Oduu Haaraya
fincila2016

‪#‎OromoRevolution‬ Worraaqsi Bilisummaa Oromiyaa Waliin Gaye !

Adoolessa 25/2016 Bahaa Oromiyaa Guutummaa Fi Arsii Lixaa keessatti warraaqsi cimaan dhoowee jira. Dargaggoonni Oromoo aanaalee Arsii Lixaa- Dodola, Heeraroo, Adaabbaa, Garjedaa qabsoo bifa addaatiin finiinsan.

Daandiiwwan konkolaataa Arsii Lixaatti seensisan kallattii hundaan akka banamuu hin dandeenyetti cufuun uummanni mootummaan abbaa irree nu hin bulchu, dhaaba ergamtuu wayyaanee OPDO jalatti lammata deebinee hin bullu , waraanni Oromiyaa qabatee jiruu gadhiisee bahuu qaba, Ilmaan Oromoo Wareegamaniif, madeeffamanii, hidhamanii fi jiruuf biyyarra arii’amaa jiraniif Kan itti gaafatamu Mootummaa woyyaanee ti jechuun dhaadatan. Hidhamtootni Oromoo hundi haalduree tokko malee hiikamuu qabu jechuun warraaqsaa bifa adda ta’een finiinsa jiru.

Muuxannoon Kun bakka maratti babaldhatuu qaba. Sabni bakka maraa wolfaana ka’uu qaba!
Injifannoo !

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …