitu salphaa sitti hin fakkatiin. Warra du’a waliin kokkee walqabaa, du’a injifatanii har’a gahani dha. Guyyaa guyyaan meeqaatu diina gogombisaa wareegamaa jira.

Qaqaaliwwan ilmaan Oromoo W*BO keessaa tokko kan ta’e J. Kamaaliin addatti baasuun maaliif akka ololamaa jiru beekamaa dha. Dhimmichi akka obboleewwan tokko tokko babarreessaa jiran dhimma gandaa, gosaafi amantii miti. Tarii wallaalaan ajandicha jalaa wacuufi booyu waan hingalleefii baayyeen ni jiraata. Garuu haqi jiru jarri ololicha sobaa facaasaa jiru warra J.Kamaaliin balleessuuf adda dureen dalagaa jiran dha.

Diinni babal’insaafi deegarsa W*BOn Kibba Baha Oromiyaatti gochaafi argachaa jiruun yaddoo guddaa keessa galee jira. Keesumaa qarreefi qeerroon godinaalee kanaa *WBOn waraana isaa akka Kutaalee Oromiyaa biroo irratti babal’ise nubiratti hin dalaginne jechuun komii dhiyeesaa jiru. Anumaan illee miseensa WBO nasehuun fakkaata komii akkanaa natti dhufuu nan yaadadha.

Waan maraafuu odeefannoo maddeen amanama guddaa qaban akka ibsanitti Jaal Kamaal jallewwan isa waliin hojji jarmiyaa isaa W*BO/ABO jabduu irra jira. Ka’umisi olola diinaa amma oofamaa jiru kun tarii J. Kamaal iji basaastoti diinaa bakka dura gooticha argaa turanitti arguu dhabuu irraa kan ka’e ta’uu mala jedhameetu yaadama.

Ustaaz Kamaal Heboo hayyuu amantii fi qabsaayaa dha. Bara dhaloota kanaa keessatti hayyuu amantii sadarkaa ustaazummaatiin qabsoo hidhanootti dabalame isuman beeka. Gaafa W30tti dabalame sana ajandaa guddaa akka tures hin dagannu. Amma ammoo wareegame jechuu dhageenya. Namoonni durattuu hawaasa duratti beekaman akkasii gaafa qabsootti dabalaman akkuma ajandaa turan hunda gaafa wareegamanis ajandaa tahuun waan ooluu miti. Kanaafuu irraa dubbatamuun dhimma gandummaatti hirkifamee tuqamuun sirrii miti. Wareegama namoota akkasii irratti odeessi qulqullaawaan sabaaf himamuu barbaachisa. Yoo san tahuu baate ajandaa gidduu kanatti dhalatutu tokkummaa saba keenyaa gaaga’a. Kanarraa kan nagadatu ammoo 100% diina qofa. Kanaafuu ajajni ol’aanaan W30 namoota dursitoota hawaasaa turanii qabsootti keessatti wareegamaniirratti dhugaa jiru sabaaf himuun qaawwa diinaaf banamaa jiru dafee cufuu barbaachisa.

Haaluma wal fakkaatuun wareegamni ajajoota waraanaa sadarkaa cibraatti hogganaa turanii kan akka Jaal Tokkichoo faas baatii muraasa dura ajandaa wal fakkaataa uumee ture. Odeessa qabatama hin qabne deddeemaa turerraa kan buufatu diina qofa waan taheef akka ajandaa hin taanetti namoota gorsaa turre.

Kanaafuu ajajni W30 ol’aanaan yeroo itti waraanni isa fakkaatee qehee Oromoo goolaa jiru diinaan leenjifamee maqaa waraanichaa yakkuuf duulaa jiru kanatti dubbiiwwan akkasii xinneessee laalee callisaan bira dabruun gaarii miti. Dhugaa dha, lubbuun dhala Oromoo kamuu wal qixa. Kan qabsoof of kennee bahes wareegamni akka jiru innuu of beeka. Haa tahu malee namoota maqaan isaanii hawaasa keessatti beekamaa kan firaafis diinaafis ajandaa tahuu danda’an yeroo wareegamanitti wareegama isaaniirratti iftoominaaan sabaaf ibsa godhuun qaawwa diinni ittiin gargar nu ciruu barbaadu itti cufuuf gargaara.

Qabsaayota Oromoo wareegaman hundaaf jannata hawwina.

Qabsaayaan ni kufa, qabsoon itti fufa!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *