Oduu Haaraya

Warra naa hinhubanneef,xiquma yaadachisuudhaaf!!


======================================
Ani Oromoo dha.Oromiyaan bal’oon biyya kooti.Roorroo,Sadoo fi gadadoo Uummata keenya irratti waggoota 150 ol raawwatamaa har’a gahe kana dantaa bubuutuu kamiifuu jecha kabaja mirga saba kiyyaa gonkumaa hin jijjiru,dabarses hinlaadhu.Kaleessas xiiqii sabbonummaa Oromummaa, ijoollummaa koo irraa kaasee itti guddadhetu akka ilma Oromoo tokkootti belblechee qabsootti naa dabale.Sababa kanaanis miidhaa fi bu’aa bahii hedduu keessa qaxxamureera.Ergan biyya kanatti deebi’ee illee kan dubbatamee dhumu miti.Qaawwaa argame hundaan dantaa Oromoo eegsisuudhaaf jecha tattaaffiin gochaa ture keessatti,keessattuu qomookoo Oromoo danlasiseera yoo ta’e dhiifaman gaafachuu barbaada.Adeemsa keessa namuu ni dogoggora.Dogongora isaarraas ni barata.Garraamummaa Oromummaa irraa kan ka’een warri akka koo dogoggoran hedduun ni jiru.Nutis isaanuma hordofnee waan baay’ee dogongorreerra. Haata’uutii garuu har’as borus giddugalli kiyya saba koo Oromoo dha.Dogongoroota adeemsa ammaa keessatti hojjataman kan danta uummata Oromoo miidhudha jedhee yoon amane abadan saaxiluu irraa of duuba hinjedhu.Lubbuu qeerroo fi qarree akkasumas gootowwan qabsaa’oota Oromoo Kumaantamootaa itti wareegamanii,lafee isaanii caccabsanii fi dhiiga isaanii dhangalasaii,asiin nuu gahanii gonkumaa salphisanii ilaaluun hindanda’amu.Uummanni keenya keessattuu shiroota tokkummaa isaa diigan irraa jabeessee akka Ofeegu carraa kanaan dhaammachuu barbaada.Tokkummaa keenya yoo cimsinee eegganne galma gahuuf yaadnu san abadan hinhaqannu.Yeroo ammaa kanatti akka Oromoon gidduugaleessaa waan hundaa dhuunfatee Oromoota qomoo isaa naannawaa biraa miidhaa jirutti ta’e jedhamee ololli afarfamaa jiru shira guddaa of keessaa qaba.Oromoon Giddugaleessaa/Shawaa gonkumaa kana hinyaadu.Shirri Oromoo waliitti diinoomsuu kun shira warra humna Oromoo dadhabsiisuu barbaaduu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha. Oromoon walmalee humaa hinqabu.Aanteen isaa isuma walii isaati.Aanteen Oromoo giddugaleessaas/Shawaas Oromoo Siikkoo Mandoo,Oromoo Wallaggaa,Oromoo Harargee,Oromoo Booranaa fi Gujii,Oromoo Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa akkasumas Oromoo Walloo kamiseeti.Nuti dhiiga tokko.Biyya tokko Oromiyaa waliitti qabna.Sabbonummaan Oromummaa cancala kaayyoo Oromummaa, hunda keenya waliitti hiitudha.Nuti Ormas hin jibbinu.Baroota dheeraadaaf akka saba cunqursaa dorgomaa hinqabne jala tureettuu haaloon baane hinjiru.Kun immoo har’a illee gara laafummaa keenyaan miidhamaa jiraachaa saboota biroof kabaja qabnu agarsiisa.Oroma jiraachisaa ofiif miidhamaa jirra.Fulduratti garuu kun daangaa iti godhamuu qaba.Gaaffiin Oromoo akka sabaatti qabu hedduudha.Uummanni Keenya hooggantoota isaa irraa afaan banee deebii isaa eeggataa jira.Gatiin wareegama isaas biyya kana keessaa bilisummaa akka sabaattii gaafachaa turee fi walqixxummaadha jedheetu amana.Abdiin eeggataas jira.Gaaffii isaa baroota dheeraadhaaf gaafatee wareegama hadhawaa itti kanfalaa as gahe xumura itti gochuudhaaf,uummanni keenyas tokkummaa isaa eeggachuun murteessaaa akka ta’e carraa kanaan yaadachisuu barbaada.Uummatni guddeessi akka Oromoo tokkummaa isaa tikfannaan mirga isaa guutummaatti gonfachuudhaaf hedduu isa hindhamaasu.Biyya kana keessatti tuffii jalaa bahee, kabajamee biyya isaa Oromiyaa badhaatu irra jiraachuudhaaf furtuun guddaan Tokkummaadha!!Ammaaf kanuma jedha.
Isa hafe tartiibaan yeroo biraa waliitti deebina!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …