Caamsaa 23, 2014 | Dhugasa Ibsa Irraa*
Gabaabinaan yaada faayida yeroo kanaaf qaba jedhu kennuu ni yaala. yoo madaala kaase ittifayyadama.
Yeroo ammaa baratootni gaaffii kaasani qabsa’a jiru.Ummatnis hirmachaa jira. Haata’u male gara mootummaatin hiikni adda addaa itti kennama jira. Kanaafu adeemsi gaaffii baratoota of-eegannoo fi bilchina qabaachu qaba. Kana jechuun:-
1. Ka’umsa irraatti qabatani kan ka’ani waa’ee pilaani lafa magaala Finfinnee fi waa’ee dhimoota Oromoo adda addaati.
2. Yeroo gaaffii isaani eegalan hayyama mootummaa irraa gaafacha turani, garuu hin milkoofne.
3. Hayyama kan gaafatanis mirga heerri mootummaa kennu irratti hunda’ameti.
4. Hayyama waan dhorkamaniif yaada moormii dhiyeeffachuuf hiriira bahani.
5. Garu Poolisii federalaatin tarkafiin irratti fudhatameera (Ajeechaa, Reebinsa, Hidhaa, Doorsisaa fi Hadamsuu fi kkf).
6.Edda tarkanfiin irratti fudhatamee booda garu aanga’ooni Oromiyaa gara yunversiitootatti bobbafamaniru.
7. Aanga’ootni kunis ummata marii’achisa jiru.
Kanaafu yaadni ani dhiyeessu barbaadu:-
1. Baratootnis ta’e Ummatni mariif yeroo dhiyaatan tattaffi seera qabeessumma argachuuf yaalii gochaa turan akka kaasan (akka hin dagane gorsi fi qophiin godhamu qaba)
2. Marii kana irratti argamu kan qaban :-
A/ Komishineerii poolisii Federalaa
B/ Komishineerii Poolisii Oromiyaa
C/ Hooganaa Waraana Federalaa (MG Saamoraa)
D/ Af-yaa’ii Bakka bu’oota ummataa /Abbaaduulaa
E/ Perezedaantii Oromiyaa
F/ Heera mootummaa Federalaa, ta’u akka qabuu
G/ Jeneraalota Oromoo Raayyaa ittisa federaalaa keessa jiran
Gaaffileen ka’u qaban:-
1. Gaafilee hiriira nagaaf bu’ra ta’an
2. Heera mootummaa fi tarkaanffin fudhatame wal-faallessu isaa
3. Oromiyaan ofiif of bulchaa jirti jechaa Poolisiin federalaa afeerra eenyuutin tarkanfii akka fudhacha jiru fi gaheen Oromiyaa maal akka tahee
4. Poolisii fi humni sekuriiti fi Humni ittisa federalaa mootumma naannolee keessa akka barbaade yeroo barbaadetti kan seenu yoo tahee Yeroo Oromoo fi Somaaliin Itiyoophiyaa akkasumas Afaarii fi Somalii giddutti i walitti bu’ansi ta’ee wal fixan maaliif calisani akka ilaalaa turan ture
5. Humni Poolisii fi sekuriiti fi Humni ittisa federalaa Oromoo qofa irraati tarkaanfilee fudhachuuf qofa kan dhaabbatedha yoo tahee Oromiyaan akka diinaatti moggasuu akka qabdu, fi kkf irratti baratootnis tahe ummatni qopha’ani kaasu qabunii.
– Qaamotni kana olitti tuqaman yoo hin dhiyaane mariif dhiyaachu hin qabani.
– Aanga’ooni oromiyaatiif dhimmootni amma ka’aa jiran isaaniifu ifaa miti, deebisu hin danda’ani
==========================================================
Dhimmoota qaama ilaaluun barruun irratti qopha’u qabu
Seenaa hundeeffama magaaloota Itoophiyaa keessatti magaaloni kan hundeeffamaan gita bitoota nafxanyaatin ta’uun ni beekama. Haaluma kanaan magaaltni Oromiyaa keessa jiran hundi kan guutamani jiran namoota Oromoo hin taanee fi kaneen duraan gita bitootaa ta’ani fi ijoolee isaaniti. Oromoon magaalota irra qabiyee tokkolle hin qabu. Edda oromiyaan hundooftees mootumman oromiyaa hojii federalaa irra isaaniif kennamu male istrateejii ummata Oromoo magaalatti galshuu hin baafane, ittis hin yaadne. Ittuma caalaayyu magaalota oromiyaa kan qabachaa jiru namoota oromoo hin taanedha. Kana mirkaneessuuf qabxilee gabaabaa ni kaasa:-
1. Kondominiyeemii magaala finfinneetti ijaarame kan galma’ee argachuu danda’e fi argachaa jiru ulagaan itti fayyadame Jiraata magaala finfinnee kan tahee fi ragaa jiraata kan dhiyeefatu qofa kan jedhudha.Oromoon duranu magaala finfinee keessa mana ijaarate waan hin qabneef ragaa jiraata magaala finfinnee hin qabu. Sababaa kanaan mana kondominiyeemiif carra hin qabu. Mana kondominiyemiif carra kan argatan:-
A) Warreen duraanu magaala finfinne qabatani jiraacha jirani fi firoota isaani kaabaa fi kibbaa akkasumas dhihaa fi Lixaa irra firoota isaani yaamani Jiraata magaala finfinnee ta’u isaani mana isaanitti galmeesisani ragaa jiraatumma akka argatantaasisunidha.
B) Yoo xiqatee mana isaanitti namoota 70 hanga 150 galmeesisani mana kondominiyeemi akka argatan gochuun osoo Oromoon mana tokko hin argatin isaan magaala finfinnee keessatti shanyii isaani hundaaf mana kenisisuun finfinneen Kontiineriin ishee akka guutamu gochuun dabalatan lafa barbaada jiru. Oromoon ammas duwwa jira.
C) Kantiibotni maqaa Oromootin aangoo qabatani jiran hanga hojjetaa mana galmee araddaa (qabale) tokko fi waardiyaa aradda tokko lammii isaani fayyadu hin dandeenye. Namootuma biroof mallateessa oluu irra kan hafe oromoo magaala seensisuuf kayyoo fi humna hin qabani.
2. Lafa magaala Oromiyaa keessa jiru Oromoof kennu mannaa Liiziidhaan abbotii qabeenya Oromoo hintaaneef qoodu filatani.Kanaafis akka isaani tolu Gaazexaa Addis Zemen jedhamun akka beeksifamu godhama.
3. Sagantaa amma 40/60, 10/90 fi 20/80 jedhuun Finfinnee fi magaalota keessatti mana ijaaruuf galmeen gageeffames ulagaalee kanaa oitti ibsame waan hordofuuf Oromoon fayyada akka hin taane beekamu qaba.
4. Oromiyaan Osoo Filannoon bilisa tahee gageeffame iyyu magaalota Oromiyaa keessa jiran guyyaa adii dabarsitee akka kenitu qophaa’aa jirti.
Reasons:- *Lack of strategy
* Lack of authority
* Lack of discussion with each other
* Separation strategy by zone,Religion and so on
Dhimmi kun sirritti bal’inaan edda qopha’ee booda websaayitii irratti maxxansuu qofa osoo hin taane aanga’ootaa oromiyaa karaa gahuu danda’u irratti hojjetamu qaba.
Ummatni Oromoo akka irratti hojjetu hubachifamu kan qabu fi xiyeeffanna gudda kan barbaadu:-
1. Kitaaboota afaan Oromoon Qopheessu
2. Mana maxxansaa Oromoota baayinaan hundeessu
3. Mana gurgurtaa kitaaboota afaan oromoo caasaa isaa finfinnee irra hanga aanaalee fi Godinaaleetti magaalota hundatti diriirsu
4. Uffata aadaa Oromoo Iddoo gurgurtaa isaa hanga magaaloota hunaattii diriirsu
Dhimmotni kun salphaa fakkatu malee Oromoon kan irratti hin hojjenne fi qaamootni biroon immo akka hin mul’aneef irratti hojjecha kan jiranidha.
Kun sirritti furmaata akka argatuuf abootii qabeenyaa fi beektootaa fi ogeeyotaan caasaan uumamee irratti hojjetamu barbaachisa.
*Dhugasa Ibsa can be reached at dhugabas@gmail.com