Oduu Haaraya

WALIIN WALIIF

SEENSA

Ummanni Oromoo waanjoo gabrummaa jalatti erga kufeen as Oromoonni miliyoonaan lakkaawaman harka gabroomfataatti wareegamanii jiru.Gariin ammoo biyyaa arihamanii gariinis hidhaa diinaa jalatti mootota gabroomfataa dhufaa darbaan hidhamaa hiraarri jabaan irraan gahamaa har’aan gahanii jiru.

Oromoonni hidhaa diinaa jalatti hiraaramaa turan lakkoofsi isaanii hedduu dha. Hamma kana jedhamee kaayamuu yoo baate illee kumaatami hedduun biyyatti keessatti hidhamanii gariin bakka buuteen isaanii dhabamee gariin ammoo ajjeefamanii akka jiran seenaan ni hima.

Bara 1991 Wayyaaneen TPLF erga aangootti ol bahee kaasee falmaa mirga sabaa osoo taasisanii fi kanneen qabeenya samamanii yakki irratti hojjetamuun Oromoonni hidhaman 40,000 ni taru. Kanneen keessaa maanguddooti,Shamarranii fi daa’imman umuriin isaanii hidhaaf hin geenye murtii seeraa tokkoon alatti hidhaa keessa taa’u,gariin ajjeefamanii jiru. Qonnaan bultooti, daldaltooti,barsiisoti,barattootii fi hojjettooti Oromoo hedduun maqaa Oromummaan yakkamanii manneen hidhaa keessatti mankaraaranii jiru,irra guddaan har’as itti jiru.

Oromoonni Wayyaaneen TPLF’n Oromummaan yakkamanii hidhaatti guuraman akka qaama hawaasa kamii iyyuu maati irraa dhalatanii fi fuudhaniis haa ta’u heerumanii kanneen ijoollee horatan waan ta’aniif yeroo hidhaa galan kanatti maatiin isaanii rakkachuu fi ilmaan isaanii hiyyummaa keessa galuun gargaarsa tokkoon malee hegereen isaanii dukkanaawaa ture ammas ittuma fufaa jira. kanneen hidhamanis ammoo diinagdee ittiin of hirphan waan hin qabneef jecha hidhaa irraa of baasuuf maallaqa ittiin abokaattoo bitatan ni dhabu. Kanneen hafan gariin ammoo biyya hin beeknetti godaananii mooraalee baqataa biyyoota ollaa keessatti gargaarsa tokkoon malee dararamaa jiru.

Haalleen kanneen ilaaluun muldhati maatii hidhamtootaa fi baqattoota,akkasumas sababaa maatiin irraa hidhameef kanneen biyyoota oromaatti baqachuun godaansa irra jiran,hirphuu fi hadhaadhiyyuuf jecha akeeki” Waliin Waliif”jedhu kun  quuqqamtoota ilmaan Oromoo biyya alaa jirus ta’e qabaataan Oromoo biyya kamiinuu jiru harka wal qabachuun wal bira dhaabbachuudhaan maatii miidhamtoota ilmaan Oromoo akka baraaruuf jecha  akeeki kun hundeeffame.

Haalli yeroo ammaa biyya keenya Oromiyaa keessatti deemaa jirummoo daranuu hammaachuu isaa namni argaa,dhagayaa jiru hundeeffamuufi fiixa bahiinsa kaayyoo Pirojektii WALIIN WALIIF lafee dugunguruu dugaa tahee akka nu jajjabeessuufi dirqama lammummaa isaa bahus abdii keenya.

Kaayyoo

  1. Oromoonni rakkoo gabrummaan itti fideenis ta’u bifoota adda addaan biyya irraa bahan rakkoo uumata Oromoo irra gahaa jiru gahaatti xiinxalanii akka gargaarsaaf cinaa dhaabbatan taasisuu
  2. Sabboontoti biyya alaa keessa qubatan rakkinaafi gadadoo sabboontonni Oromoo oromummaa isaanitiif jecha impaayera biyya sanaa keessatti dararamaa jiran kana rakkoo keenya jedhanii akka fudhataniifi  maatii hidhamtoota Oromoofi sabboontota Oromoo jiraachuu dadhabanii baqaan ollaa biyya sanaa keessatti rakkataniifi biyya keessaa rakkachaa jiran cinaa dhaabbatanii gargaarsa lammummaa akka godhan taasisuu
  3. Oromoota biyyoota adda addaa keessa qubatan akeeka fi galii Waliin Waliif itti amanan hojii tola oolmaafi dirqama dhalootummaa akka bahaniif ardiifi biyyootan koree dhaabbatanii kaayyoo kana galmaan gahuuf hojii  qindeessummaan bakka bu’anii akka hojjetan taasisuu.
  4. Shamarranii fi sabboontota mana hidhaa Habshootaa keessatti hiraara arganii bahanii biyya alaa jiran ijaaruun akeekaa fi galii kanaaf akka dhaabbatan taasisuu.
  5. Akka sabaatti uummata Oromoo addunyaarra faca’ee jiru qixa tokkoon,garaagarummaa siyaasaa,amantii,kutaafi saalan utuu adda hin baane hundee oromummaa qofaan guyyoota walfakkaata keessaatti hiriira nagayaa qindeessuudhaan sagaleen hidhamtoota Oromoofi baqattoota Oromoo dhageessisuufi dararriifi miidhaan hidhamtoota Oromoos  hanga bilisummaatti kan itti fufu waan taheef akka yaadatamu gochuufi addunyaan yoo dandahame akka gargaarsa biyya sanirraa dhaabdu gaafachuu.
  6. Sabboontota Oromoo godinaalee Oromiyaarraa hidhaman, dararaa fi asbuuteen dhabaman naannoo hanga gandaatti faana dhahanii lakkofsa isa sirrii hidhamtoota Orommoollee fira, alagaafi addunyafillee haala ittiin beeksifamurratti yoo dandahame  hojjachuufi ifa taasisuu.

Galii

a)    Hidhamtooti Oromoo biyya keessatti karaa seeraa mirga falmachuuf abokaatoo bitachuun isaanitti ulfaate hidhaa keessatti waan baroota lakkaawataniif kanneen gargaaruun dandahamu carraa argameen duuka bu’anii hordofuu

b)    Daa’immaan Oromoo maatiin irraa hidhameef carraa barnootaa saaquu, mana barnoota galchuu fi mala jireenyaa faluu.

c)    Maatii hidhamtootaa kanneen biyya keessatti rakkoo fi miidhaan diinaa irra gahe hordofuun gargaarsa barbaachisu taasisuu.

d)    Oromoota hidhaa irraa miidhamanii bahanii biyya ollaatti baqatanii fi maatiin hidhamtootaa kanneen biyyoota ollaa itti baqatanii mooraa baqataa keessatti dararaman gargaaruu.

e)    Kanneen hidhaa keessatti dhukubsatanii fi warreen rukuttaa diinaan miidhaman wal-dhaanuufi waldhaansisuu.

f)     Mana hidhaa keessaa Shamarraanfi haawwan  Oromoo rakkina xiinsammuufi miidhaa addaatiif saaxilaman gargaarsa addaa barbaadanii bira dhaabbachuu fi gargaaru. Akkasumas Ilmaan Oromoo manneen hidhaa Habashootaa keessatti Sababaa reebicha, torture fi  miidhaa gara jabina  diinaa irraan kanneen qaamaa hirdhatanii fi miidhaman gargaaruu fi haamileen tiksuu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …