Oduu Haaraya

Waamicha Saba Oromoof

Kallacha Wolabummaa Irraa
Ummanni Oromoo bara Oromiyaan sirna gabrroomfataa habashaatiin cabee kiyyoo gabrumma jalatti kufe irraa
eegalee bilisumma isaatii fi walabumma biyya isaa debisee goonfachuuf flamaa diina isa qabatee waliin godhu
osoo addaan hinkutin qabsoo hadhaawwaa geegessaa hardha gayee jira . Miidhaan harkaa fi harnma muraa
Anoolee akkasumas sanyii duguuggaan Calii Calanqoo kan mootichi Habashaa Minilik II iratti raawwate
qabsoo isaa irraa uf duuba isa hin deebifne. Sanyii dhugaaggaan har’a sirnni bicuun TPLF/EPRDF Ummata
Oromoo irraan gahaa jirus kan qabsoo keenya daran finiinsu malee kan Saba Oromoo qabsoo isaa irraa uf
duubatti deebisu akka hin taane argaa jirra.
Haalli yeroo amma ummanni keenna keessa jiru sanyii duguugga bara bittaa Minilik nurratti raawwateemeen
kan wal gitu akka ta’es mormiin hin jiru. Kunis murni gita bittuun saba bicuu keessaa baatee Impayera
itoophiyaa bulchaa jirtu karaa isii danda’ame hundaan saba Oromoo hundeedhaan dhabamsiisuuf hojjachaa
jiraachuu isiiti. Qabsoon Ummata oromoo bara jahaatamoota irraa eegalee jijjiirraa roga hundaa argamasiisaa
dhufuu irraa kan ka’e ka duraanii caalaa diinaa keessaa fi alaa horataa jira. Diinni irra hamaan diina keessaa
kan maqaa Oromootiin kakachaa Oromoo fi oromiyya gurgaurachun buaa yeroof jecha ummata Oromoo bara
hiyyumaa fi gabrummaa irratti dheeresuuf bilisummaa sabaa fi walabummaa Oromiyaa lagatanii firummaa
alagaa filaniidha.
Haalli yeroo ammmaa keessa jirru yoo uf eeggannoo cimaa hin gooone akkuma armaan duraa wereegama
barataan , barsiiisaan , qotee bulla fi abootiin amantii Oromoo biyyaa teenna Oromiyaa walaboomsuu fi saba
Oromoo bilisoomsuuf basan karaa irraa maqsuun maqaa dimokraasii fi tokkummaa biyyaa jedhu jalatti
dhokachuun sirna dullacha darbetti kan nu deebisu ta’a jennee yaadna . Ardha dargaggoonni oromoo ,
beektoonni orommoo , Qotee bulaan keennaa fi abootiin amantaa hundi gatii qaalii kan kaffalaa jiraniif
Oromiyya walanboomsun , Saba Oromoo abbaa biyyaa isaa fi qabeenya isaa taasisuuf jecha akka ta’e
beekamaadha. Murnoonni gariin injifanoowwan dhiiigaa fi lafee ilmaan teenaatiin galmaawaa jiru kana alagaa
jala qabuun alagaadhaan firoomanii bakka kaleessatti nu deebisuuf wixirfachaa akka jiran mallattoolee adda
addaa argaa jirra. Adeemsi kun tokkummaa dhaabotii Oromoo kan Ummanni keenya halkanii guyyaa gaafatuu
fi hawwu kan miidhu ta’a jennee yaadna. Kun wanni nutti agarsiisu humni wereegama sabni keenna haga ar’aa
kaffalee fi ar’aas kaffalaa jiru galii isaa irraa maqsuuun Impaayera dullattii gargaggalchuuf hawwii qabu akka
jiru nuuf akeeka. Impayera dullattii asii fi achi gargalchuun Saba Oromootif bu’aan inni fidu akka hin jiraanne
muxannoon bara 1991 nuti agarsiisee jira jira. Har’a yeroo Ummanni keenya sababa finicila diddaa gabrummaa
kaasee dhibbootaan ajjeefamu, kumootaan qaamaan hir’atu fi kumaa fi kitilaan mana hidhaatti guuramee
dararamaa jiru humnootin alagaa kan maqaa dimokraasii fi tokkummaa biyyaa jedhuun kakachaa harqoota
gabrrummaa isaanii Saba Oromoo fi Saboota cunqurfamoo biroo irratti deebisuu hawwan maalif halaala
dhaabatanii nu ilaaluu filatan jennee yoo uf gaafannu deebisaan isaa isaa ifaa fi gabaabaa dha. Kunis waan
gaafiin Saba keenyaa fi hwwiin isaanii kallattiidhaan wal rukutuufi. Hawwwin Saba keenyaa, hawwii bilisummaa
fi hawwii abbaa biyyummaati. Dhaadannoon Saba keenyaa “Oromiyaantan Oromoot” je’a. Fincilli kun fincila
Saba Oromooti. Hawwiin isaani hawwii Saba keenya kanaan faallaa Oromiyaa wanni jedhamu hin jiru,
Etoopiyaan takka, ftiincilli kunilleen fincila Etoopiyaa jedhamee waamamuu qaba jedhu. Isaan abukaadoo
tokkummaa impaayera Etoopiyaati. Oromoon Impaayera kana diigee harqoota gabrrummaa kan maqaa
Wajira.kwo@gmail.com
kanaan jaarraa tokkoof walakkaa irratti fe’ame uf irraa darbuuf wareega lubbuu qaalii bakka bu’aatii hin qabnne
baasaa jira.
Kanaaf, nuti ilmaan Oromoo kan kallacha Walabummaa Oromiyaa ( KWO ) jalatti gurmooofne, wanti ummata
keennaaf gadi fageesinee dhaamnu dogoggora kaleessaa irraa uf dandamachiissuf Oromoon ufii isaa
ijaaramee humna murteessa taudhaan diina isa qabate humnaan ufirraa fonqolchee abbaa biyummaa isaa
mirkaneessuf kutannoon akka qabsaawudha. Halagaan ar’as akkuma kaleessaa Oromoo keeysaa murnoota
adda addaa firoomfatee adeemsa isaa jijjiirachuudhaan ummata Oromoo maqaa dimokraasii fi tokkummaa
biyyaa jedhun Oromoo kiyyoo gabrrummaa jalatti qabuuf wixirfachaa jira. Halagaan har’as ta’e kaleessaa
maqaa tokkummaa biyyaa jedhu haguuggatee saba Oromoo , lafa isaa saamuu , human isaa gatii malee
fayyadamu fi Oromoo qe’ee isaa irraa buqqisee ufii isaa kaan abbootii qabeenyatti gurguratee ka hafe gamoo
irratti ijaarachuun miidha hagam akka saba keenna irra geese fi geessaa jiru tarrisanii fixuun hin dandayamu.
Haalli amma keessa jiru kan agarsiisu qabsoon ar’a itti jirru hadhooftuu akka taatee fi hagam takka akka
rakkoolee adda-addaan diina keessaa fi alaan xaxamtee jirtu ni hubachiisa. Kallachi Wolabummaa Oromiyaa
(KWOn) falmii ilmaan Oromoo ar’a diina Faashistii haga funyaanii hidhate fuuldura dhaabbatee ajjeesaa fi
ajjeefamaa jiru wajjiin dhaabbachuuf murteeffatee jira. Nuti dhaloonni ar’aa ilmaan Oromoo kan Walabummaa
fi abbaa biyyummaa isanii mirkaneefachuuf lubuu kennanii fi ammas kennaa jiran cinaa dhabbachuuf
gaafatama seenaa qabna. KWOn haqa saba Oromoo kana bakkaan ga’uuf wareegama barbaachise cufa ni
baasa. Saba Oromoof dhaamsi dabarsinu , qabsoo amma itti jirru tana otuu duubatti hin jenne akka itti fufu fi
diina irratti goobee humna isaa cimiste kana ufirraa fonqolchee abaa biyyummaa isaa akka goonfachuuf
murannoondhaan qabsaayu irra deebinee waamicha goonaaf.
Dhumarratti , iiti daballee waamichi dhaabni keenya KWOn saba Oromootiif dabrsu , falmiin godhaa jirtu
falmmaa haqaati , tan abbaa biyyumaati , tan jirreenna keetiiti fi tan hegere dhaloota dhufuu murteessuudha.
Kunis kan mirkanaayu yeroo bilisummaan Saba Oromoo fi walabummaan Oromiyaa mirkanaawe qofa akka
ta’e hubachuudhaan falmii wal-irraa hin cinne deemisisuu irratti akka jabaattu siif dhaamna. Falmii kana
keeyssatti nuti qabsaayonni KWO jalatti gurmoofne si cinaa dhaabannee wareegama qabsoon gaafattu baasuf
qophii ta’uu keenya siif mirkaneessina.
Ni Moona !
Qabsoon Itti Fufa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …