Oduu Haaraya

“YAA DHALOOTA LEENCAA”



Jajjabeewwan kan koo Qeerroon Oromiyaa
Qabsoo finiinsanii bahaa hammma dhiyaa
Barataaf barattuu joolleen ilmaan aayyaa
Bakka jiran maraa magaalaaf baadiyyaa
..
Dhaamsa dabarsanii walitti iyyatanii
Gocha wayyaanootaa diddaa labsatanii
Qotee bulaan ka’ee dhaadatee lallabee
Mormii dhageessisee harka saa ol qabee
..
Harargeerraan ka’ee Haramaayaaf ciroo
Dargaggoo mangunddoon firraa dhoorkuuf roorroo
Sodaa takkan qaban joolleen qobboof Hirnaa
Diina daandii dhoorkan hammas takka jeeynaa
..
Wallagarraan ka’an Mandiif dambi doolloo
Gumaa barattoota ni baafna kaa maaloo
Amboon duruu gootaa diinaaf gadin jennee
Daa’imnilleen hafnee wareegame if kannee
..
Shawaan shimalaanii cabsee diina reebaa
Burraayyuuf sulultaa hin kenninu ambaa
Holetaaf sabbataa hin murtan dhidhiibaa
..
Haalli jara kanaa Nama guba hadhaawaa
Waliif dhaamtee kaate qerroon dirree Dhawaa
“Oromiyaan biyya teenyaa wayyaanee muka keenya”
Dhumnee banna malee hin kuttu lafa teenya
Jechaa dhaadatanii itti jiran qabsoo
Baha oromiyaarraa Asabootiif Mi’eessoo
..
Hin callisinaa ka’aa yeroon saa bar ammaa
Ilmaan Abbaa jifaar sabboontoota Jimmaa
Sanyii waaqoo guutuu qeerroo Arsiif Baalee
Hin ciramnu galteen osoo arginuu laallee
Diinni hilan fedhuu dhooynee baasu malee
..
Gabrummaaf xumuraa fincilli baranaa
Ka’aatii dirmadhaa yaa joollee Booranaa
Wal jalaa hin hafuu tokkummaan hiriira
Xiqqaa fii guddaaniis warri bulee horaa
..
Gabroomfataan nahee humni saa laaffattee
Nu ammallee jabaannaan bar itti guuttamtee
Firii lama isiinuu waan hin jirree ontee
Irratti bobbaanaan jaarraan sii hobbaatee
..
Itti fufi Qeerroo yaa Dhaloota Leencaa
Amma ofirraa kaafna tan-yartuu daammacaa
Hin Baadhannu waanjoo harqoota gabrummaa
Hin kenninu murree finfinneen teenyuma.!

By- ‪#‎Hamza_Aman‬

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …