Oduu Haaraya

Waayeee ummata Oromoo khana beeytuu laataa?

Mohamed Abdulkadir

Hayyoonni Oromo hedduun biyyaa fi saba isaanii fayyaduu dhorkamaniit akkuma faca’aniin hafan.
Isaan keessaa 1 ‪#‎Mufti‬ MohamedSalah Sa’id Diimaa Elemoo jedhamu.
1939 keessa ona Carcar, aanaa Habro ganda Dikicha keessatti dhalatan. Baruumsa amantii Islaamaa, Qur’ana irraa qabanii kitaabban gurgudda biyyattii keessatti baratamu hunda Oromiyaa kutaalee gara garaa keessa naannawuudhan baratanii fixan.
Bara19 shantamoota keessa Baruumsa isaanii ol guddisanii ragaa seeratiin akka isaanif fudhatamuuf gara Misra/Egypt miilan imalan.
Eega Bu’aa bahii hedduu keessa dabranii miilan Misra gayan, University Azhar kan Kayro /Cairo keessa jirutti galmaawudhan baruumsa isaanii xumuratuudhan 1963 keessa digriidhan eebbifaman.
Akkan isaanirra dhagayetti motummaan Habashaa kan gaafasi (Heylesilesen ) nama Oromo kan alatti barate ( keessumattu amantii Islama) biyyatti deebi’e saba isaa fayyaduu waan hin hayyamneef gara Somaliya ergamuudhaf dirqamn.
Saniin Somaliya keessa qubatanii waggaa dheeradhaf Amanticha barsiisaa fi hiriyyoota isaani kan akka Shekh Mohamed rashad fa’a wajjiin tahudhan, tajaajila barbaachisu hunda hogganoota qabsoo Oromotif akkasuma baqattoota Oromo tif kennaa turan.
1991 keessa gara Oromiyatti deebi’anille rakko adda addaatin wal qabatee waan jiraachun itti ulfaatef lamu gara Kenya baqatuun isaan mudatee achumatti bara 2008 keessa du’aan boqotanii , anaa fi ilmi isaanii Mas’ud reeffa isaani bakja dhaloota isaanitti geessuudhan ollaa awwaala abbaa isanitti awwaalaman.
Akaakiyyee kiyya Rabbi rahmata godheefii Jannata keessa haa qubsiisu jenna!

Check Also

masjiida shaggar

Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoota kudhanii ol erga itti salaatamee booda carraaqqiifi roorroo meeqaan kaartaan akka kennamu eenyunuu ni beeka

Ustaaz Ahmaddiin jabaliin Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo ta’e Muslimootaaf …