Oduu Haaraya

Wal bekuu irra waliif beekuu wayya jedhaamiti ree Oromon wayta dubbatu.!!!

 

Dhaabbanni Oromia Media Net-werk OMN torbaan Sadihiin dura Qophii marii manguddota Oromo lamaa waliin gad-geysee ture.

Manguddota lameen keysaa manguddichi tokko maqaa Oromonni Ilmaan Isaaniif moggaasaa jiran laalchise komii qabu fi gorsa akka manguddo tokkotti dhiheyse ture.

Akka fakkenyaatti maqaa Mohammedi fi khadiijaa maqaa dhaweti kan komi qabu dhiheyse , kuni waan nama mufachiisu fi dallansisu tokkolle hin qabu .

Maqaan Mohammed fi maqaan khadiijaa , Aaminaa akkasuma maqaan Abdallaa fi Alii , Umar , Usmaan , Abdurahaman , Abu-baker akka fakkenyaatti yo fudhannee maqota Amantaa Islaamaa walin walitti hidhata qabumiti.

Sababani isaas Nabi Mohammed (saw) osoo hin ergamin dura maqaa Mohammed Ilma Abdallaa ja’amuun waamamaa ture .
Kuni amanti islaamaa walin walitti akka hidhata hin qabne kana duwwaatu nuuf ragaa guddaadha.

Maqaa fi amantii Islaamaa laalchise Muftiin Sa’udii Duraanii Shek Abdul’aziiz bin baaz 1424tti gurbaan maqaan isaa jorj ja’amu tokko Islaamawee waaniin jiru maqaa jijjirrachu na bar-baachisa ja’ee gaafannaan akkana ja’een .” Maqaa fi Islaamummaa maaltu walitti fide ”
fenaan ni-jijjirratta tetu ni-dhiifatta ja’ee debiseef .

Garuu doggarri yo jiraate gulaaltota OMN biratti argama male bakka biraa tokkolle hin jiru.

Sababni isaas kesummichi ykn manguddichi bekkaan ykn wallaalaan maqaa Mohammedi fi khadiijaa tuquu mirga gutuu qaba , garuu maqaaleen lamaan kuni tuqamuu hawaasni Oromo muslimaa akkamitti laalaa herraga keysa galchuun barbaachisa ture.

Garu warri OMN doggora hojjatameef balleysine jirra ja’anii hawaasaa bal’aa muslima Oromo dhifama gaafachuun isaanii geyaa fi amansiisa waan taheef dogoggora bekkaan hin hojjatamin waan taheef akkasumatti fudhachuun barbaachisaadha.

Gorsa ykn komiin manguddichi Oromo dhiheysan kana ammo komii sirriti jenne itti amanne fudhachu qabna,
Fakkenyaaf irra hedduun maqaa Oromonni muslimaa ittiin wal-waamaa jiran maqaa arabaati waan taheef hikkaa of dandeye qaba .

Fakkenyaaf maqaa dubartii ” Maftuuhaa” ja’amu akka fakkenyaatti yo fudhanne “BANAMTUU ” jechuudha waan taheef hikkaa maqaa baadhatanii deemaa jirani bekuu dhabuun midhaa guddaa fi anba namatti kofalchisa waan taheef maqaa hikkaa isaa beynu ykn hiikkaa afaan Oromotiin qabu waliif moggaasu qabna je’e male jaarsi ykn manguddichi Oromo OMN irratti komi ykn gorsa dhiheyse ture waan biraa itti yaade akka hin tahin waliif hubachuun heddu gaariidha jechuniin barreyfama kiyya xiqqaa kana xumuraa galatoomaa.

Gaazexeysaa fi Barreysaa
Afaan Oromo fi Arabaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. Yaa gazexeeysaa Afaan Oromoo fi Arabaa:

    Wanni ati jette logically sirrii dha. Wanni ati hubachuu dhabde garuu, ummanni keenya irra jireenyaan sadarka san hin geenye akka ati itti laalte sanitti laaluuf. Nu Oromoon amantii garagaraa qabnu reefu wal baraa jirra. Komiin akkana kuni waan miidhu malee, waan fayyadu hin qabu. Mee ati namichi kuni maalif Mohammadi fi Khadija filate sitti fakkaata? Utuu inni hamtuu yaadullee baatee, dubbiin ni fakkaatti. Khadijaa fi Faaxumaan maqaa habashoonni dubartii teenya ittin qoosaa turan tahuus hin irraanfatin. Khadijaan warra Rasuulaati, Faaxumaan intala Rassuulaati…kana isaan sirritti beekan. Maqaalee san qoosuu jechuun amantii teenya qoosuu isaanii ti. Komiin namicha kana sirrii miti. yeroon isaalleen ammaa miti. Bikki isaalleen OMN irraa miti. Period!

  2. Yaadni ati araaraaf dhiheessite gaaridha. Garuu dubbicha atis akkuma nuti Muslimtoonni hubannetti akka hubatte nin beeka,sababni isaas maqaalee dila jiran keessaa ‘Muhammad’…..? Ee osoo moggattuu maqaalee Sabootaa fi amantaalee biroos kan baadhannee deemnu dubbatanii maal laataa qaba. Bishaan jige hin deebisaniifuu ta if duraaf “wal beekuu irra waliif beekuun” haa baratamu.