Oduu Haaraya

Dhimma dhiifamaan bira hin dabramne

 

 

Berhanu Hundee

Gochaa ilma namaa keessatti bakkeen dhiifamaan irra dabran jira. Kuni seeruma uumaa ti. Haa ta’u malee, biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti sirna Wayyaanee jalatti gochaa suukkaneessaan lammiileerra gahaa ture waan laayyoodhumatti dhiifamaan irra dabramuu miti. Akkan barreeffama gabaabaa kana dhiyeessu kan na taasise waan yeroo ammaa viidiyoodhaan mul’achaa jiru tokko https://www.youtube.com/watch?v=S22CiXZmtOo yoo ta’u waan mana hidhaa Wayyaanee keessatti namootarra gahaa turee dha. Warra dararamni akkanaa qaama isaaniirra gahe dhiisii, fiilmii kana laaluumtuu hedduu mataa nama dhukkubsa. Dhugaa dubbachuuf yeroon fiilmii kana laalu imimmaantu ija kiyya keesa gadi dhangala’aa ture yoon jedhe dubbii oo’isuu miti.

Namoota muraasatu carraa kana argatanii, waan isaanirra gahe dubbatu malee, kan hin himamini fi/ykn hin bekamne lakkoofsa akka hin qabne waan haalamuu miti. Dararamni akkanatti ilma namaarra gahaa ture kun addatti kan raawwatame immoo ilmaan Oromoorratti. Waan uummata Oromoorra gahaa ture fi ammallee jiru kan argu fi beeku Waaqayyo/Rabbi qofaa dha. Uummatni Oromoo hidhaa, dararama, reebicha, ajjeechaa fi kkf keessa dabree; jijjiirama har’a uummatni fi sabootni biroo itti gammadaa jiran kana haa fidu malee, akka abbaa qabsoo fi injifannootti bu’aa isaaf malu argachuun hafee, har’allee daangaalee Oromiyaarraa buqa’aa fi ajjefamaa jira. Kan kaleessaa isa hanqatee, har’as dararamuun uummata kanaa maaliif dhaabbachuu dadhabe?

Muummichi Ministeeraa Dr Abiyyi Ahmad yeroo baay’ee akka dubbachaa turanitti, yeroon yeroo dhiifamaa fi jaalalaa ti jedhu. Kun akka wliigalaatti haa jedhamu malee, yakkamtoota lammiileerratti dararama akkanaa raawwatan kana ija kamiin laalu Muummichi? Warri dararama kana raawwatani fi kan baddaadhaa ajaja dabarsaa turanis har’allee bilisumnmaadhaan jiraachaa jiruu mitii? Maaltu isaan jalaa bade? Maaltu irraa hir’ate? Yoom adabamanii seeratti dhiyaatu? Maaliif hanga har’aattuu turame? Mootummaan jijjiiraman mijeessaa jiru jedhu kun maal hojjechaa jira? Har’allee harka Wayyaanee jalaa bahuu hin dandeenye moo maaliif warra yakka kana hojjetan barbaadanii hin qabne? Maaliif uummatni keenya har’allee qayee fi qabeenya isaarraa buqqa’aa jira?….

Yeroo Oromootu biyya tana bulchaa jira jedhamu keessatti uummata Oromootiif kan mirmatu maaliif dhabame? Abiyyi fi Lammaan maal yaadaa fi hojjechaa jiruu? Itoophiyummaan araada ta’ee, dhimma kanaaf dursa kennuu barbaadanillee, uummatni Oromoo qaama Itoophiyaa tii miti jechuu dhaa? Oromoon har’allee biyyattii tana jiraachisuuf jedhee dararamuu fi du’uu qabaa? Yoo lafa fi qabeenya isaarraa buqqa’u callifamuu qabaa? Gaafiin uummata kanaa yoom deebii argata? Dhimmi Finfinnee yoom furmaata argata? Maastar Plaaniin lafa jalaan hojiirra oolaa jiru kun yoom dhaabbata? Qonnaan bultootni naannoo Finfinnee jiraatan buqqa’uurraa yoom dhaabbatu? Lafti seeraan alaan irraa fudhatame hoo yoom deebi’aaf?…

Dhimmootni kuni fi kan kana fakkaatan hunduu waan dhiifamaan bira hin dabramne waan ta’aniif, Mootummaas ta’ee qaamni dhimmi kun laallatu dafee deebii kennuu qaba.

 

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …