Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo garamitti deemaa jirti?

Abdii Boruutiin

Erga uummatni Oromoo gabrummaa Habashoota jalatti kufee kaasee hanga har’aatti qabsoon bilisummaa saba Oromoo bu’aa bayii meeqa keessa dabree akka har’a gaye seenaatu ragaa ta’a. Bu’aa bayiin kun har’allee bifa adda addaatiin cimee ittfufaa jira malee wanti fooyya’e ni jira jedhee yaaduun na rakkisa. Bu’aa bayii QBOn keessa dabarse kana keessatti ammoo lubbuu ilmaan Oromoo hamma kana jedhamee hin himamnetu galaafatame; har’allee galaafatamaas jira. Wanti kana ta’eef ammoo sababni inni guddaan diinotni keessaa fi alaa qabsoo kanatti jabaachaa fi hammaachaa deemuu dha. Diinota keessaa fi alaa yoon jedhu maal jechuu kooti? Qabiyyeen barreeffama kanaa waayee kana ibsuuf waan ta’eef, isa kana keessatti gaafii cimaa kanaaf deebii kennuun yaala.

Diinota alaa kanan jedhu diinota kaleessa nu bitaa turani fi har’allee otuu carraa argataii, nutti deebi’anii haala hamaa ta’een nu gabroonfachuu warra barbaadan nafxanyoota moofaa dha. Isaan kun gabaabumatti, akka meediyaalee isaanii gara garaarratti ibsaa jiranitti, jiraachuu uummata Oromootuu warra hin barbaadne; warra ifaa ifatti saba keenya baleessuuf hawwii qabanii fi kanarrattiillee halkanii fi guyyaa hojjechaa jiranii dha. Isaan kun, akkuma barreessitootni Oromoo tokko tokko ibsanitti, Minilikoota haaraa dha yoo jedhaman kun dhara waan ta’u natti hin fakkaatu. Diinotni biraa kan alaa ammoo, nafxanyoota haaraa kan bara 1991 jalqabee hanga har’aatti dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasaa; lafee ilmaan keenyaa caccabsaa; lubbuu Sabboontota Oromoo kumaatamaan lakkaawwamu galaafachaa; uummata keenya hidhaa fi dararaa; biyya abbaa isaaniirraa ari’aa; biyya keenya Oromiyaarratti ammoo abbaa biyyaa fi qabeenyaa ta’anii sooramaa warra jiran Wayyaanota dha.

Diinota keessaa kanan jedhu bifa adda addaatiin; gareelee adda addaatti hiree ibsuun yaala. Diinotni keessaa kun ammoo, karaa ifa ta’eenis haa ta’u karaa biraatiin yookaanis ammoo beekaniis ta’ee otuu hin beekin warra diinota alaatiif meeshaa ta’anii qabsoo bilisummaa keenyaatti gufuu ta’anii dha. Jarreen akkanaa kun dhalootaan, dhiiga fi fooniin Oromoo haa ta’an malee; yaadni isaan qabani fi gochaa isaan dalagan yoo hubatame, warra farra Oromummaa ta’anii dha. Asirratti wanti sirriitti hubatamuu qabu, Oromoo ta’uu fi Oromummaadhaan bilchaachuun garaagarummaa guddaa qaba. Akka ilaalcha kiyyaatti, Oromoota warra Oromummaa hiika isaa hubatan, isa kana kabajan, jaalatani fi isaaf dursa kennantu hiika Sabboonummaa guutuu danda’u malee, yoo ulaagaalee kana hin guutne abalu ani Saboonaa /Sabboontuu dha yoo ofiin jedhe/jette kun hiika qabaachuu hin danda’u. Diinotni keessaa inni guddaa fi cimaan ammoo warra Oromummaa irratti gaaga’ama fidani dha. Oromummaan gaaga’amnaan QBOnis gaaga’ama guddaa keessa akka galu waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu.

Egaa, akkuman kanaa olitti tuqee dabre, diinota keessaa, kan Oromummaarratti rakkoo fidani fi sababa kanaan ammoo QBO gaaga’ama keessa galchan gareelee adda addaatti hiree ibsuun yaala.

Garee tokkoffaa: Warra Oromummaa dagatanii, naanummaa, gandummaa fi amantiidhaan wal qoqqoodanii karaalee adda addaatiin walirratti duulaa jirani dha. Isaan kun jaalatanis jibbanis, amananis amanuu baatanis, hubatanis hubachuu baatanis, beekanis wallaalanis, dhugaa jiru fudhatanis dhiisani warra diinota alaatiif qaawwa uuman, karaa baasani fi balbala bananii; diinotni alaa akka nu keessa seenanii gargar nu hiran warra taasisanii dha. Beekaniis ta’ee otuu hin beekin warra diinota alaatiif meeshaa ta’anii dha yoon jedhe waanan dogoggore natti hin fakkaatu.

Garee lammaffaa: Warra karaa fuudhaa fi heerumsaatiin, karaa amantii hordofaniitiin akkasumas karaa hawaasummaatiin Habashoota wajjin walitti makamanii sababa kanaan rakkoo eenyummaa (identity crises) qaban; warra bilisummaa Oromootti amanuun hafee waayee kana dhagyuullee hin barbaadne; warra diinota alaatiif xurunbaa ta’anii waan diinotni alaa jedhan lallaban; warra dhimma saba Oromoo hin beekne ykn hin hubanne; kan hiikni Oromummaa isaanii hin galle, akka galuufillee hin feene fi kkf.

Garee sadaffaa: Warra dhimma saba Oromoo sirriitti beekan; garuu rakkoo dhuunfaarraa kan madde yookaanis olola warri garee tokkoffaa keessa jiran afarsaniin gowwoomanii, Sabboontotarratti hamii fi duula oofanii dha. Jarreen kun warra Facebook, Paltalk fi Skype irratti akka qabsaa’ota dhugaatti of dhiyeessan; ofiif hojjetanii bu’aa tokko otuu hin argamsiisne warra dhugaadhaan qabsaa’an yookaanis hojjetanii bu’aa tokko argamsiisan irratti olola bananii akka sa’aa mar’achaa oolanii dha. Gootota Facebook, Paltalk fi Skype!!!!

Garee afraffaa: Warra karaa adeemsa qabsoo fi siyaasaatiin waan goototni keenya wareegamaniif xiqqeessanii, bu’aa dhabeeyyii godhanii; ofiif beekaa fi xinxalaa of fakkeessanii; karaa kanaa mitii kan biraa wayya jechuudhaan qabsaa’ota irratti duula godhan; ofiif garuu karaa gaarii dha jedhanii lallaban sanaan bu’aa tokkollee fiduu warra hin dandeenye warra yaadaana daakaa oolanii fi bulanii dha. Akka dubbatani fi ofibsanitti isaan malee beekaa fi abbaan malaa akka hin jirre godhanii ofmul’isu garuu hojii isaanii kanaan qabsoo haqa qabdu kana jallisuu fi karaarraa maqsuuf dalagaa akka jiran yookanis hin hubanne ta’a, yookaanis ammoo otuu beekanuu olola akkanaatiin qabsaa’ota fi Sabboontota dhugaatti gufuu ta’uu warra barbaadanii dha.

Egaa, gareeleen asitti tarreeffaman kun akka hubannoo fi ilaalcha kiyyaati malee warri amaloota fi ilaalcha adda addaatiin diinummaa QBO dalagan kana qofaa miti. Kan ta’es ta’u, karaadhuma fi bifuma fedheenuu haa ta’u warri Oromummaa dagatanii faallaa isaa dalagan hunduu diina QBO kan keessaa ti jechuu ni danda’ama. Karaa biraatiin ammoo, warri garee tokko keessatti mul’atan garee biraa keessattillee argamuu malu.

Sababni ani mata duree kana filadhee akka gaafiitti dhiyeesse fi waayee diinota alaa fi keessaa kaaseef, torbeewwan dabran kana keessatti wanti nama gaddisiisan dhagayamaa waan turani fi jiraniifi. Ijaaramuu OMNtti aansee; sababa Maastar Plaanii Finfinnee wajjin walqabatee tokkummaa uummatni keenya Addunyaa mararratti agarsiisan waan baayee nama gammachiisu fi abdii namtti hour ta’ee otuu jiruu, dhiyoo kana mooraa keenya keessatti haalli nama qaanessu uumamuun isaa baay’ee na gaddisiise.

Yoo kan dabrerraa barachuu hin dandeenye; yoo dhimma saba keenyaatiif hin quuqamne; yoo dhiiga ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti dhangala’aa jiru hin yaadanne; yoo gadadoo fi rakkoon uummata Oromoo nutti hin mul’anne; yoo gabrummaa yoomiyyyuu caalaa hamaa ta’e kana keessaa bahuuf tokkummaadhaan wal bira hindhaabbanne; yoo har’allee akkuma kaleessaa naannoo, gandaa fi amantiidhaan walqoqqoodne; yoo Oromummaadhaaf dursa hin kennine, akkamitti qabsoofneeti gabrummaa kana keessaa bahuu dandeenya? QBOn garamitti (karamitti) deemaa jirtii?

Dhugaa dubbachuudhaaf, mooraan QBO, mooraa hunduu beekaa itti offakkeessu waan taate natti fakkaata. Fakkeenyaaf, namootni tokko tokko lafumaa ka’anii Addi Bilsummaa Oromoo (ABOn) diigamuu qaba; inni diigamu ykn badu malee bilisummaan Oromoo argamuu hin danda’u jedhu. Kun qaanii guddaa dha!! Ani miseensa ABO ta’ee jaarmayicha kanaaf falmuuf ykn isa ittisuuf otuu hin taane, warri akkanatti dubbatan kun dhugumatti baay’ee na gaddisiisu. Jarreen akkanaa kun qabsaa’ota offakkeessanii keessi isaanii waan biraa yaada ta’a malee, akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatti ABO jechuun uummata Oromoo bal’aa jechuu dha. Namootni jaarmayaa kana gaggeessan balleessa dalaganillee, maqaan ABO jedhu fi kaayyoon inni ijaarameef onnee fi sammuu Oromoo hundaa keessa jira jedheen amana. ABOn akka kaayyoo isaatti jaalatamuu fi deeggaramuu qaba malee akka namoota isa gaggeessani ykn hoggananiitti ilaalamee sababuma fedheenuu jibbamuu hin qabu. ABO jechuun anaaf farra gabrummaa ti. Amma gabrummaan jirutt ABOnis baduu hin danda’u.

Kan biraa ammoo kan na gaddisiise tokko, OMN ilaalchisee waan yeroo ammaa mul’achaa jiru dha. Namootni dhuunfaadhaan rakkoo walirraa qabaataniif jecha, miidiyaa walaba ta’e kan uummatni Oromoo ittiin boonu kana gaaga’ama keessa galchuun dhugumatti kunis qaanii guddaa dha. Warra tattaaffii walirraa hin cinne godhanii miidiyaa kana dhugoomsan keessaa inni hangafti Obboo Jawaar Mohaammad ta’ee otuu jiruu, Sabboonticha keenya kanaaf bakkee guddaa fi kabaj guddaa kennuufiin hafee isarratti olola oofuun hammam diinaafillee meeshaa akka taanu akkamitti hubachuu dadhabna? Haala fokkisaa, qaanessaa fi diigaa kana keessatti qabsoofneeti gabrummaa keessaa bayuu dandeenya jennee amannaa? Moo otuu gabrummaan nutti taphachaa jirtuu gabrummaa hamaa kana keessa teenyee walsukkumuu filannaa?

Facebook fi Paltalk irra taa’anii qabsoo kana galii hawwamutti geessuun hin danda’amu. Warra biyya keessatti, keessumaayuu Qeerroo Oromiyaa, kan diina hamma funyaaniitti hidhate dura dhaabbatanii falmachaa jiran yaadachuu dhiisnee; biyya alaa biyya xinnaatullee nagaan bahanii galuun danda’amu keessatti walirratti duuluun; naannoo, gandaa fi amantiidhaan gara gara wal hiruun namoota hojii badaa akkanaa dalaganiifis ta’ee uummata bal’aa Oromootiif bu’aa takkallee hin fidu. Kan kanarraa bu’aa argatu diina QBO qofaa dha. Egaa, warri hojii qaanessaa akkanaa dalagan kun, yookaan diinota QBO kan keessaa ti yookaanis ammoo harka diinota alaatu keessa jira malee, Oromoon sammuun isaa sirriitti yaaduu danda’u fi Oromummaadhaaf dursa kennu hojii qaanessaa akkanaa hin dalagu. Yoo haalli kun akkanatti kan ittifufu ta’e qabsoon keenya garamitti akka deemaa jirtu hubachuun nama hin rakkisu. Deebii gaafii kanaas uummata Oromootiif dhiisuun fedha.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *