Oduu Haaraya

IBSA BOORDII OMN IRRAA KENNAME

Kabajamtoota Hojjattoota, Miseensootaa fi Deeggartoota OMN Hundaaf,

Hogganaa Bordii Oromia Media Network, Dok. Hamzaa Abdurazaaq, dura taa’umaa Boordii OMN, irraa gadidhiisuu isaanii gaddaan isin beeksifna. Hundeeffama OMN irraa eegaluun, Dok. Hamzaan dadhabbii tokko malee dhaabbata kana tajaajilaa turaniiru. Boordiin OMN gaafa Sadaasa 22 bara 2014 walgahii godhateen marii jabaa tokko erga gaggeesseen booda haala gufuuwwan OMNiin mudatan qoratee kan dhiyeessu koree addaa tokko (ad hoc) sagalee guutuudhaan akka dhaabbatu godhee jira. Koreen addaa kun Dok. Hamzaa dabalatee sagalee deeggarsaa miseensoota Boordii guutuu ta’een hundeeffame. Bu’aan qorannoo kanaas gufuuwwan OMNiin mudatan kana gadifageenyaan erga qorateen booda furmaata murteessaa ta’ee fii, dhaabbata kana haalaan gara fulduratti tarkaanfachiisuu danda’u  argamsiisuudhaaf. Amaan kana, koreen addaa kun hojii qorannoo isaa jalqabee jira. Oduun hogganummaa gadhisuu Dok. Hamzaa kan dhagahame, walgahiin boordii kun erga taasifameen sa’a muraasa booda. Bordiin OMN, haalaawwan murtii hogganummaa gadidhiisuuttiin irraan isaan gahe ilaalchisee Dok. Hamzaa wajjin yeroo gabaabaa gidduutti mariyachuuf carraa jiru hundatti ni fayyadama. Ibsa kanaanis waan mirkaneessuu barbaannu, koreen addaa kun dirqama isaa haalaan kan bahu  ta’uusaati. Bu’aa qorannoo isaas torban muraasa keessatti hawaasaaf ifatti akka beeksisamu abdii guddaa qabna. Haala kana keessatti, miseensootaa fi firoottan OMNiif dhaamsi dabarsinu, yeroo rakkoo akkanaa keessatti, akkuma yeroo kaan gootanitti, tasgabbiidhaan meediya kessan kana (OMN) bifa barbaachisaa ta’e hundaan akka gargaartan isin gaafanna.

Galatoomaa.

OMN Board of Trustee

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Once again,

    Come clean, get to the root cause of the issue, and solve it. The issue is not about Dr. Abdurazaq’s resignition. His resignition is only a symptom of an underlying problem. These obscure and oblique statements will only further exacerbate the situation. Your reaction to this issue is akin to the man who looks for his keys outside only because it is too dark inside even though that is where he had lost them.