Oduu Haaraya

Xumura hoggonoota OPDO

Hasan Alii, Almaaz Makkoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa,Junaddii  Saaddoo,
Abbaa Duulaa Gammadaa, Bakar Shaalee, Lammaa Magarsaa….Abaate Kishoo,
Yaaragaal Ayishashum…fi ….Xumura Isaanii!

Baarentuu Gadaa Irraa//

gessogeda@gmail.com

Biyyaa fi saba kam keessattuu, dhaabooleen siyaasa walii masaanuu
ta’anii fi anatu caala, anatu caala waliin jechuun waliin atakaran ni
jiru.Yaadoota adda addaarrattis wal mormuu danda’u; bakka walii
galanitti walii galanii, bakka walii hin galletti ammoo garaagarummaa
isaanii tikfatanii jiraatu. Biyyoota hedduu keessattis jiraachaa jiru.
keessumaa biyyoota lixaa hedduu keessatti kun aadaa ta’eera.
Dhaabni kamuu  dhimma ummata kiyyaaf ni tola jedhe mararrattuu yaada
adda addaa burqisiisee,  keessumaa toftaa bulchiinsaa, diinagdee fi
hawaasummaa isaa ummataaf dhiheessee masaanuu isaa waliin dorgomee yoo
sagalee ummataa wayyaba argate hojiitti hiikee, yoo masaanuu isaan
injifatame ammoo isa injifateef aangoo heebbisee bara filannoo itti
aanuf of qopheessun dhimma addunyaan irratti walii galuu fi daandii
sirrii ta’ee dhimma itti bahamaa jiruudha. Afrikaan garuu yoo biyyoota
xiqqoo fi qubaan lakkaawwaman ta’e malee  kanaaf hin carroomne.
Afrikaan keessumaa Itiyoophiyaan har’a wayyaaneen bulaa jirtu gama
tokkoon biyya  bulchiinsaan seenaa waggaa kuma 3 olii qabdu jedhamee
odoo hololamuu, gama biraan ammoo Itiyoophiyaa dhiisii kan addunyaanuu
ajaa’ibsiifate, kan yeroo ammaa kana Yuniskootti  hambaa  ilma namaa
addunyaa ta’ee galmaaye Bulchinsi Sirna Gadaa waggoota kumootaaf biyya
sana keessatti Ummanni Oromoo dhimma itti bahaa ture osoo jiruu;
sirnoonni Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiran itti fayyadamuu diduun
biyyi sun yakka ilma namaarratti hojjetamuun dorgomaa dhabde.
Impaayeera Itiyoophiyaa Wayyaaneen bulaa jirtu  keessatti ishiin duras
ta’ee sana booda akka aadaa Oromoo sirna Gadaattis ta’e, akka
dimookraasii ammayyaatti  erga Itiyoophiyaan humnaan ijaaramtee as
sirni karaa nagahaatin aangoo wal harkaa fuudhe |Itiyoophiyaa keessa
hin jiru. karaa nagahaatiin filannoon  hangoo walitti dabarsuu mitii
lammiileen akka amma humna isaanii fi beekmumsa isaanii hojjetanii
nyaatanilleen carraan gahaan hin turre,jirus. Hunduu abbaa irree
qawween dhufe, qawweenis bu’e.  Wayyaaneen har’a biyya kana bulchaa
jirtus qawwee malee akka hin buune waggoonni 26n darban ragaa
qabatamaa dha.
Wayyaaneen mirga ummattootaa kabajuufan qabsaawe, kabachiisaan jiras
jettee erga hololuu eegaltee waggoonni 26 kunoo Caamsaa 28 ykn akka
iittin of waamanitti Caamsaa 20n  guyyaa muraasa dura raawwate. Haa
ta’uuti dhuguma akka Wayyaaneen jechaa jirtu Itiyoophiyaa keessatti
dimookraasiin jiraayii? Ummattoonni hiree isaanii murteeffachuu
danda’uuyii..? Kan filatantu isaan bulchaa jiraayii…? jennee yoo
gaafanne gongumaa dhugaan jiru faallaa holola Wayyaanee ti. Waggoonni
26n darban bara saamichaa, bara ajjeechaa, bara hidhaa fi dararaa,
bara godaansaa ture, ammalleen akkasuma. Keessumaa ummanni Oromoo
biyya san keessatti bara akka malee itti dararamee dha yoo jenne
dhugaa lafarra jiru waan ta’eef  sobduu nama hin godhu.
Waggoota 26n darban yakki ummata Oromoorratti raawwate amma hin qabu.
Wayyaaneen ofiifis ta’e karaa ergamtoota ishii warra sammuu keessaa
fuutee garaa qofaan oofaa jirtu ummata Oromootti bobbaaftee saamicha,
ajjeechaa fi hidhaa amma feetu raawwatteetti; raawwachaas jirti.
Namoonni Ishiin walitti qabdee akka dhaabaatti maqaa OPDO jedhu itti
tolchitee Oromootti bobbaafte kun  garaa malee sammuu akka hin qabne
waggoonni 26n darban sirritti nuuf mirkaneessaniiru. Jarreen kana
dhamni nama nama jechisiisu, ykn akka farnajoonni  jettu sabistaansin
namummaa keessa hin jiru. Akkuma namaatti  lafee fi foon uffatanii,
ejjetanii haa deeman malee maashinoota Wayyaaneedhaan gutaman jechuutu
danda’ama.  Wayyaaneen  namoota  namummaa  hin qabne kana  erga
ijaartee booda yakka  sirni Appaartaayidii, ykn kolaneeffattoonni
Awuroopppaalleen hin hojjetin  Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo
irratti  hojjetteetti. Saboota saamaa fi saamsisaa, hidhaa, ajjeesaa
fi biyyaa godaansisaas kunoo waggoota 26 fixattee 27ffaa seentee
jirti.
Dhaggeeffattoota; mee  waayee Wayyaanee dhiisnee  waayee warra
Wayyaaneen bixxiltee ummattoota cunqurfamootti bobbaaftee yakka ittiin
raawwachaa jirtuu miseensoota dhaaboolee  akka  OPDO, DHDN, BADN, fi
warra wayyaaneen “aggaar dirjitoochi” jettuun haa ilaallu.  Miseensota
dhaaboolee kanaas haa ta’an dhaaboleen kun dhuguma ummata  ittiin
waamaman kanaaf dhaabbatanii…? Ummata kanaaf hojjetuu..?, fedhii
ummata isaanii guutuuf ijaaramanii…?  Dhaaboleen kun mee maal  ofii
karoorsanii, irratti mar’atanii waan ummata ittin of yaamanii saniif
tolu dalagan..?  walumaa galatti waggoota 26n darban bu’aan isaan
ummata maqaa dhahataniif  buusan maali…? jennee yoo saaqnee ilaalle
dubbiin faallaa holola  dhaabolee fi miseensoota dhaabolee kanaan
gaggeeffamaa jiruu ti.
Qondaalonni dhaabolee Wayyaaneen ijaaraman kana keessa jiranii fi akka
gaggeessaattis of ilaalan kun; kan biraa haa hafuuti Wayyaanee biratti
gatii saree takkaallee hin qaban. Akka harree amma  baachisan
baachisanii yoo dadhaban yoo ashuffeetti gatan argaa turre, argaas
jirra.
Kanneen Wayyaaneen itti fayyadamaa jirtu  qondaalonni dhaabolee maqaaf
nuti bakka bu’aa saba akkasii fi akkanaatti jedhan kunneen keessumaa
qondaalonni OPDO yakki isaan ummata Oromoorratti hojjechaa turanii fi
akki itti isaan Wayyaanee biratti  ilaalaman baayyee fokkisaa dha.
Dhugaa dubbachuuf namoonni dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti
qondaala ofiin jechaa turanii fi jiran kunneen sadarkaa adda addaatti
dirqama Wayyaaneen  itti kennite bahataa turanis wanti muldhatu garuu
kabaja namummaa dhabuu qofaa osoo hin taane, hojii ergamtummaa
raawwatanifilleen  osoo waan saamsisanirraa kaffaltii gahaa  hin
argatin, yoo argatanis osoo hin nyaatin hoo hidhaman, hoo hari’ataman
darbees yoo biyyaa baqachiifamaniidha. Dubbii kana dhugoomsuuf ammoo
akka fakkeenyaatti  qondaala OPDO kan maqaaf Pireezidaantii Naannoo
Oromiyaa calqabaa  godhanii muudanii itti fayyadamaa turan Hasan Alii,
miseensuma dhaaba kanaa kan turtee fi kan fakkeessiif afi yaa’ii mana
marii feedereeshiinii turte Almaaz Makkoo, Prezidaantii Itiyoophiyaa
kan ture Dr. Nagaasoo Gidaadaa, kan dhiheenya kana biyyaa baqatee bahe
pireezidaantii fakkeessii Oromiyaa kan ture Junaddii Saaddoo kaasuun
ni danda’ama. Hundumaa Wayyaaneen akka shankooraa xuuxxee bara rakkoo
itti dabarfattee ariite.
Wayyaaneen ergamtoota maqaa OPDOn ijaarte qofattii mitikan fayyadamaa
turtee fi jirtu, kan booddees akka harree ba’aa dadhabdee kan hartee
gate, PDOLee naannoo naannootti ijjaarte hunda keessaawuu kaan hiitee,
kaan ariitee, kaan ajjeeftee kaan ammoo biyyaa godaansiftee jirti.
Mee kan saboota biroos  haa ilaallu, akkuma OPDO jettee ijaarte
Kibbattis DHDN jettee ijaaruun ergamtoota gurmeessitee kaayyoo ishii
saamichaaf itti fayyadamaa turtee jirti. Kanneen  keessaa
pireezidaantii ummattoota  kibbaa kan ture Abaataa Kishoo ergama isaa
fixannaan mana hidhaatti darbame.  Dhaaboolee haalauma walfakkaatuun
ijaarte kan aggaar dirijitoochi jettuun keessaa ammoo Pireezidaantii
Naannoo Beenishaangula kan ture Yaaragaal Ayishashumis qabeenya
naannichaa warqii dabalatee erga saamsisaa ture booda xumurri isaa
mana hidhaa ta’e ammallee hidhaa keessa jira. Pireezidaantii naannoo
Ganbeellaa kan turees akkasuma kunoo mana hidhaa jira. Kan Affaarii fi
Sumaalees haaluma walfakkaatuun hidhamaa turan. BADN ykn naannoo
Amaaraa irraa ammoo Ministeera muummee biyyattii kan ture  Taammiraat
Laayinee fi jeneraalonni hedduun salphifamanii mana hidhaatti
dararamaa turan.Hunduu hojii ergamummaa fixannaan Wayyaaneedhaan
haramanii akka kosii gataman.
Dhimma Qondaalota  OPDO  kophaatti baafnee  yoo  gadi fageenyaan
ilaalle, yakki isaan Wayyaanee jala deemuun Oromoorratti raawwatan
baayyee sukanneessa dha. Warreen kun tokkoon isaanilleen  warra dhama,
qabiyyee  namummaa, ykn sabstaansii nama nama jechisiisu qabuu miti.
Garaa malee sammuu itti hin uumne. Mooraalii namummaa  tokkolleen of
keessaa hin qaban.
Qondaalonni OPDO sabstaansii ykn qabiyyee nama nama jechisiisu of
keessaa hin qabne hedduu ta’anilleen kan Abbaa Duulaa fi ergamtoota
amma Naannoo Oromiyaa bulchaa jirra jedhanii hololaa jiranii garuu
gongumaa hin jiru,  kan isaa adda.  Namni Abbaa Duulaa jedhamuu fi
kan kanaan dura  pireezidaantii  naannoo Oromiyaa ture, kan yeroo
ammaa kana ammoo af -yaa’ii  mana marii ummataa ykn paarlaamaati ofiin
jedhu kun, ykn jedhamu kun  yoo dhaabbatee deemu akkuma nama kamiitu
nama fakkaata.  Garuu namni kun  qabiyyee namummaa,dhama nama nama
jechisiisu ykn sabstaansii namummaa  gongumaa hin qabu, moraaliin
dhala namaa keessa jiru isa keessa hin jiru. Namni kun waggoota 26n
darbaniif  jechoota maaliif, akkamitti..? jedhan afaan isaatii bahee
hin beeku.  Hojiin isaa osoo hin yaamamin owwaachuu, osoo hin ergamin
ergamuu dha. Arrabsamus, tuffatamus, ifatamus danda’aadha.Hundumaa
numa danda’a.
Abbaa duulaa hidhi jennaan ni hidha, ajjeesi jennaan maaliifin isa
bira hin jiru waan ta’eef numa ajjeesa. Ajjeesaa fi ajjeechisiisaas
ture. isa qofas osoo hin ta’in warreen yeroo ammaa kana Oromiyaa
bulchaa jirra jedhan kanneen akka Lammaa Magarsaa, Bakar Shaalee, fi
waayiloonni isaa haaluma walfakkaatuun yakka hojjechaa as gahan
hojjechaas jiru.
Namni Abbaa Duulaa jedhamu kun akkuma hunduu beekuu fi quba qabutti
pireezidaantii nananoo Oromiyaa ta’ee hojjii ergamummaa bahataa nama
tureedha. Bulchiinsa isaa jalattis Wayyaaneen yakka dandeechu hunda
ummata Oromoorratti raawwatteetti, innis waan danda’u hundaan
gargaaree jira, gargaaraas jira.  Egaa namni haala kanaan Oromoon isa
beeku kun  kunoo tibba kana nama aantummaa ummata Oromoo qabu
fakkaatee as bahaa jira. Namni kun waggaa 26f ergamaa wayyaanee ta’ee
ummata Oromoo ajjeechisiisaa fi saamsisaa turee har’a deebi’ee Oromoon
diinagdeen miidhamee jira, warraaqsaa diinagdeetu isa barbaachisa
koottaa warraaqsa diinagdee gaggeessina jechuun waayiloota isaa waliin
shubbisaa jira. kun dhugumatti baayyee, baayyee  kofalchiisadha.
Diraamaa yeroon itti darbesi.
Kan caalaatti baayyee nama ajjaa’ibu ammoo warri isa waliin
Oromiyaatti bobba’anii holola warraaqsa diinagdee gaggeessaa jiran;
kanneen akka Lammaa Magarsaa, Warqinee Gabayyoo fi ergamtoonni biroon
haaluma walfakkaatuun warrootuma waggoota 26n darbaniif  hojii
gaggeessituu naannoo Oromiyaa ta’anii ummata Oromoo qorqisiisaa turan
ta’uun isaanii beekamuu nama haaraa waan hundumaa quba hin qabne
ta’anii as bahuu isaaniti. Jarri kun waggoota 26n darban  ummata
Oromoo saamaa fi saamsisaa, hidhaa fi hiisisaa, ajjeesaa fi
ajjeechisiisaa, biyyaa baqachiisaas  warra tureedha. Ergamtoonni kun
har’a akka nama biyya biraarraa dhufeetti gadi bahanii hololuuf
yaalanis yakka hojjechaa turan ummanni Oromoos ta’e gutummaan saboonni
biyyattii ni beeku.quba qabu.
Kaleessa amma har’aatti nama mirga gaafate ajjeesaa jiru, nama
qabeenyi Oromoo maa samama jedhe shoroorkeessa dha, ABO dha jechuun
hidhaa turaniiru, hidhaas jiru.Yoo Oromoon gaafii misoomaa gaafate kun
ergama diinaati kan jechaa turee fi qabeenya Oromoo Tigraayitti
guursiisaa turee fi jirus isaanuma. Yoo wayyaaneen saamtee Tigraayitti
warshaa Mismaaratirraa hanga warshaa konkolaataa ijaartu kan jala
deemee jabaadhaa jechaa ture eenyu, isaanuma. Egaa amma maaltu
dhalate? Essaa amma hirriibaa dammaqan?
Jarri kun kaleessa bulchiinsa wayyaanee keessa hin turree…? Turaniiru.
Kan biraa haa hafuutii yoo Oromoon handhuura keenya magaalaa
Finfinneedhaa baane Adaamaatti hin gallu jedhulleen farra misoomaa fi
guddiinaati, miseensoota ABoti jedhee kan hiisisaa fi barataa
barnootarraa hariisisaa ture eenyu ? isaanuma.  Egaa har’a moraalii
maalitiin waayee warraaqsa diinagdee Oromoo haasa’u.? gongumaa jarri
kun kana haasa’uuf moraalii itti hin qaban, waan fakkaatuus miti, kun
ergama wayyaaneerraa fudhatanii gadi bahaniidha.
Dhugaa dubbachuuf hojiin ergamtoonni kun yeroo ammaa itti jiran
abshaalummaa  siyaasaa itti fakkaachuu danda’a. garuu miti. Beekumsaa
fi toftaa addaas dalagaa jirra jedhanii yaaduu malu. Kunis bakka hin
qabu.  Nama hubatee ilaalee fi xinxaleef jarri kun hojii akkanaa hojii
gadhee, hojii ergamummaa kanarratti kan bobba’aniif dhama namummaa,
mooraalii, qabiyyee namummaa ykn  akka faranjiin jettu  sabistaansii
namummaa  waan dhabaniifi.  Eeyyee garaa malee sammuun waan irra hin
jirreef tuffatamaa, arrabsamaa, hidhamaa, hari’atamaa ergamaa jiraatu.
Jarri kun  waan waggoota 26n darbaniif  raawwatan innuu hafee waan
waggaa 2 as itti jiran ummanni Oromoo waan dagate itti fakkaachuu
mala, akkasitti yaadu taanaan kun abshaalummaa osoo hin ta’iin
dhukkuba  samuu guddaadha.Mmoraalii dhabuu malee abshaalummaa
siyaasaatii  jechuun gongumaa hin danda’amu.
Dhugaa dubbachuuf ergamtoonni maqaaf qondaaloota jedhaman kanneen akka
Abbaa Duulaa, Lammaa Magarsaa, Warqinee Gabayyoo fi kanneen hafan
sadarkaa ummata Oromoo maqaa dhahachaa jiraniif yaaduu mitii hojiin
isaanii kan muldhisu ofiidhuma isaanitiifuu akkuma ilma namaatti
namoota namummaa isaa hin kabachiifnee fi namummaa hin guunne ta’uutu
irraa muldhachaa jira.
Yoo maashina ta’e malee namni  hin  aara, hin  gadda,  hin gammada,
hin  kolfa, hin  boo’a,  hin  jibba, hin  jaalatasi. Qondaalononi OPDO
kunneen  garuu  qabiyyee namummaa ykn sabistaansii nama nama
jechisiisu akkasii waan of keessaa hin qabaneef kana godhuu hin
danda’an. Roboonni  bara kana illee isaanirra gaariif yaraa  adda
baafata.
Jarri kun  taa’i jedhan taa’uu, kaa’i  jedhaman ka’uu, ajjeesi
jedhaman ajjeesuu, saamii fidi jedhaman saamuu malee lakkiin,
maaliifin isaan bira hin jiru.  Kanarraa ka’uun hojiin isaan tibba
kana itti jiranis waanuma wayyaaneen godhaa jetteen godhuu malee itti
yaadaniiti miti. Warraaqsi diinagdee kun  shakkii malee kan qindaayee
fi duubaan ajaja kennaa jiru wayyaaneedha. Kanammoo Oromoon ni beeka.
Wayyaaneen maaliif kana godhaa jirti jedhee kan gaafatu yoo jiraateef
ammoo deebin isaa salphaa fi ifaadha. Qabsoo Oromoo FXGti. Isatu
muddee qabee jira. Yaanni wayyaaneen kana gootufis dargaggoo Oromoo
Biyya abbaa isaa deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jiru
diinagdee jettee  qabsoorraa daguufi.
Egaa Oromoon kanuma hubatee holola yeroon itti darbe, kan yeroo ammaa
kana maqaa warraaqsa diinagdeetiin karaa ergamtoota Wayyaanee
qondaaloota OPDO kanneen akka Abbaa duulaa, Lammaa Magasaa, Warqinee
Gabayyoo fi fakkaattoota isaanii gaggeeffamu kana dura dhaabbachuun
dubii fardii fi barbaachisaadha!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *