Oduu Haaraya

VPN kan fedhiin tajaajilamtoota isaa Toophiyatti %5,000 dabale maali, akkamiin dalaga?


Fedhiin tajaajila networkii dhuunfaa (VPN) jalqaba torban kanaa Itoophiyaatti hanga dhibbantaa kuma shan dabaluu gabaasni mul’ise.

Itoophiyaan gabaasota qormaanni barattoota kutaa 12ffaa intarneeta gubbaa gadhiifame jedhu hordofee Wiixata eegalee miidiyaaleen hawaasummaa ijoo dhorkiteetti.

Sababa kanaaf, Facebook, Instagram, WhatsApp, Telegram fi Facebook Messenger kanneen tajaaajilli isaanii adda citedha.

vbn

Keessumaa taateen kuni yeroo lolli Kaaba Itoophiyaatti hammaateefi mootummaan labsii yeroo muddamaa labsetti mudate. Mootummaan irra deddebbiin gabaasa miidiyaalee alaa komataa ture.

Namoonni Itoophiyaadhaa BBC’n dubbise miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuuf Tajaajila Networkii Dhuunfaa (VPN) jedhamuun dhimma bahaa akka jiran himaniiru.

Akka dhaabbanni kuni jedhutti mootummoonni yeroo intarneeta dhorkan lammiileen dhorkaa kana keessa bahuuf tajaajila VPN fayyadamu. Chaayinaan fakkeenya tokkodha.

Oromiyaa iddoowwan adda addaatti tajaajilli interneetii ‘Mobile Data’ addaan cite
Wayita intarneetiin badu maaltu ta’a?
Saatalaayit Intarneetiin maali? Akkamiin dalaga?
Dhaabbanni buufata isaa Landan godhateefi dhimma mateenyaarratti dalagu, Top10VPN.com, jedhamu jalqaba torban kana Itoophiyaatti fedhiin VPN 5,109%’n dabaluu ibse.

”Guyyoota 28 Sadaasa 09 dura fedhiin VPN hammeentaa giddugalessarraa 1,661%’n olaanaa ture. Gaafa Sadaasa bultii 09 garuu giddugaleessarraa 5,109%’n ol guddate.

Guyyaa itti aanu Sadaasa bultii 10 fedhiin VPN 3,464% ture. Yeroo ammaa fedhiin VPN Itoophiyaa keessatti giddugaleessarraa 718%’n olaanaadha,” jedheera dhaabbatichi.

Itoophiyaa keessa tajaajilli miidiyaalee hawaasummaas ta’e intarneetii cufamuun waan haaraa miti. Keessumaa rakkoo nageenyaa irra deddeebbiin biyyattii keessa dhalatuun mootummaan cufaa ture.

Haa ta’u malee, isa torban kana cufame irratti cufuu isaas ta’e sababa cufame irratti addatti waan mootummaan dubbate hin qabu.

Gaafa Kamisaa garuu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa ‘nagaan xumuramu’ beeksiseera.

Qormaata biyyaalessaa bara 2013 kana irratti barattoonni 525,000 ol kan qoraman yoo ta’u, bakkee rakkoon nageenyaa jiru irra deebiin akka kennamu ibsame.

VPN maali, maal fayyada?
Softiweriin Virtual Private Network (VPN) qunnamtii amansiisaa bilbila yookiin kompiitara nama tokko intarneetii itti fayyadamuufi kompitara biraa intarneeta gubbaa gidduu jiruuti.

Tajaajila VPN’dhaan waajjiraa fagoo taa’anii sistamoota kompiitara waajjira jiru karaa amansiisaafi rakkoo hin uumneen qunnamuun ni danda’ama.

Tajaajilli 4G Itiyoo-Telekom baballisaan jira jedhu maalidhaa?
VPN fayyadamtoota isaaf tajaajila ijoo sadii kenna. Tokko eegumsa cimaadha. Inni lammataa qofaa fayyadamuu isaan dandeessisa, inni sadaffaan bilisummaadha.

VPN fayyadamuudhaan marsaritiiwwan daawwatuun rakkisu ilaaluuf yookiin appilikeeshiniiwwan cufaman akka dalagan taasisuun ni danda’ama.

Suuraa dachee maloota kominikeeshinii irratti diriiranii

Dabalataan dhaabbileen tajaajila intarneetii kennan odeeffannoo marsariitii daawwattanifs ta’e bakka daawwattan akka hin beekne godha.

Akkamiin dalaga?
VPN fayyadamuun bilbila yookiin kompiitara keessan intarneeta waliin yeroo qunnamsiistan sarvarii bakkee biraa jiru waliin qunnama.

Kana gidduutti garuu teessoon kompiitaraa (IP address) akkasumas bakka isin jirtan ni dhoksa.

Fakkeenyaaf osoo isin magaalaa Finfinnee teessanii VPN’dhaan intarneeta fayyadamtanii, VPN kuni teessoo kompiitaraa keessan jijjiiree Ameerikaa yookiin Awuroppaadhaa akka fayyadamaa jirtan agarsiisuu danda’a.

VPN bilbila, kompiitara fi taabileetii qofa osoo hin taane Simaart Tv fi raawutaroota irratti fe’uun ni danda’ama.

VPN hunduu amansiisaadhaa?
VPN tajaajila intarneetii eegumsa qabu argachuuf gumaacha taasisa. Haa ta’u malee, VPN hunduu eegumsi isaanii kan mirkanaa’edha jechuu miti.

VPN eegumsi isaanii hin mirkanoofne bilbila yookiin kompiitara keenyarra fe’uun balaa biraaf of saaxiluu dandeenya.

123456 – paaswordiin kee hangam cimaadha?
Sababa kanaaf ekispartoonni gosoota VPN eegumsi isaanii mirkanaa’e akka fayyadamnu gorsu. Marsariitiin Top10VPN.com qorannoo taasisee adda baasera kan jedhe ifa godheera.

Gareen kuni gosoota VPN kanfaltii gaafatan keessaa filatamoodha jechuun ExpressVPN, NordVPN akkasumas CyberGhost eera.

Kanneen kanfaltii hin gaafanne garuu tajaajila amansiisaa kennu jedhe keessaa immoo Windcribe fi ProtonVPN ni eeramu.

Maddi BBC

Check Also

digital

Ethiopia must answer in illegal spying case, digital rights group says

A .US. citizen whose communications were monitored by Ethiopian agents from afar is appealing his …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *