Oduu Haaraya

YAMAN: WAAMICHA MARII, DIDDAA Ajjeechaa Barattoota Oromoo tii fi Ummata Oromoo irratti mootummaan abbaa irree Impaayarri Itoophiyaa gochaa jiru ilaalchisee,

Waajjirri Kominiitii Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman,

Hawaasa Baqattoota Oromoo Yaman hundaaf Wanni Ibsinu, Guyyaa 9-05-2014 Magaalaa Yaman Sana’aa Keesatti MARII DIDDAA Ajjeechaa Barattoota Oromoo tii fi Ummata Oromoo irratti mootummaan abbaa irree Impaayarri Itoophiyaa gochaa jiru ilaalchisee,Hawaasa Baqattoota Oromoo Biyya YAMAN Keesa Jiraatan Waliin Marihatuu Waanbarbaannuuf,
Kana kan ta’eef Hawaasni Baqattoota Oromoo Yaman HUNDI Marii kana IRRATTI Akka HIRMAATTANII DIRQAMA LAMUMMAA AKKA BAATAN Maqaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yamaniin Kabajaan isin Affeerra.

KAAYYOO Marii
•Gaafiin Mirgaa Kan ilmaan Oromoo Biyya Keesatti Kaasaa Jiran Gaafii Haqaa Tahuu Addunyaa Agarsiisuu,
*AJJeechaa, Hidhaa FI Darara Mootummaan Abbaa irree itoopiyaa ilmaan Oromoo Gaafiilee Mirgaa Karaa Nagayaatiin Gaafatan, Gocha suukhanneesaa Irraan Gahaa Jiru Balaaleefatuu
*Gargaarsa Yaalaa ilmaan Oromoo Rasaasa AGAAZII Fi FEDARAAL Poolisaatiin Madaawaman Gargaarsa Walitti Buusuu!!

GALATOOMAA,

Tajuu Shariif
Dura Ta’aa Waajjira Kominiitii Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman,

bil: 00967734212375

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *