Oduu Haaraya
poolisa goonadaritti ajjafame

Poolisoota Fedaralaa 11 kan Gondoriitti ajjeefaman keessaa 3 Oromoo ta’uun beekame.

OMN:Oduu Adol.13,2016 Lakkoofsi poolisoota federaalaa Gondarii fi naannawa sanitti ajjeefamanii 11 gahee jiraachuun isaanii himame.

Poolisota iddoo kanatti ajjeeffaman keessaa sadii dhalootaan ilmaan Oromoo tahuunis beekame jira.

Poolisonni ajjeefaman kunneenis konstable Ibsaa-Qeellam Wallaggaa, konstable Abdisaa-Jimmaa,fi sadaffaan immoo ammaaf maqaan isaa kan hin bekamin garuu dhaloonni isaa Wallagga Lixaa- magaalaa Gimbii tahuus ragaan iddoo kana irra arganne ni mul’isa.

Haalli nageenya naannoo magaalaa Gondor keessa jiruus haalaan ulfaata tahu isarra kan kahe jiraattoonni bahan galuuf yaaddoo fi dhiphina gurguddaa keessaa akka jiraniis beekame jira.

Itichaa Guddataatiin.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …