Oduu Haaraya

‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii? ‘Yaa Marqa si Afuufuun si Liqimsuufi’

(Kutaa 2ffaa)
Boruu Barraaqaa

Kutaa 1ffaa dabre keessatti afanfaajjii maqaa jedhuun Habashoonni magaalaalee Oromiyaa akka Jimmaa, Dirree Dhawaa fi Harar dhaaluuf geggeessaa jiran laaluuf yaallee jirra. Kutaa 2ffaa har’aa keessatti ammoo magaalaalee akka Adaamaa, Baatee fi Bushooftuu faa gaggabaabsinee laaluu yaalla.

Magaalaan Adaamaa bar tokko baay’ina lakkoofsa ummata Amaaraa irraa kan ka’e, ‘ሁለተኛዋ ጎንደር’ hanga jedhamuu geessee turte. Inumaa akkuma Dirree Dhawaa iratti milkaahanitti Adaamaas Oromiyaa irraa muranii ‘bulchiinsa addaa’ godhachuuf hedduu tattaafatani. Mootummaan Wayyaanee OPDO Shaggar keessaa ari’ee Adaamaatti galchuuf waan karoora qabuuf dubbii tana fudhachuu dide malee silaa har’a Adaamaanis Dirree lammaffaa taatee Oromiyaa irraa citti ture. Booda kana garuu xiiqii mootummaa Wayyaaneef jecha ilmaan Oromoo OPDO keessa jiraan tarkaanfii mataa isaanii fudhatan. Ilmaan Oromoo OPDO keessaa kan sabboonummaan itti dhagahamu duula taasisan kanaan qubsumni ummata magaalaa Adaamaabifa isaa jijjiiraa dhufeera. Oromoon heddumminaan Adaamaa keessa qubachuu fi kanaanis wal qabatee hawwiin Habashoonni magaalaa kana dhunfachuuf qabaachaa turan gufuu mudachuun isaa waan haalamuu miti.

Haa tahu malee har’as taanaan Adaamaan maqaadhaan magaalaa Oromiyaa, sanuu akka magaalaa guddittiitti kan odeeffamaa turte haa taatu malee akkaan dhaalamtuu dha. Habashoonni Har’ayyuu maqaa Oromoo isa abbaa biyyaatiin ‘Adaamaa’ jedhanii waamuu didanii maqaa amantii kan Israel irraa dhufeen ‘ናዝሬት (Nazreth)’ jedhanii waamuutti cichanii argamu. Dhuunfata isaanii kanas haqa qabeessa fakkeeffachuuf jecha magaalaa Adaamaatiin ‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii gurra nutti duuchuu barbaadu.

Bushooftuun magaalaalee  Oromiyaa sulula guddaa keessatti argaman keessaa isii takka. Magaalaa kana wanni adda taasisu waan lamatu jira. Kan duraa wiirtuu ayyaana Irreecha Oromoo tahuu isii ti. Kan lammaffaa ammoo magaalaa horoota adda addaatiin wal daangessitee argamtu waan taheef yoo irratti hojjetamte magaalaa hawwata tuuristootaa fi investimentii guddaa kan tahuu dandeessuu dha. Habashoonni bara Oromoo cabsanii qabee magaalaa kana keessa heddumminaan qubachuu isaanii irraa kan ka’e eenyummaan Oromoo magaalattii keessatti mataa ol qabatee osoo hin mul’anne yoona gahe.

Habashoonni maqaa magaalaa kanaa kan hanga bara 1955tti ‘Bushooftuu’ jedhamee beekamaa ture haqanii ‘ደብረ ዘይት’’jechuudhaan maqaa amantiin wal qabatee baar gamaa dhufe baasaniif. Kaayyoon Habashootaa inni guddaan Oromoo Hora Harsadii irraa fageessuun lafa investimentii fi tuurizimiidhaaf kennataa tahe kana dhuunfachuu dha. Kanatti milkaawuuf jecha magaalaa kana ‘የፍቅር ከተማ’ jedhanii Oromoo afanfaajjessanii keessatti of ijaaruuf tattaafatu.

Kaartaa Oromiyaa isa kan mootummaa Wayyaanee keessatti ‘naannoo Amaaraatti Zoonii Oromiyaatti’ kan argamtu Baateenis akkasuma. Maqaan isii ‘Baatee’ fi ‘Baatii’ jedhamuun lamaaniinuu beekama. Habashoonni ባቲ jedhu. Baatees tahee Baatii lamaanuu hiikaa Afaan Oromoo kenna waan taheef heddu wal nama hin falamsiisu. Baateen akka biyya Oromoo taate kan wallaale hin jiru. Qubsumni ummata magaalattii marsee jiruus qubsuma Oromoo ti. Afaan Oromootu dubbatama. Magaalattii keessatti garuu warri mataa ol qabatee mul’atu Habashoota.

Walloon guutuu isaa dabalatee Baateen moodeela bareedina impaayerattii godhamtee bara dheeraaf faarfamaa jiraatte. Baateen fakkoo bareedina dhiiraa fi dubartii ti. Gabaa guddaa kan torbaan Wiixataa hunda namoota 20,000 caalaa hirmaachisu qabaachuun sadarkaa biyyaatti beekamti. Kana malees Baateen maqaa sirna muuziqaa biyyattii shanan keessaa isa tokkoo ti. Baateen biyya Amaaraa malee biyya Oromoo tahuun isii hanga dagatamutti Habashootaan faarfamaa yoona geesse. Kanaafuu Habashoonni ‘Baateen biyya keessanii mitiitii, usaa’ jedhamanii salphifamuu hin barbaadani. Kana irra dubbiin hamaan akka itti hin dhufneef jecha ‘magaalaa sabaa fi sablammoonni waliin keessa jiraatan የፍቅር ከተማ’ jedhanii Oromootti hurrii maruu yaalu.

‘Fiqirii’n Habashootni baanan kun jaalala dhugaa miti. Habashoonni  afaan siyaasaa isaaniitiin gaafa ‘fiqir, fiqir’ jechuu baay’isan dubbiitu jira jechuu dha. Wallisaan isaanii Teddy Afro ‘ፍቅር ያሸንፋል፣ የፍቅር ቅኔ…’ jechuun yeroo hedduu sirbeera. Imimmaan naachaas ittiin booyeera. Garuu ‘ፍቅር’ Teediin baanu jaalala dhugaa miti. Kiniinaa summii kan dammaan dibanii nama liqimsiisani. Bardheengaddaa wallisaan maqaa dhawame kun maal gochuu yaalee akka harkatti fashale ni yaadanna. Nugusa isaanii ummata keenya gara jabinaan lafa irraa haxaawe Minilikiin nutti faarsuuf karoorfatee ‘የፍቅር ጉዞ’ jechuun Oromiyaa keessa naanna’ee sirbuuf yaalii godhee ture.

Yaaliin maqaa‘የፍቅር ጉዞ’  jedhuun ekeraa wareegamtoota Oromoo irratti dhiichisuuf yaalemee diddaa sabboontota Oromootiin gufate sun hiikkaa ‘ፍቅር’ Habashootaa kanaaf ragaa tokko taha.  Habashootaaf  ‘ፍቅር’ jechuun ija kee qabadhu, sin gowwoomsaa dha. Ani abshaala taanaan ati gowwaa tahii yeroo hunda dugdatti na baadhuu dha. Gaaffii mirgaa nuti kaafnu akka waan dunuunfannee nama jibbineetti ibsuu barbaadu. Akka waan nuti jibba hundee hin qabneen lafaa kaanee isaan jibbinaan isaan garuu garaa nuuf baldhatanitti of ibsuu kajeelu. Gara-baldhina keenya fudhatanii kan ofii godhatanii himachuu hin qaanfatani. Jibba keessan nuti jaalalaan moohanna ‘ፍቅር ያሸንፋል’ jedhanii eebbifamoo of fakkeessanii nu immoo cubbamaa fakkeessuuf tattaafatu.

Wanni isaan beekuu qaban garuu ‘fiqiriin’ akkasii addunyaa siyaasaas tahee namoota dhunfaa gidduu hin jiru, jiraachuus hin danda’u. Jaala dhugaa jechuun kennanii fudhachuu, yookiis akka afaan isaaniitti ‘ሰጥቶ መቀበል’ dha. Jaalala hiryoomaa, jaalala dhiiraa fi dubartiis tahee jaalala siyaasaa keessatti seerri hojjetu seera kennanii fudhachuu ti. Kan waan namaa fudhachuu malee kan ofii kennuu hin beeyne, yookiis kennuuf fedhii hin qabne tokko maalummaa jaalalaa nutti himuu hin danda’u. Ofii isaafuu dura jaalalti maal akka taate baratuu qaba. Oromoon har’a haala waan akkasiitiin gowwoomfamu keessa hin jiru. Isaan caalaa abshaala tahuu isaa itti himuufis jechoota dhedheeroo hin dubbatu. ‘Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi’ jedhee itti mammaakeetuma of irraa deebisa.

Dhimma Qubsuma Oromoo fi Magaalaalee isaa kana irratti barruu qorannoo irratti hundaawe biraatiin hanga walitti deebinutti, ammaaf nagayatti!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *