Oduu Haaraya

# Bakar Shaallee Eenyuu ?

UUUUUUUUUUUUUUUUUUUUUUUU
MAALOO DUBBISTAN MALEE HIN DARBINAA!! FIXXAN MALEE HIN DHIISINAA; DHUMARRATTI LIKE FI SHARE GOCHUU HIN DAGATIINAA!!


Odeeffannoon Oromiyaa keessaa bahaa jiru
akka agarsiisutti mootummaan Wayyaanee
Bakar Shaalee itti gaafatamaa Waajjiraa
OPDO godhee muudee jira. # Bakar_Shaalee
itti aanaa Mataa Tikaa (Security head) kan
ta’e, Isayas Woldegiyorgis waliin wal ta’ee
nama dhiiga ilmaan Oromoo harkasaatiin
dhiqataa turee dha.
Namni kun otoo aangoo irra jiru obbolessi
isaa Joobir Shaalee mana hidhaatti kan
dararamee du’ee yoo ta’uu, ilmi Joobir
(obboleessa Bakar), barataa University
Maqalee kan ture, Iluu Joobiris haaluma
abbaansaa obbo Joobir Shaalee itti du’etti
maqaletti maqaa qabsoo Oromootiin
dararaan erga irra gayeen booda du’e. Du’a
dargaggoo kanaarratti wanti hedduu nama
gaddisiisu yoo jiraate, haatiisaa Ayyubee
haaji-Bashir, Amerikaadhaa isaa gaafatuufi
yaalchisuuf dhuftee otoo hin milkaa’in hafte.
Yeroo isiin achi geettutti dursee yaala gayaa
waan hin argatiniif darara mana hidhaa
keessatti irra gaheen du’ee.
Haa ta’uu malee, sirni Bakar Shaalee
tajaajila jiru kuni yoo obboleessa isaatiifi
ilma obboleessaa (Joobir Shaaleefi Iluu
Jobir) ajjeesu, inni sirnuma kana waliin
firootasaa fi ummata Oromo dararaa,
ajeesaa, hidhaa, biyyaa baasaa jiraata.
Namichi maatiisaaf naatoo tokkolle hin
qabnee kun itti gafatamaa Waajjiraa OPDO
yoo ta’e, namoota dhaaba sana keessa
jiraniifi aantummaa uummataa qaban irratt,
akkasumas ummata bal’aa Oromoorratti
maaltu dhufuuf akka deemu tilmaamuun
nama hin rakkisu. Gama birootiin, deebiin
gaaffii mirgaa ummata Oromoorraa madduuf
ajjeechaa fi ajjeechaa qofa yeroo ta’e kanatti,
dhumaatii ummata Oromoo caalatti
saffisiisuu caalaayyuu nama gara
jabaatummaan beekkamu kan akka Bakar
Shaalee mataa dhaaba ‘remote control’
isaaniitiin socho’uurra kaayuun jibbaafi
tuffiin Wayyaaneen ummata Oromoorraa
qabdu akkam akka ta’e agarsiisa.
Hammeenyummaa garajabummaan guutame,
kan Bakar Shaalee aantummaa Wayyaanee
gonfatee ummata Oromoorratti raawwate
lakkayanii fixuuf kan nama rakkisu yoo
ta’eyyuu, qabatamaan fakkeenyota tokko
tokko kaasuun ni danda’ama. Bara 2009
keessa barataa Kollejjii Fayyaa Ambo kan
turee fi tika mootummaatiin akka malee
tumamee du’e jedhamee kan bosona
keessatti darbame ture Nimoonaa Tufaa akka
jedhutti, Bakar namoota dangaa malee
hamoo ta’an keessaa tokkoofi nama
eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf kutate
akka ta’eefi haala inni nama itti dararurraa
kan ka’e Oromoo Oromoo akkasitti dararu
argees, dhaga’ees akka hin beekne ibsa.
Bara 2010 keessa yeroo lubbuun
jiraachuunsaa beekkamee Nimoonaan gara
Hospitaalaa geeffametti, Hospitaalaa fuusisee
gara mana hidhaatti akka geeffamu godhe.
