Oduu Haaraya

Wal gurmeeysinee qabsoo keenya cimsuu qabna

By Billisaa Mohammed

Fincilli Diddaa Gabrummaa guutuu Oromiyaa keessatti qabsiifamee ture erga qabbanaawee booda:-

1.Hidhaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu daran jabaatee itti fufee jira.
Kunis kan hammaachuu danda’eef wayyaaneen waraana isii kan ilmaan Tigraay qofa Oromiyaa keessatti bobbaasuudhaani Poolisoonni Oromiyaa ummata haleeluu didan akka hidhannoo hiikkatan erga taasifaman boodadha.

2.Poolisoonni Federaalaa fi waraanni wayyaanee dhalootaan Tigree tahan manneen abbootii qabeenyaa sakatta’uudhaan qabeenya Oromoo saamaa akka jiran qabatamaan irra ga’amee jira.

3.Manneen abbootii manaa gara hidhaatti guuramanis halkan cabsanii seenuudhaan gochaa dirqisiisanii gudeeduu(rape) dubartoota irratti raawwachaa akka jiran ifaan ifatti irratti dhaqqabameera.

4.Kaabinoonni OPDO sangoota qonnaan jiraattota Oromoo irraa saamuudhaan wayyaanota nyaachisaa jiran.

5.Namoota ciccimoo hayyoota achi buutee godhaa jiru.

Kanaaf qabsoon keenya qabbanaawuu hin qabu.
Wal gurmeeysinee qabsoo keenya cimsuu qabna

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …