Oduu Haaraya

Jibuutitti baqattoonni Oromoo 4 mana hidhaa keessatti du’an.

OMN:Oduu Adil.11,2016 Baqqattoota Oromoo dhibba shan gahan magaalaa Jibuutii keessaa dhiheenna kana qabamanii kan hidhaman yoo ta’u, isaan keessaa namoonni afur mana hidhaa Nagad jedhamu keessatti lubbuun darbuun himame.

Ammayyuu baqqattoonni hedduun magaalaa keessaa qabamanii hidhamaa jiraachuullee baqqattoonni dubbatan.

Baqqattoonni Oromoo dhibbootaan laakkayaman poolisii biyyattiitiin magaalaa Jibuutii keessaa qabamanii kan hidhaman yoo ta’u, manni hidhaa isaan itti ugguraman haalaan oowwuu irraan kan ka’e namoonni afur lubbuun darbanii jiru.

Kana males beelaa fi dheebuu mana hidhaa keessatti isaan muudataa jiruun ammayyuu haalli isaan keessa jiran daran yaaddessaadha.

Baqqattoota Oromoo magaalaa Jibuutii keessa jiraatan keessaa namni nuti dubbifne tokko akka jedhanitti, iida sooma ramadaanaa galgala ture, baqqattoonni Oromoo hedduun daandii magaalaa gubbaa qabamanii kan hidhaman.

Mana hidhaa Nagad jedhamu keessatti erga hidhamanii booda oowwa hamaa isaan muudateen baqqattoonni Oromoo afur achumatti lubbuun darbuu himan.

Akka namni kun himanitti, namoota lubbuun darban kana reeffa isaanii fudhachuuf jecha haga hospitaalaatti deemnee argachuu hin dandeenne jedhan.

Erga mormiin ji’oota saddeetiif guutummaa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruu kaasee, baqattoonni Oromoo daangaa Jibuutii seenaa jiran daran dabalaa jira.
Baqqattoonni Oromoo irra jireessaan qabamanii hidhaman kun kan waraqaa hayyama biyyattii keessa jiraatan hin qabne ta’uullee himanii jiru.

Namni kun akka jedhanitti, mootummaan Itiyoophiyaa wayta aadda addaatti kuduraa fi fuduraalee hedduu gara Jibuutitti geessaa jira.

Mootummaan Jibuutiitis baqqattoota Oromoo qabee mootummaa Itiyoophiyaaf dabarsee kennaa jira.

Kun ammoo baqqattoota Oromoo kana akka daldalatti waan wal jijjiiran fakkaata jedhan.

Akkasumas, dhiheenna kana qondaalli mootummaa Itiyoophiyaa tokko gara Jibuutii dhufuun, erga mootummaa biyyattii waliin wal arganii eegalee, ilaalchi  mootummichi kun baqqattoota Oromootiif qabu jijjiiramee jira jedhan.

Wayta ammaa kana jireenya baqqattoota Oromoo haalaan rakkisaa ta’u himanii, kanneen qabamanii mana hidhaa keessatti rakkataa jiru ammayyuu laakkofsaan hedduudha.

Kana males erga mormiin Oromiyaa hudhee qabee asi, laakkofsi baqqattoota Oromoo dabaalee jira. Baqqattoonni Oromoo kun daandii magaalaa Jibuutii gubbaa funaanamanii hidhamaa jiru.

Baqqattoonni Oromoo kun biyya isaanii irraa baqqatanis Jibuutii keessatti caarraan isaan muudataa jiru qabamanii hidhamuu fi, manniin hidhaa keessatti ammoo lubbuun darbuudha jedhan.

Dhabbata mootummoota gamtoomanitti, koomishinni olaanaan baqqattootaa ykn UNHCR baqqattoota haarawa biyya isaanii irraa baqataa jiran kanaaf waraqaa hayyama biyyattii keessa jiraatan tokkos hin kennineef jedhan.

Sababani isaatis baqqattoonni laakkofsaan hedduu ta’an Oromiyaa gadi dhiisanii garana baqataa waan jiraniif, namoota kana hunda keessummeessuun ammoo haalaan rakkisaa ta’uu akka hin oolle namni kun dubbatan.

Dhumarratti akka namni kun dubbatanitti ummanni Oromoo biyyuma isaa keessatti loltoota Agaaziitiin ajjeefamaa jira.

Kanneen biyya isaanii irraa baqatanii galaana keessatti irbaata qurxummii ta’aa jiran hedduudha.

Dargaggoonni Oromoo rakkoo jalaa bahuuf jecha rakkoon dabaalataa akka isaan hin muudanneef dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Wayta gara garaatti baqqattoonni Oromoo Jibuutii keessaa dirqamaan qabamanii gara biyya isaaniitti darbamaa turuu isaanii kan yaadatamuudha.

Usmaan Ukkumeetiin dhihaate.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …