Oduu Haaraya

Waliif galan alaa galan.

 

Tesfaye Daba Kumsaatiin

24.10.2016

Maree walii gala dhaabbilee siyaasaa Oromoo fi ummata Oromoo waliigala Fulbaan 22 hanga 23 qindeessummaa ogeessota seeraa Oromoo fi activistoota Oromoon qophaa ta’uun isaa ni yaadatama. Mareen akkasii haalaa akkasiin yaalamuun kan eegalaa akka ta’etti jajjabeeffamuu qaba.

Dhimma oromoo irratti Oromoon qusii tokko malee waliin mari’achuu fi wal hubannoo qabaachuun qabsoo oromoon itti jiru keessatti guddina tokko akka ta’e namuu hubatuun barbaachisaa dha. Haallen akkasii qopheessuu fi qindeessuun dandeettii bifa hedduu humna namaa, dinagdee, bakkaa, yeroo fi ogummaa kan gaafatu ta’uu isaa ifaa dha.

Qophiiwwan akkasii yennaa qophaawan itti ba’a isaa ijoo gaarii fi barbaadamuun xumurachuunis kan inni hundaawu qabxiiwwan kana irratti rarra’uun akka ta’e kan namuu irratti waliigalu ta’a. Mana tokko ijaaruuf namuu yaada irraa eegala. Mana attamii akka ijaarrachuu barbaadu yaadaan lafa keewwata. Hawwii yaada isaan kanaan kan wal gitu humna dinagdee isaa qopheeffachuu itti aansa. Iddoo isaa filachuun yeroo isaa murteessa. Mi’a ykn qodaawwan ijaarsa kanaaf isa barbaachisan bakka hawwe sanatti buufachuu eegaluun lafa irratti bu’ura isaa eegala. Egaa ejaarsi waa maraa tartiiban kana guuttachuun akkuma eegalu hundaa; walga’iin UK irratti ta’e kunis haalawwan kana guutatuun kan akeekame akka ta’en amana.

Yaada gaarii ilaalcha fagoo kan qabaatu akka ta’e tilmaamuun eegala kana jajjabeessuu fi yaada ijaaroo ta’an itti gumaachuun dirqama nama haqa barbaadu kamuu ta’uu yoon hubadhu fedha yaada ijaaroo ta’an fudhachuu bu’ureessitoota kanaa fi kanneen waan kanatti qooda fudhatan hundaa ta’u akka qabus murteessaa dha. Yaadawwaan ijaaroo jedhaman ciminaa fi laafina kanneen kaasanii fi akkasumas yaada haaraa ida’uu kana akeekan kanneen of keessatti haammata’u ta’uu akka malanii fi kan hin daangeffamne ta’uun hubatamuu qabu. Dhugaa kana yoo akkasiin waliif fudhachuun danda’ame; walga’ii ta’e irratti hanqinoota ykn qaama laafoo guyyaa kana mul’atan irraa eegaluun dura cimina isaa galateeffachuun haa eegalu.

Haalaa fi bifa kamiinuu wanti akkasii mul’achuun kan eegalaa ta’uun isaa jabina. Yaada akkasii uummataniin haala akkasiin as b’uun guddina. Eegala elaa fi elaameen wal dhageeffachuu, yaadaa fi ilaalcha adda addaa qabaatus Oromoon qaamaan wal biratti argamuun akeeka isaa wal biratti walitti himatuu fi ifatti saba isaatti foddaa argameen diinattis firattis himatuu. Kootu caalaa fi kootu caalaan ala wal dhageeffachuun eegala bareedaa fi guddina.

Yaada eegala kana bifaa fi ayinaan gabbisuun daran babal’isuun itti fufaan gochuun firii gaarii tokko arguutti akka nama dandeessisu akeekuun nama hin dhibu.

Egaa akka yaadaatti ka’umsi kun eegala qajeelaa fi barbaachisaa ta’uu edda hubannee hanqina ykn laafina guyyaa kana turan irratti waa jechuun barbaachisaa dha. Dhimma kana Oromoonni eegalan walga’ii kanaaf yeroo fi bakki isaan filatans gaarii ta’ee osoo jiruu yerootti akka akeekametti dhimmaa itti ba’uu dhabuun hanqina fooyya’uu qabu keessa tokko dha. Mana ijaaruu yoo eegalan yeroon murteessa dha. Yoo yerootti dhimma hin baane, ykn roobatu dhufuun diigaa, ykn dhihatu seenuun addaan kuta. Kanaaf yeroon daangeffamanii dhimmaa ba’uun murteessoo turan.

Inni lamataa xumura maree sun walitti qabamee cuunfamee gargar galama ture. Kun hanqina mul’ate keessa isa guddaa fi dogoggora qindeessitootaa ture. Akkuman fakkeenya koo manaan eegale mana ijaaruu eegalanii qinaaxii ykn sem’oo yoo hin gudunfin irraa galan, bor yoo itti deebi’an ykn roobatu seenee bishaan ciisee hojii dabalataa nama gaafata; ykn lolaatu guutee hundee mancaasa. Kanaafuu walga’ii ta’e sana irratti cufa ykn xumura isaa irratti itti ba’a walt’iinsa maree ykn cuunfaa maree sanaa waliif ifa godhuun gudunfuun dirqama ture. Kun osoo hin ta’in nagaan galaa jedhamee adda deemuun dogoggoraa fi hir’ina mul’ate dha. Nami qaamaa fi qalbiin faana bu’aa ture kamuu itti ba’a isaa osoo homaa tokko hin jedhin yoo xumuramu maal akka ta’ee roga itti galuun ifa ture.

Oromoon maal akka barbaadu waan mana keessaa calaqisaa turee fi bakka bu’oota jaarmolee siyaasaa achi irratti argaman keessaa irra wayyan ykn dhibban irraa 90 ol walabummaa Oromiyaaf akka qabsaawan jala harriiqanii dubbachuun mirkana mul’ate dha. Kun ifaa fi fifatti diinattis firattis Oromoon maaf akka qabsaawu kan agarsiisee fi kanneen faallaa kaayyoo sabaan ala deemuu yaalaniif akeekkachiisa gaarii walga’ii kana irraa hubatame akka ture hubatuun, gaaffiin Oromoo Oromiyaa Walaba taate ijaaruu ta’uu namuu beekuun ijjennaa sirrii  fi sirnaa ta’e akka qabaatu gochuun qooda guddaa dha.

Walga’iin itti aanu jaarmota Oromoo kamuu alatti hafan jedhaman haammachuun caalaatti haala qindaa’aa fi miija’aa, xumura marii booda waliigaltee irra ga’ame hoggusuma ibsa ijjennoo dhageessisiifatee kan ta’u akka ta’u irratti hojjechuun qindaawuu akka ta’uu qabu dha.

Galatoomaa.

Tasfaye Daba Kumsa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …