Oduu Haaraya

Wal ga’ii hatattamaa Boordiin IOHPA galgala kana taa’een murteen armaa gadii kennamee jira.

IOHPA Board of Directors convened an extraordinary emergency meeting tonight and passed a resolution to establish a Task Force to coordinate fundraising efforts among the Diaspora communities and organizations.

The Board of Directors also passed a unanimous decision to allocate Eth Birr 1,000,000 to provide emergency food assistance to famine affected communities in Borana.

Dr. Gudata Hinika, founding member of IOHPA and Founder and President of Nagelle Arsi General Hospital and Medical College also pledged Br. 1,000,000 towards the same cause. Other members of the BoD also pledged a total of 1.54 million Ethiopian Birr equivalent in Dollars.

Wal ga’ii hatattamaa Boordiin IOHPA galgala kana taa’een murteen armaa gadii kennamee jira.

1. Hoggansa Boordii IOHPA jalatti Task Force dhimma gargaarsa ummata keenna Oromoo Booranaa fi ummata Oromoo godinaalee gammoojjii keessa jiran balaa beelaatiin miidhaman qindeessu akka dhaabamu. Koree task force kana keessatti boordii IOHPA keessaa Dr. Ibraahim Amae Elemo, Dr. Sule Nuredin, Dr. Abashamo Lencho, Dr. Obsa Hassan, Aadde Obsee Luboo (RN) Aadde Jenny Nure (RN) filatamanii jiru. Koreen kun hojii haga ammaa hojjatamaa ture, akka gaarii jajjabeessee kan fuula dura ittiin deemu ta’a.

2. Fandii IOHPA irraa deeggarsa miidhaan nyaataa fi gargaarsa ummata beela’eef kan oolu sharafa Birrii Itoophiyaa ammaan kanaatiin Birriin 1,000,0000 akka kennamu

3. Koreen Task Force dhaabbate kun qarqaarsii kenname kallattiin ummata beelaa’een adoo hin hatamnee ykn dhimma biiraatiif akka hin oolle to’atee Hawaasa Oromoo fi ummata keenna biyya alaa jiruu irraa gargaarsa kennamaa jiru akka walitti qabee karaa caasaa biyya keessaa qabuun dhaqabsu.

4. Karaa Midiyaa Hawaasaa tiin yeroo yeroon ummata keennaa fi qarqaarsa kennamaa jiru gabaasaa akka godhu, Gargaarsa kennamaa jirullee ragaa walitti qabee akkanuma akka ummata beeksisu.

Haaluma kanaa miseensotii Boordii IOHPA wal ga’ii hardha irratti hirmaatan irraa Deeggarsii armaan gadii Ummata kennaafi godhamuuf waadaa galanii jira

1) Dr. Gudata Hinika ( Abbaa Hospitaala Jeneerala Nageellee Arsii fi Koollejjii Medikaalaa) Qr. 1,000,000

2) Dr. Ibrahim Amae Elemo: Qr. 500,000

3) Dr. Ismail Hajji Tura: Qr. 200,000

4) Dr. Sule Nuredin, DR. Ibrahim Abdella, Dr. Melik Tiba, DR. Abashamo Lencho mataa mataan Qr. 100,000

5. Dr. Obsa, Dr. Naomy abdurahman, Dr. Abdurahman Rone Dr. Jafar , Adde Obsee gargaarsa haga ammaa godhaa turan akkuma jiruuti ta’e, dabalataan Qr. 50,000

6. Dr. Kinfe HYesus Qr 25,000

7. Dr. Mohammadnur Qr 70,000

8. Dr. Daga Sa’id Qr. 40,000

9. Aadde Jenny Nure, 25,000

10. Obbo Beekam Tolesa : Qr. 50,000

11. Dr. Firee Jawhar: Qr. 30,000

Dr. Abdurahman Rone, Kadiro Elemo, Muzamil Ibrahim FI maatiin isaanii yeroo lamaaf maallaqa gara Qr. 600,000 gahu gumaachanii ummata naannoo Taltallee jiru gargaarsa miidhaan nyaataa godhanii jiru.

Guyyaa Sadiin Dura ammoo karaa Waldaa Taltalle Relief and Development Association gargaarsii guuramee Qr. 1,040,0000 ergamee abbaa warraa 716 gargaarsii midhaan nyaataa, Zayiitii fi Soogidaa aanaa El-Wayyee fi Taltallee ti kennamaa jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *