Oduu Haaraya

Yaa haadha kabajamtuu osoo ilma kee kana fuuneetiin Dhiifama ni gootaniif moo ?

Yaa Obboleeyyan Aakiraa akkam jirtan nagaa keessanii mee Seenaa ajaa’ibaa kan naaf dubbisaa isin fayyaddi inshaa Allaah yaa obboleewwan qaqqaalii!

Nuti ho laata amriin Hadhaa Tenyaa hangamtu nurra eggama gara lafina haatii tenya nuuf laalattu.

Guyyaa tokko ergamaan Rabbii (saw ) taa’anii Sahaabota isaanii waliin haasa’aa turani, namtichi tokko dhufee akkana isaaniin jedha:-
Yaa ergamaa Rabbii (saw ) dargaggeessi tokko qarqara du’aa irra jira, namoonni hundi shahaadaa akka jedhuuf isa gaafatanii jiru, inni garuu ‪#‎Shahaadaa‬ jechuun itti ulfaate jedhe,  Rasuulli ( S A W ) dargaggeessichi salaata isaa ni salaataa ? Jechuun gaafatan deebiin Eeyyen kan jedhu ture, Rasuulli ( S A W ) ergasii Sahaabota wajjin gara mana jireenyaa dargaggeessa ‪#‎qarqara‬ du’aa irra jiruu sanatti deemanii dargaggeessichi gara Adunyaa‪#‎zalaalamiitti‬ deemuuf jira akka shahaadaa jedhuuf jecha irra deddeebi’anii gorsaniin, dargaggeessichi kun garuu akka shahaadaa jechuun Afaan isaa irratti ulfaatee jiru dubbate,  Ergamaan Rabbii (saw) dargaggeessi kun jireenya isaa guutuu haadha isaa‪#‎dallansiisaa‬ akka jiraate waan baraniif haadha isaa kan ilma isheetti dallantee jirtu sana waamsisan!

Jaartiin umriin ishee deemee jiru jiru ni dhufte!
Yaa haaadha kabajamtuu! gurbaan kun ilmoo keessanii ? Jedhanii gaafatan Rasuulli(saw ), haadhattiinis Eeyyen jechuun isaaniif deebiste!
Yaa haadha kabajamtuu osoo ilma kee kana fuuneetiin Dhiifama ni gootaniif moo ? jedhanii gaafatan, haati yemmuu kana dhageessu ni ‪#‎boosse‬, ilmi ishee hangam tokko ishee dallansiisaa turuyyuu garaan hin dandeenye, Aakiraa yaadattee akka ibidda keessatti darbamu hin barbaanne Dhiifama godhee jiraaf jechuun deebiste!!!
“” yaa Allaah atii fi ergamaan kee naaf ragaadha Ani ilma koo jaallatamaa kanatti hin mufadhu”” jette,
Ergasii Rasuulli ( saw ) gara dargaggeessa qarqara du’aa jiru kanatti deebi’anii akka irra deebi’ee Shahaadaa jedhuuf gaafatani!
‪#‎Ashhaadu_laa_ilaaha_illallaahu‬ wa’ashihaadu Anna muhaammadan Abduhuu warasuuluhuu jechaan salphaa isaaf ta’ee Dhiifama haatisaa isaaf gooteen Rabbiin (sw) Shahaadaa jechuu arraba isaa irratti salphaa taasiseef,
Rasuulli ( saw ) gammadanii yaa Rabbii ol’aanaa taate galanni keeti kan ana Sababa gootee dargaggeessa kana ibidda ‪#‎Jahannam‬ irraa baraarte jedhan!
Subhaanallaah!
Yaa Allaah!!!

Yaa Rabbi mufannaa haadha fi abbaa keenya jalaa najaa nu baasi yaa kariim yaa Aliim!
Yaa Rabbi nama haadhaa fi Abbaadhaa tola oolu nu taasisi yaa Allaah!! AAMIIN ALLAAHUMMA AAMIIN!
=>Yaa Obboleeyyan Aakiraa seenaa kana yeroo dubbistanii kaatan obboleewwan keessaniif Share gochuu hin dagatinaa Mindaan keessan Rabbumaan biraayyi inshaa Allaah”

Gilla ·  · 

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …

One comment

  1. Mashalahaa jzk