Yeroo kanatti Bakar Komiishinara Poolisii
Oromiyaa ture. erga Nimoonaa Hospitaala
keessaa fuusisee mana hidhaa mana
hidhaatti deebisee booda itti dhaqee ‘’yoo ati
kan na miidhee nama dhunfaati malee
mootummaa miti kan jettu taate baafna, yoo
kana didde si ajjeesna, ykn umrii guutuu
mana hidhaa keessatti si dararaa’’ jechaanii
akka ture dubbata. Nimoonaa Tufaa
gargaarsa mootummaan Amerkiaafi
dhaabbatni Human Right watch godheetti
irkifamee yeroo amma biyya Amerikaa
jiraata. Kun fakkeenya nama akka du’etti
lakkayanii har’a dubbatuu yoo ta’u, kan
Bakariifi sirna inni tajaajiluun ajjeefamaniifi
achi buuteen isaanii dhabame, kan
dubbachuufis carraa kana hin qabne meeqa
akka ta’e isiniifan dhiisa.
Dabalataan, Bakar Shaalee nama akkamii
akka ta’e ummati bal’aan akka hubannoo
argatuuf odeeffannoo namoota dhiyeenyaan
isa beekan irraa walitti qabee akka armaan
gaditti qindeesse isiniif dhiyeesseen jira.
Haaluma kanaan, namooti gariin hedduun
odeeffannoo kana irraa argadhe ammallee
warra sirnicha keessa jiran jiran waan
ta’aniif, nageenyaafi albeesaarraa hambisuuf
jecha maqaasaanii irraa hambiseen jira.
Warri odeeffannoo dabalataa qabna jettan
karaa dhuunfaan na qunnamuu dandeettaniin
naaf erguu ni dandeessu. Bifa kanaan,
namoota yeroo addaaddaatti fedhii ummataa
fi ummatarratti miidhaa gurgurddaa hojjatan
qorannoo gad-fageenyaantiin odeeffannoo
wal-fakkaataa akka isiniif dhiyeessuu
waadaan gala, yaada keessan har’aa gara
eenyummaa Bakar Shaalee Dulleetti isin
deebisa.
Bakka Dhalatoofi Barnootaasaa
Bakar Shaalee Godinaa Arsii Lixaa, aanaa
Dodolaa Gandaa duri Buuraa-Callee amma
ammo
Burraa-Adeellee jedhamutti bara 1972 akka
lakkoofsa Habashaatti dhalatee achumattis
guddate. Barumsa sadarkaa tokkoffaa
ganduma sanitti kan argamu mana barumsa
Doodaatti kan baratee yoo ta’u, barumsasaa
kutaa 7-8 fi sadarkaa 2ffaa magaalaa
Dodolaatti kan argamu, mana barumasa
jiddu-galeessa Dodolaafi mana barumasa
Sadarkaa 2ffaa Dodolaatti (walduraa
duubaan) barate. Bara 1983 akka lakkoofsaa
Habashaatti akkuma mootummaan Dargii
kufeen Wayyaaneetti makamuuf jecha
barumsasaa kutaa11faa irratti dhaabe isanitti
makame.
Bakar Shaaleefi Miseensummaa OPDO
Bakar Shaalee namoota naannoo sanaa
keessaa ganamaan OPDOtti makaman
keessa nama tokkoofi isa duraati. Namootni
heddu Bakar Shaalee jireenya gadadoofi
hiyyummaa keessatti uffata namaa miicaa
akka guddateefi achi keessaa bahuuf jara
tanatti makamee ummata keenna boochisaa
jiraata warri jedhan ni jiru. Haa ta’uu garuu,
sochii inni sana booda godhaa ture yemmuu
ilaallamu yeroofi rakkoof jaratti makamuun
haga maatii isaa keessa namni hedduun
wareegamuutti cichaan hojjataa turuun isaa
akka inni ummata Oromoorratti diinummaa
guddaa qabuufi sanuma hojjataa akka ture
agarsiisa. Bifuma kanaan,
hammeenymmaasaatiif ragaan guddaan
obboleessa isaa hangaa, barsiisaa Joobir
Shaalee Dullee, goota osoo Wayyaaneen
mormu qabamee mana hidhaatti dararamee
bara 1985 akka Lakkoofsa Habashaatti
wareegamuusaa ni beekama. Bakar Shaalee
jalqaba akkuma OPDOtti makameen Mooraa
Leenjii Waraana Holootaatti argamuu
keessatti namoota amma miseensota OPDO
ta’an kan akka Sisaay Daffaruu, Temsegen
Gebrehiyoot, Muusaa Huseen, Idiriis
Guddatoo, Saamu’eel Taadasaa fa’a wajjiin
otoo leenjiirraa jiruu, Bakar qawwee itti
kennameefi kan biroollee hatee gurguratee
mooraa leenjii keessaa ari’ame.
Eega achii ari’amee booda Dodolaatti
deebi’ee namoota daldala kontrobaandiirratti
bobba’ee uffata moofaa biyya seenuu
(‘’salbaajii’’) gurguranitti irkatee osoo namaaf
hojjataa jiru namni inni Holotatti waliin
leenjifame Saamu’eel Taaddasaa namni
jedhamu naannoo Dodolaatti dabballee,
(boodarra immoo bulchaa aanaa Kokkossaa,
Gooroofi Dodolaa) ta’e ramadamee godina
amma Arsii Lixaa, naanno Gadab jedhamu
dhufe. Saamu’eel nama naannoo waan hin
beekneef Bakar bakka leenjiitti waan isa
beekuuf ofitti dhiyeessee obbolessa ofii
Israa’el Taaddasaa jedhamu (yeroo amma
biyyaa Amerikaa kan jiraatu) waliin kutaa 11
fi 12 barsiiseen.
Haa ta’uu garuu Bakar barumsaatti akka
malee laafaa waan tureef qabxii gahayaa
leenjii barsiisummaatiif ( Teachers Training
Institute) ta’ullee argatuu hin dandeenye.
Hiriyaan isaa Saamu’eel gargaarsa
siyaasaafi ajaja inni kenneen gargaarsi
addaa godhameefii Dhaabbata Leenjii
Barsiisota Roobee (Kan amma Kollejjii
Barsiistoota Roobee ta’e) seenuun Waraqaa
Ragaa Barsiisummaa Sadarkaa Tokkoffaa
(Certificate) eega eebbifamee booda bara
1988 ALH aana Raayituutti barsiisaa
sadarkaa tokkoffaa ta’ee ramadame.
Hojjii barsiisummaa sadarkaa tokkoffaa
kanarra otoo jiru Saamu’eel Taddasaa bara
dheeraaf itti gaafatama tikaa Kibba Bahaa
( South East Security) kan ture fi dhalootaan
Tigree kan ta’e, Dajan nama jedhamu waliin
wal barsiisee. Sana booda barsiisumaatti
dabalee hojjii dabballummaas hojjatuu
eegale. Boodarra aana Raayituutti itti
gaafatamaa siyaasaa aanichaa ta’ee yeroo
gabaabaaf hojjate. Yerooma aana Rayituutti
itti gaafatamaa siyaasaa ta’ee jiru kanatti
gara Ginniriitti deeddebi’aa waan tureef
haadha mana isaa ammaa tan taate Miishee
jedhamtu, duraan haadha mana waraana
Wayyaanee kan turte, osoo dhiirsa wajjiin
jirtu jalaa fudhate. Waraanni mooraa Ginnir
keessa ture sababii niitiitiin isa ajjeesuuf
tanaan ‘’ABO Bakariin ajjeesuuf yaalii
godhaara’’ jedhamee gargaarsa Saamu’eeliifi
Dajaniin itti gafatamaa siyaasaa aanaa
Dodolaa ta’ee ramadame.
Yeroo kanatti Dajanfi Bulchaa Godina Baalee
kan ture Ballaxaa Nageessoo waliin hojii
basaasummaa hojjataa ture. Bakar Shaalee
eega itti gafatamaa ta’ee aanaa Dodolaatti
ramadamee booda namuma duraan isaa
gargaara ture Saamu’eel Tadassaarratti
kashalabboota ijaaruun isaa rakkisa ture.
Saamu’eelis Bakariin ofirraa fageessuuf jecha
akka caasaa yeroo sanaatti Hooggansa
Godinaa jedhamu keessatti akka inni filamuu
gargaaruun akka inni gara Bulchiinsa Godina
Baaleetti makamu godhame ture. Haa ta’uu
malee, gara godinaatti ol-guddachuu isaa
harki Ballaxaa Nageessoo, Dajaniifi
Obboleessa Bakar Shaalee –
kan tika keessa hojjatu – Jamaal Shaalee
akka keessa jirus ni himama.
Bulchiinsa Godina Baalee keessatti akka
caasaa yeroo sana tureetti itti gafatamaa
Waajjiraa
Dhimma iyyanno ummatata, boodarra immoo
itti gaafatamaa waajjira dhimma Naannolee
Ollaa godina Baaleerratti itti gaafatamaa
ta’ee ramadame. Sana booda itti gaafatamaa
Dhimma Milishaa, itti gaafatamaa Waajjira
Bulchiinsaafi Haqaa, itti gaafatamaa
Bulchiinsaafi Nageenya Godinaa Baalee
ta’uun Dajaniin (itti gafatamaa Security
Kibba Bahaa) waliin walitti hidhatee hanga
bara 1997 ALH ummata naannoo sanaa akka
malee dararaafi hiraarsaa ture. Bifuma wal
fakkaatuun, yeroon kun yeroo Godina
Baaleetti itti gaafatamummaasaa jalatti
kallattii addaddaatiin naannoon Somaalee ‘’
Referendum’’ lafa Oromoorratti gaafatte yoo
ta’u, Ministeerota Dhimma Naannolee kan
sadarkaa Federalaa wajjiin ta’ee wanti inni
Baaletti raawwate waan seenaan hin
irraanfanne. Yeroon kuni akka ALH bara
1996. Bifuma kanaan aanaa Madda
Walaabuu, Gurraa Dhaamolee, Barbaree,
Sawweenaa, Daawwee Qaachen, Beeltu fi
Raayituu naannoo Somaaleetti kutuuf
refarandamiin itti deemee dha. Kabiineen
yeroo sanaaf aanaa Madda Walaabuu
bulchan, kan lafa Oromoo akka naannoo
Somaaleetti cituu morman hundaa sagalee
ummataa dogongorsiiftanii, ummata walitti
buuftaniirtu, nama Somaalee lafa seeraan
gaafate mormitanii ajjeesiftaniirtu, mormiin
keessan kan diinummaati jedhee
hundaasaanii, ilma abbeeraasaa Huseen
Mohaammed Biimmee nama jedhamu
dabalatee hiisiisee tumsiisaa erga tureen
booda, Wayyaaneef kennee Finfinnettiin
galanii tumaan miidhaan daangaa hin qabne
irra gayaa ture.
Bakar Shaaleefi Filannoo Bara 1997 ALH
Bakar Shaalee, bara 1997 ALH filannoo biyya
sana ture keessatti Caffee Naannoo
Oromiyaatiif dorgomee bifa nama
qaanessuun qe’ema dhalatetti sagalee sadi
qofa argatuun injifatame. Paarlaamaa
biyyooleessatiif Abdulrazzaaq Heebboo
Kongressii Biyyoolessa Oromo(OFC) bakka
bu’uun dorgomee intala Shamsiyaa Waliyyii
(Niitii Kantiibaa magaalaa Shaashamannee
kan yeroo ammaa- Jamaal Kadiir) jedhamtu
injiftate. Bakar immoo namoota sadi Caffeef
Oromiyaatiif aanaa Dodolaatti dorgoman
keessa kan injifatame isa qofa.
Namootii Caaffeef dorgoman: Qaadii
Kongressii Biyyoolessa Oromoo(OFC) bakka
bu’uun, Usmaan Jamaa itti gaafatamaa
Barnoota Godina Baalee kan ture OPDO
bakka bu’uun, Roomaan Taaddasaa itti
gaafatamtuu dhimma dubartoota aanaa
Dodolaa kan turtee OPDO bakka bu’uun
dorgomanii kan darban yoo ta’u Bakar
sagalee sadii qofa argatuun bifa salphinaatiin
injifatame. Kuni kan agarsiisuu firootumti ykn
maatii innirraa dhalateeyyuu akkasa hin filinii
dha. Kan aajaa’iba namatti ta’u namoota
achitti dorgoman keessaa kan ummatni
beekuufi naannoo sana jiraatan Bakariifi
Romaan qofa. Abdulrazzaaq fi Qaadiin
dhalataan aanaa san haa ta’an malee
Finfinnee jiraatu. Achii dhaqanii dorgomanii
injifatan. (Finfinneerraa yerooma filannoo
sanaaf kan dhaqan yoo ta’u), Usmaan Jamaa
itti gafatamaa Waajjira Barnoota Godinaa
Baalee ta’ee Roobe jiraata.
Bakar Shaallee Filannoo Bara 1997 Booda
Filaannoon bara 1997 eega dhumatee booda
rakkoon nageenyaa daangaa godinaalee Arsi,
Baalee fi Shawaa Bahaa keessatti too’annaa
Wayyaaneetiif hedduu rakkoo uumaa waan
tureef, yeroo kana Godinaa Arsi Lixaa uumuuf
gartuun Qorattuu hundeeffama Godinaa Arsi
Lixaa yoo
uumamu Bakar Shaalee gaggessaa gartuu
qorattuu kanaa ta’ee ramadame. Haalli
ramaddiisaatis, nama godinaalee sadan irraa
yeroo walitti babaasan warri Baalee namoota
jibbu sadi ofirraa kenne. Namni jibbaan
guddaan ummataafi caasaa dhaaba OPDOtiin
itti jiru Bakar waan tureef. Bakaris jibbaa
kana waan ofitti beekuuf, Abbaan Duulaallee
walitti qabaa koree qorannoo hunddffama
godinaa jedhee bajata wayii ramadeefii
afaanumaan ajaja itti kenne. Innillee jibbaa
Baaletti qabu hafuura fudhatee hunddeeffama
godinichaarratti fuulleffate.
Hojjii Godinaa Arsii Lixaa hundessuu kana
magalaa Shaashamannee taa’ee kan
gaggessaa ture yoo ta’uu, eega godinni kuni
aanoota Godinaa Arsii, Baalee fi Shawaa
Bahaa irraa walitti qabanii hundeessanii
booda bulchaa Godinaa Arsii Lixaa ta’ee
Guraandhala 12 bara 1998 ALH Muudame.
Bakar akkuma yeroo Godina Baalee ture
dhimma Milishaafi Nageenyaan nama
ukkaamsaa turetti, Arsii Lixaattillee ummata
uukkaamsuu itti fufe. Sana booda waan
lamaan gamagamamee itti gafatamaa
kanarraa ka’e. Saamicha lafaafi Godinaa Arsi
Lixaa keessatti tasgabbii fiduu dhabuun.
Yeroo achi ture kanatti saamichi lafaa
daangaa malee kan guddateefi namni
hedduun naannoo kana kan dararaa keessa
turee dha. Niitiin isaa saamicha lafa
keessatti hedduu kan hirmaatte yoo ta’u,
magaaloota godinaalee Oromiyaa hunda
keessa deemtee lafa samaa turte. Namichi
kun dararama guddaa namarraan gahuunsaa
sadarkaa namoota yeroo abbaansaa du’ellee
‘’warra booya na bira hin dhufne’’ jedhu
hunda sababa addaddaa uumee hojiirraa
ari’uu nama gahee dha.
Boodarra Arsii Lixaarraa gara Baaleetti,
waggaa tokko booda of-duuba deebi’ee
bulchaa Godina Baalee ta’ee muudame.
Yeroo inni Baaletti deebi’u namichi mataa
Tika Wayyaanee Kibba Bahaa ta’ee waggaa
dheeraaf ummata fixaa ture – Dajan –
achumatti isa eegaa ture. Waliin ta’anii
hidhaa, ukkaamsaafi ajjeechaa baran erga
raawwataa turaniin booda Dajan gara
Harargeetti jijjirame. Yeroon kun yeroo inni
dararama ummata irraan ga’e yoo ta’u, sana
booda, Komishinerii Poolisii Oromiyaa, itti
gaaafatamaa Waajjiraa Biroo Hojii Gamtaa
Oromiyaa, Waajjira EPRDF keessa, itti-aanaa
itti gafatamaa Gumrukii, Barakat wajjiin itti
aanaa koominikeeshiinii, Kantiibaa Magalaa
Adamaafi itti gafatamaa Galiiwwan
Federaalaa ta’uun ergamaa diinaa kan bahaa
ture yoo ta’ee, yeroo inni itti Komishinera
Paolisii Oromiyaa ta’eetti, dararama dangaa
hin qabnetu ummata Oromorraa gahaa ture.
Dararama achitti raawwateen gara aangoo
Federaalaatti ol guddate.
Namichi kun nama lafa Oromiyaa irraa,
inumaayyuu bakki seenaa qaban kan akka
Madda Walaabuu, akka Naannoo Somaaleetti
akka cittu hojjataa ture, nama maatii isaallee
waan kanaaf jecha dararaa ture. Bakar nama
obboleessiifi ilmi obbelessasaa otoo inni
aangoo irra jiru mootummaa kanaan akka
dararamanii du’an godhe. Gama birootiin
immoo, niitiin obbolessa isaa – Jamal
Shaallee – intala Tigray, nama Aduwaa waan
taateef, Wayyaanee jalatti galanii Oromoo
miidhaa turan.
Walumaagalatti, seenaa namni kun
Oromoorratti raawwate muraasa tuttuquuf
malee gochoonnisaa kan kanaa oliillee kan
ummatni ukkaamamee baadhatee jiraatu
tokkoo-lama akka hin taane mallattooleen
kaafne raga bayu. Maraafuu, yeroo ammatti
Oromoo irratti nama kana muuduun tuffii fi
jibbansa Oromoorraa Wayyaaneen qabdu
agarsiisa. Ummatni keenya ‘’bulguuwwan’’
akkanatti isa nyaataa turaniifi ammas diinaan
ilkaan isaanii qaramee itti muudaman kana
ofirraa kaasuuf qabsoosaa itti jabeessuu
malee furmaata biraa hin qabu. Hundaa olitti,
namichi kuni yerooma itti gaafatamaa
Galiiwwanii ta’ee ture keessatti miseensa
“Command Post” Wayyaaneen uumtee ta’ee
kan tajaajilaa jiruufi sababa du’aatii sochii
kana keessatti uumame hundaaf adda dureen
itti gafatamaa dha.
Waajjiraaleefi itti gaafatamummaa
addaddaarratti tajaajlaa jiraatuusaatiin
dandeettiifi muuxannoo qabaatus, dhabaatus,
utaalchi inni Raayituu ka’ee Finfinneerra
taa’ee qe’ee maatii keennaa qe’ee booyaa,
gaddaa, gadadoofi buqqa’iinsaa,
walumaagalatti, duguuggaa sanyii
gaggeeffamaa jiruu, gara-jabummaafi naatoo
ummatasaa dhabuusaa qofa osoo hin taane
diinummaasaa argisiisa. Namootni
hooggansasaa jalatti dararamaa turan kan
akka Nimoonaa Tufaa ta’ee namootni amma
biyya keessatti dhiyeenyatti isa beekan hundi,
OPDO keessatti nama ajaja Wayyaaneen itti
kennitee akkuma jedhametti hojjii irra oolchu,
nama waanuma takkallee namooma hin
qabne, nama aangoosaaf jecha dararama
namarraan gahuuf duubatti hin jenne ta’uu
isaa kan mirkanessa. Waan dhumaa takka
dabaluuf, akka namni tokko biyyarraa natti
himetti, ‘’osoo Wayyaaneen lafee abbaa keetii
boolla keessaa jooniyatti guurii fidi jettee,
Bakar guyyaa mitii halkaniin guuree fidaa’’
naan jedhe. Kun immoo soba akka hin taane
wanti inni maatiisaarrati raawwate ragaa
guddaa dha.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …