Oduu Haaraya
tplf opdo

“Lammaa Magarsaa fi Sabboontonni OPDO Tokko Tokko”?!

Baarentuu gadaa Irraa//

“Sabboonummaan maali, eenyutu sabboona dha?  Eenyu yoo maal godhee fi
hojjete sabboonaa jedhama” Gaafii jedhuuf deebiin namootaa ykn akki
itti sabboonumaan ifu namootarra namootatti  addaa addummaa xixiqqoo
qabaachuu mala. Haata’uutii  dhugaan nama hundumaa walii galchu  jechi
Sabboonummaa” jedhu walittii hidhaa jechoota lamaa ta’uudha. Hikkaan
jechoonni kun walitti qaanja’uun kennanis ifa waan ta’eef
burjaaja’ins hiikoo gama kanaan  muldhatu hin jiru. ykn  harki
guddeessi namaa ibsa dabalataa malee hiikoo jecha kanaa irratti walii
gala.
Sabboonummaan jecha “Saba” jedhuu fi “Boonuu” jedhurra akka maddu
eenyufuu ifaadha. Jechoonni kun lamaan walitti qaanja’uun  ergaa
barbaadamu dabrsaa turaniiru dabrsaas jiru. Saba + Boonuu= Sabboonaa,
sabboontuu, sabboontoota jechuu dandeenya.
Maddi  jecha kanaa erga kana ta’ee  ergaan isaas maal akka ta’e
eenyufuu ifaadha. Jechi sabboonaa ykn sabboontuu jedhuu kun
kallattiidhaan ergaa “Saba ofiitin boonuu” jedhu dabarsa.Saba ofiitiin
boonuun ammoo nama afaan Oromoo dhagahu maraafuu  hikni isaa ifaa dha.
Jechu  sabboonaa, sabboontuu, sabboontoota jedhu kun hikkaan isaa
kana caalaas  guddaa fi ulfaatadha. Hiikoo saba ofiin boonuu  jedhu
qofaan  jecha  Loggomamuu miti. Hiikoo hedduu gadi fagoo ta’e kan
jechaan ibsuun hin danda’amne qaba.  Sabboonummaan yoo xiqqaatee
xiqqaate saba ittiin bonana saniif quuqamuu, quuqamaniis rakkoo saba
ittiin boonan sanirra gahuuf badaduu gaafata.  Roorroo fi balaa saba
ittiin boonan sanirra gahuuf falamuu, amma wareegamaa deemanii sabicha
dura ana na’aansaa osoon ani jiru sabni koo hin miidhamu itti hin
roorrifamu jechuu gaafata.  Walumaa galatti sabboonumaan yoo xiqqaatee
xiqqate yeroo sabni ofii diinaan lolu cinaa goranii waliin loluu
gaafata.
Dhaggeeffattoota keenya hiika gadi fageenyaa jechi sabboonaa,
sabboontuu, sabboontoota jedhu  kun qabu  cinaatti dhiifnee  isuma
salphaa yoo lammiin diina ofirraa lolatu lammii cinaa dhaabbatuun
diinaan lolu jedhu fudhannee ilaalle namoonni nuti sabboonadha,
sabboontudha, sabboontoota jennuun kan akkamiiti? mee  takka of haa
gafaannu.  dhugaa namoonni nuti sabboonaa sabboontuu jennuun saba
isaaniin boonuu, saba isaaniif wareegama lubbuu kaffaluu, ykn
kaffalaniiruu, lakkii saba koo hin xuqxu jedhanii diina dura waan
danda;aniin dhaabbataniiru? Mee  namoota miidiyaa hawaasumama kanneen
akka FB, Tuwterii, weebsaayitoota adda addaarratti barreessinu ykn
raadiytoo fi TV irratti faarsaa ollu of duuba garagallee  yaa ilaallu
.
Dhuguma namoonni nuti dhihoodhayis haa ta’u fagoodhaa abaluun
sabboonadha ykn sabboontuudha jennuun akkuma hiikoo sabboonummaan
qabuutti sabboontootaa? Ummata isaaniif ni falmuu,? Ummata koo dura
balaan dhufe ana nahaa fudhatu   jedhuu?  Kana isnuma warreen  hiikaa
sabboonummaa osoo hin beekne  kan argitan mara  miidiyaa
haawasummaarratti  baatanii ragaa malee, dhugaa malee haasawa faanii
qofa ilaalatnii nama duuban diina waliin dhaabatee ummata isaa
ficisiisaa oluun   abaluun sabboonaa, sabboontuudha jechaa oltanii fi
bultaniifan dhiisa.
Tibba kana odoon ‘Face Book’ fi weebsaayitoota adda addaa sakata’uu
ykn waan namoota adda addaatiin maxxanfaman dubbisuu  waayee
miseensota OPDO arge.  Barruun gabaabaan ‘FB’ irratti maxxane kun
‘Lammaa Magasaa fi Miseensoota OPDO tokko tokko’ ilaallata. Namni
barruu kana maxxansemmoo nama wayyaaneen na dararte jedhee biyyaa
baqatee Ameerikaa Tiraanpiin bulaa jirtu keessa jiruu dha. Barrichi
akkas jedha, “Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Lammaa Magarsaa fi
sabboontonni Oromoo OPDO keessa jiran tooko tokko haalli amma itti
jiran Wayyaanee waliin walitti buusuun isaa hin oolu” jedha. Barruun
kun dheeraa ta’us ani isheedhuma ‘ijoo dubbiikeenyaa taate  kan
“Lammaa Magarsaa fi sabboontoota OPDO keessa jiran tokkoo tokko” jettu
tanan keessaa fudhe.  Hubadhaa “Lammaa Magarsaa fi sabboontonni OPDO
keessa jiran tokko tokko” hima jettu tana. Akka hima kanaattii fi itti
fufiinsaan dubbisetti “Lammaa Magarsaa sabboona dha”, himni kun Lammaa
qofaanuu hin dhaabbanne. Lammaa Bira darbees  isa  birattuu
Sabboontonni qondaalonni  OPDO  biros jiraachuu  nutti himuu yaala.
Raajidha!.
Kabajamtoota dubbiftoota ykn dhaggeeffattoota! gaafiin guddaan
asirratti ka’uu qabu waayee hiika sabboonummaati? Innis Erga Lammaa
Magarsaa fi waayiloonni isaa warri wayyaanee waliin ta’anii waggoottan
25n darbaniif ilmaan Oromoo ficisiisaa turanii fi jiran ummata bulchaa
jirra jedhan ajjeesaa sabboontota ta’anii inni Oromoof du’aa turee fi
jiru maal  haa jedhamu? isaan saba isaanif jedhnii baadiyyaa
magaalaatti waraana Aga’aaziitin dhumaa turnaii fi jiran hoo maal
jedhamu? Maal jennaani? Isaan  saba isaanitiif mana hidhaatti
manakaraaraa jiran, isaan  saba isaaniif jedhanii waraana
Wayyaaneetiin qaamaa hirdhatan, Isaan tikkoota wayyaaneetiin  eessa
buteen isaanii dhabame maqaa maaliin  waamamu?
Qondaalonni OPDO kun keessumaa Lammaa Magarsaa waggoota 25n darbaniif
Oromoo ajjeesuu fi ajjeechisiisuu malee maal Oromoof hojjete?
Ammumallee Aga’aaziin Maqaa Komaandi Postiin Oromootti bobba’ee yoo
fixu mee maal dubbate? Ammas kan OPDO irraa argaa jirru dhiphuu
qabsoon Oromoo itti bulcherraa warra Wayyaaneen ergamanii sobanii nama
Oromoof nahan fakkaatanii warra bara bittaa Wayyaanee dheereessuuf
hidhii xuuxaa jiraachuu isaaniti. Isas ta’ee wayiloonni isaa gantoota!
Isaan kanarraa ammoo sabbonummaan ni calaqqisa jedhanii dubbachuun ykn
barreessuun maal jechuudha? Kun dhugaa dubbachuudhaaf dhiiga namatti
qoosuu dha! Wareegama qeerroo Oromoo haranii hallayyaatti gatuuf
tattaafachuudha!  Haasaan akkanaa gita lammii ta’uu dhiisanii; gita
diinaa ta’uu dha ifatti mirkaneessa. Lammaa Magarsaas ta’ee
waayiloonni isaa qondaaloonni OPDO karaa kamiinuu sabboontoota ta’uu
hin danda’an, quuqama Oromoos hin qaban.
Qondaaloonni  OPDO keessaawuu  Lammaa Magarsaa fi kaabinoonni isaa
isaanuu Wayyaaneedha, isaanuu Aga’aazi dha, isaanuu liyyuu Hayilii
ummata Oromoo fixaa turanii fi jiranii dha. Warri har’a waltajjii adda
addaarratti afaan mi’eeffatanii haasawaa jiran kun hunduu sobdoota,
kijibdoota, warra harkii isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin xuraayeedha,
Cubbamtoota dhiigni ilmaan Oromoo isaanirraa iyyaa jiruu dha. Gumaatu
irra jira, isaaniif Oromoon warra gumaati. Nama harki saa dhiiga
namaatiin xuraayee ammoo sabboonaa jedhanii waamuun yakka. yakka yakka
caaluudha. Namni yakkamaa saba isaa gurgurate sabboonaa jedhee yaamus,
inni owwaatus yakkamtoota. Namni waan  ka’uumsa dubbii kanaa kan ta’e
Lammaa Magrsaa Fi Sabboontoota OPDO tokko tokko jedhee barreessees
haata’u kanneen biroo waan walfakkaataa karaa miidiyaa hawaasaa
facaasaa oolan  beekees haa ta’u osoo hin beekiin kan itti jiran
yyakka ta’uu hubatanii osoo irraa dhaabbatanii dansaadha! Dhiiga
ilmaan Oromoo  saba isaaniif wareegamaa turanii fi jiranirratti qoosuu
jiru waan ta’eef dhiisaa jedhamuu qabu. Gochi akkanaa gantummaattis
nama rammachiisa!  Kanarraa ka’uun waan jedhanirratti xiinxalaa fi
beekumsa gahaa qabaachuun dansaa dha!
Gantoonni kalees hara’as  bara hamaa dabrfachuuf sobanii maqaa saba
kanaatin haa daldalan malee aantummaa saba Oromoo hin qaban, Lammaa
Magarsaas ta’ee qondaaltoonni OPDO ergamtoonni Wayyaanee hunduu
sabboonummaa mitii quuqama takkaawuu ummata Oromoo maqaa isaatiin
daladalaa jiraniif hin qaban. Hojiin isaan ittiin beekamanii fi ittiin
jiraachaa jiran ergamummaa dha. Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi hisiisaa
bara saamichaa fi bittaa Wayaanee dheereesuu dha. Kun dhugaa
qabatamaa,  hojii saanii ifatti beekamuu fi kan waggoota 25n darbaniif
itti turaniidha. Jarreen kanaaf sabboonummaa kennuun  ammoo yakka.
Cubbuudhasii.
Kanumarraa ka’uun namni kamuu  lafumaa ka’ee ergamtoota, garaaf
bultoota saba isaanii gurgarataa jiran kanneeniin  beekaas haa ta’u
osoo hin beekiin “Sabaan Boonaa, Sabaan Boontuu, sabaan Boontoota
walumaa galatti sabboontoota”  jechuun gadhummaa dha! Doofummaadha!
Qondaaloonni OPDO yakkamtoota, xurooftoota seenaati! Gataa
Boosattiiti! Mujjaa, Buqqee kosiirra biqilan; warra quuqamni namummaa
keessa hin jirree dha!
Xurooftoota seenaa, atalaa, koosii Wayyaanee yakkamtootaa fi
ergamtoota kanaaf ammoo maqaa hin fakaannee fi gotota Oromoof kennamu
itti  maxansuun qoosaa dha.  Qoosaa akkanaa qoosuurra  ammoo kan ta’uu
qabu; warri  beekaas haata’u  odoo hin beekin maqaa isaanii hin malle
itti tolchuuf  kaachaa jiran kun odoo ummat Oromoo fi qabsaawoota
ilmaan isaa WBO/Qeerroo duukaa hiriiruun  waan danda’aniin
jajjabeessanii, kosii Wayyaanootaa kana ofirra gatuu keessatti
hirmaatanii irra dansaadha! Kan sabboonummaa namatti uwwisuu fi
sabboonaa, Sabboontuu nama godhus hojii akkanaati malee oduu hin
fakkaanne odeessuu miti!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …