Oduu Haaraya

Yaadannoo gabaabaa xiinxala Obbo Jawhar Mohamad ilaalchisee:

Obbo Jawar Mohamad gaafiif deebii ‘Oromia media network’ (OMN) sagantaa afaan amariiffaatiin taasisee ergan dhaggeeffadhee booda yaadawwan deddeebi’anii gara sammuu kootti dhufan kana ummata kooo wajjiin yoon qooddadhe bareedaa dha kan jedhu irraa ka’uun barreeffama gabaabduu kana barreessuuf fedhii godhadhe.

As-irratti wanti guddaan dubistoonni koo akka naaf hubatan barbaadu kaayyoon barreeffama kanaa ,maqa-xureessii, wal-irratti duuluu fi wal-xiqeessuu miti.

Obbo Jawar Mohamad dargaggeessa Oromoo kan yaadawwan fi xiinxala bilchaatoo ta’aan dhimma yookaan haala siyaasa Oromoo/Ethiopia irratti kennuun beekama. Sochiiwwaan addaa addaa kan Oromummaa jabeessuu qindeessuun hojiiwwaan gurguddoo nama hojataa jiruu fi hojjete ta’auusaatti galataa fi kabaaja guddaan qabaafi.

Haata’u malee gara ijoo dubbiikootti yoon deebi’u xiinxala OMN inni guyyaa 09/27/2014 godhe irratti gaaffii ani deebii itti dhabee waan jiruuf gra sanattin isin geessa. Xiinxaala/gaafif deebii kana irrattii yaada inni tooftaa fi deemsaa dhaabonni siyaasaa Oromoo tokko tokko hordofaan yookaanis haala isaan irra jiran jabeessee qeeqa. Tooftaan dhabilee siyaasa Oromoo biyyaa ollaa Eertiraa irraa loluuf deeman akka hin baasne akkana jechuun ibsa “ህወሃትን ኤርትራ አስታትቃ ነፃ ታወጣናለች ማለት ዘበት ነዉ.” Akkas jechuun immoo deemsi ABO asmaraa keessa qubatee humna waraanaan Oromoo bilisomsuuf carraaqu gatii hin qabu jechaa dha.

Gama biraan warraa biyyatti gallee qabsoo bakka uummanni Oromoo jirutti geessinee haala haarwaan qabsoofna jedhuu immoo akkana “አሁን ባለበት የተዳከመና የተልፈሰፈሰ ሁኔታ ከኢትዮፕያ ጋር እንተዳደር ቢል ወታደራዊ አቅሙ፣ የሚዲያ አቅሙ ፣ ትንክ-ታንኩ ጠንካራ ያልሆነ ኦሮሞ ሎሌ ነው የሚሆነዉ” jechuun qeeqa.

Toftaa qabsoowwan kana lamaanuu gatii haadhabsiisu malee akka furmaatatti wanta inni lafa kaa’e garuu hin jiru. Gama laachuunuu deemuun yeroo ammaatti rakkoo mataasaa akka qabuu fi inumaayyuu Oromoo injifannoon akka hin geenye yeroo ibsu gama kiyyaan toftaa sadaffaa yokaan yaada foyyee qabu dhihessa kan jedhuun eegaa ture. Humni waraana Oromoo, media fi dhaabilee (institution) oromoo jabaachuu akka qaban yoo ibsu, waanni kun marti biyyaa alaa (diaspora) kana keessa taa’anii waan hojatamuu danda’amu moo biyyaa galuun waan kana hojata kan jedhu dhaga’uuf hedduun ariifadhee ture. Haata’u malee garuu gaafii, dhaaba siyaasaa dhaabuuf fedha qabdaa?, kaayyoonkee gara fulduraa maali? jedhamee gaafatameef deebii inni deebise nahajaa’ibsiiseera. Dhimma kana irraattis deebiin isaa “የረጅም ግዜ አላማዬ አስተማሪ መሆን ነዉ መምህር ሆኜ በዩኒቨርስቲ ዉስጥ ማስተማር ነዉ” fi “በዉጭ ሀገር የፖለቲካ ፓርቲ ማቋቋም ሹፈት እንደሆነ እና እንደማያዋጣ ነዉ የሚታየኝ” kan jedhu ture.

Egaa dhaaba siyaasaa malee kaayyoowwaan gurguddoon kan akka human waaraanaa ijaaruu/cimsuu akkamiin galma gaa’uu dadaa’aa?. Haala qabatamaa biyyaa keessaa fi biyyoota olla Oromiyaa jiran irraa ka’uun human waraanaa akkamiin eessaatti eenyuun ijaaramuu dandaa’ama, Biyya keessaa galanii haala siyaasaa jiru keessatti bu’aa buusuuf caraaquun yoo ergamtummaa ta’ee bakka silaa yaadamu sana raajii akkamiin gaa’uun dandaa’ama kan jedhu gaafii cimaaa sammuu keessaatti na’uumee jira.

 

Galatoomaa

 

Tufaa

Ear_tuf12@hotmail.com

09/28/2014

 

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

One comment

  1. Kuni yaada Amaarati calaqiisaa hin caqasinaa nama keena. Jawaar jachun ergamaa Amaaraati