Oduu Haaraya

Waamicha Uummata Oromoo fi Firoottan Qabsoo Oromoo Maraaf godhame

Qabsoon uummata Oromoo Abba biyyummaa isa kabachifachuuf godhu yeroo dheeraaf deemaa jiraachuun isaa ni beekama. Haala kana ilalchisee mata-duree: Qabsoon Ummata Oromoo eessa irra ka’e, har’a maal-irra jiraa, gara fuula duratti maal fakachuu qaba kan jedhuun Workshopii fi marii hawaasaa tokko Kaaba Kalifornia (North California), naannoo Bay area ti qopha’ee jira. Workshopii kana irratti hayyuun seenaa  fi qabasoo bilisummaa Oromoo  kan ta’ee Prof. Mekuria Bulchaa barrumsa   mata-dureen isaa armaan olitti caqafame irrati bal’inaan ni kennu.

Itti  dabalees,  tarsimoo  mootumotiin  Impayeera  Itoophiyaa  dhufaa-darbani  itti  fayyadamaa turanii fi jiran ilalchisees barruun ni keennama. Koottaa hayyuu keessan irraa wa’ee seenaa saba keessani/qabsoo saba keessani baradhaa, yaada fi gaafii qabdanis dhiyefachuun qooda keessan bahaa.

Guyyaa: Sadaasaa 29, 2014

Sa’aa: 1:00 – 6:00 pm (PT) Bakka: Walda Oromoo Bay Area Tessoo: 100 Hacienda Ave,

San Lorenzo, CA, 94580

Koree qindeesittuu Workshopichaa

Check Also

duubbee

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have …