Oduu Haaraya

“Yoo bakka Korojoo kanatti na ajjeeftan anaaf maqaa dha isiniif garuu salphina bara baraati..

Wanti ta’e kun Godina Shawaa Kibba Lixaa Wallisoo bakka Dilallaa jedhamutti dha.Dubbiin akkas taate.Magaalaa kana keessatti Taajjabdoonni Afur kan ramadaman yoo ta’u isaan keessaa namoonni sadii Doorsifamanii ariyaman.Barsiisaa Guutamaa Furii garuu “Yoo bakka Korojoo kanatti na ajjeeftan anaaf maqaa dha isiniif garuu salphina bara baraati.kanaafuu Korojoo dhiisii deemi naan jechuu keessan irra Osoo na ajjeeftaniin filadha” jechuu dhaan guyyaa guutuu Sagalee uummataa eeguu dhaaf arrabsamaa,Ergamtuu jedhamaa Waan hunda of keessatti liqimsee hanga filannoon xumuramutti Osoo waa hin nyaatin,osoo waa hin dhugin oole.kana booda sa’a 12 guutee yeroo Filannoon raawwatu warri Hanna baran mala qopheeffatanii akkas jedhan,”Guyyaa Guutuu dadhabaa waan oolleef sagalee uummataa amma lakkaa’uu hin dandeenyu.kanaafuu Korojoon as bulee bor ganama dhufnee Lakkoofna.” jedhanii irratti walii galan.Barsiisaa Guutamaa Furii garuu “an hin dadhabne amma lakkoofna.yoo Diddanis ani asuma korojoo hammadheen bula malee dhiisee hin galu.namni tokko natti buunaan immoo iyyee iyyisiiseen uummata isinitti yaasa.” jedhee ejjennoo isaa irratti ciche.kana booda waan godhan gaafa dhaban sagalee Lakkaa’uu jalqaban.yeroo sagaleen Lakka’amee dhumutti Koongirensii Federaalawaa Oromootti kan siqu hin argamne.

Tuufoon Kanniisaa warri Harki ishee Hanna malee waa hin beekne 3ffaa baate.sababa kanaafis Magaalaa Wallisoo Lakkoofsa tokko keessatti Koongirensiin Federaalawaa Oromoo Injifatee jira.Addunyaan Bifa lama qabdi yaa Lammii!! Tokko daandii dhugaati tokko immoo Daandii kijibaati.daandii dhugaa sanarra qorumsa hedduutu jira.wantoota akka eebichaa hadha’an hedduutu nama mudata.Akka Barsiisaa Guutamaa Furiitti eebicha sana hunda dhandhamanii Daandii dhugaa irratti cichuun garuu dhumni ishee Damma caalaa mi’oofti.Waaqa irrattis Lafa irratti Fudhatama guddaa ni argatta.kanneen qarshii torban tokko isin hin jiraachifneef Jettanii taajjabdoonnii fi Bakka buutonni sagalee uummataa dabarsitanii kennitan Waaqni kiyya bakka jirtanitti gatii hojii keessanii isiniif haa kennun jedha malee wantan isiniin jedhus hin qabu.waanan isin godhu hin qabu!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …