Oduu Haaraya

Ilmaan Oromoo dhalootaan naannoo Jimmaa taatan maraaf!

(Waamicha kana hatattamaan walii raabsaa, keessumattuu warri gara Jimmaa)
Waamicha seenaan isinii dhiheessaa jirtu jalaa yeroodhaan owwaadhaa!
(Boruu Barraaqaatiin)
Oromiyaan ciniinsuu warraaqsaa irra jirti. Bilisummaa dahuuf ciniinsuu jabaatti jirti. Ciniinsuu Oromiyaa kana kan itti jabeessus, kan laaffisuufis numa ilmaan Oromoo ti. Yoo walii birmannee waliin dhaabbanne, harmeen Oromiyaa ciniinsuun isii laafeefii daftee offalti. Yoo tokkoo du’uu kaan maal-na-dhibdeedhaan afaan qabatee moggaa dhaabatu garuu ciniinfuun harmee Oromiyaa dheeraa fi ulfaataa taha. Haa tahu malee hanga turu turus Oromiyaan teenya offaltee bilisummaa hawwamu dahuun isii waan hin oolle. Gara dubbii kaaneefitti cehaa jirra.

Yuniversiitiin Jimmaa biyya Oromoo magaalaa Jimmaa keessatti argama. Ilmaan Oromoo kutaa adda addaa irraa carraan gara yuniversiitii kanaa isaan geesses akka gammachuudhaan gara magaalaa kanaa dhaqan shakkiin hin jiru. Yoo xiqqaate hiriyoota akka isaanii kan barnootaaf jecha carraan gara yuniversiitiiwwan naannoowwan kaabaa isaan geessee manna, biyya abbaa isaanii dachii Oromiyaa irratti barachuuf carroomuu isaaniif gammadu.

Haa tahu malee wayta fincilli barattoota Oromoo yuniversiiticha keessatti dhoowu akkasiitti, odeessi dhimma kanaan wal qabatee magaalaa Jimmaa irraa bahaa jiru gammachiisaa miti. Barattoonni Oromoo yuniversiitii Jimmaa irraa adamsaman bakka dhokatan wallaalanii akka malee rakkachaa jiru. Dhiiga kooti diinatti nan kennu jedhanii hawaasa naannochaa kna Afaan Oromoo dubbatutti yeroo baqatan, gariin qabamanii diinatti kennamaniiru. Gariin ammoo ‘Nuti nagaa barbaannaa, nurraa deemaa’ jedhamanii fuula dhowwatamani. Har’a bara sabboonummaan Oromoo dagaage jedhamu kanatti kana dhagahuun hedduu nama dhukkubsa. Haalli gaddisiisaa fi qaanfachiisaan kun bifa kamiinuu tahu dhaabbachuu qaba. Barattoonni keenya Oromoo kutaa adda addaa irraa barumsaaf jecha Yuniversiitii Jimmaa jiran akka nama Oromiyaan ala jirutti alagummaan itti dhagahamuun dhaabbachuu qaba! Akka waan Maqalee yokiin Gondor jiranitti fira gaafa rakkoo itti baqatan Jimma keessatti dhabuun raaw’achuu qaba!

Kana kan dhaabsisuu danda’u ammoo eenyuyyuu caalaa dhalattoota Oromoo kutaa kanaa kan sabboonummaa wayyaa qabanuu dha. Dhalattoonni Oromoo kutaa kanaa kan biyyoota alaa adda addaa keessa jirtan, akkasumas, kanneen godinaa sana keessatti sodaadhaan liqimfamtanii sagaleen keessan dhokate waamicha kana jalaa hatattamaan owwaadhaa!

Warri biyya alaa jirtan firaa fi maatii keessan Jimma jiranitti bilbiluudhaan:
1. Dargaggoonni kutaa kanaa wal gurmeessanii sagalee tumsa Oromummaa akka dhagessisan,
2. Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa magaalaa Jimmaa fi aanaalee irratti argaman hundi ‘Gaaffii mirga abbaa biyyummaa kan ummanni Oromoo Oromiyaa guutuu irraa dhageessisaa jiru gaaffii keenya waan taheef ni deeggarra’ jedhanii akka socho’an,
3. Hawaasni naannochaa iccitiidhaan wal gurmeessee barattoota Yuniversiitii Jimmaa kan diinni adamsinaan bakka itti dhokatan dhaban barbaadee ofitti akka fudhatu. Bakka qubsumaa dhokdaa qopheesseefii akka nyaachisu, akka obaasu, yoo madaahan akka waldhaanu, yoo hidhaman akka galaa geessuuf, maatii isaaniitti bilbileefii akka wal qunnamsiisu gad jabeessaa dhaamaafii. Hawaasa naannichaa keessaa warra osoo sabboonummaa qabanii garuu harka qallina irraa kan ka’e gargaarsa kana barattootaaf gochuu hin dandeenyeef maallaqa erguufiidhaan tumsa kana milkeessaa.

Yaa hawaasa Oromoo Jimmaa!
Kan Jalduutti du’aaru Oromoo dha. Kan Ambotti du’aa jirus Oromoo dha. Kan Najjotti dhiigni isaa jigaa jiru Oromoo dha. Kan Horrootti biyyoon nyaataa jirtu Oromoo dha. Kan Haramaayaatti kufaa jirus Oromoo dha. Kan Hiirnaatti lubbuu dhabaa jirus Oromoo dha. Kan Adaabbatti du’aa jirus Oromoo dha. Kan Bulee Horaatti, Oolan Cittiitti, Sulultaatti, Buraayyuutti, Gabra Gurraachatti kufaa jiru hundi Oromoo dha. Jimmis Oromoo dha. Hidda isaatu muramee dhiigaa jira. Hiddi ofii yeroo murame dhiiguu hafuun faallaa seera uumaa ti. Xannachi silaa xannachumaa, hin komannu. Hiddi ammo hidda waan taheef hidda isaa waliin dhiiguutu irraa eegama. Sana tahuu baannaan, ‘Hidda malee xannachi hin dhiigu’ makmaaksa jedhu nama yaadachiisa. Hidda tahanii hidda ofii waliin dhiiguu hafuun ‘xannacha’ nama fakkeessa waan taheef.

Dhiigni ilmaan Oromoo bakkoota reefuu maqaa dahawamanii fi kan biroo mara keessatti lola’aa jiru walitti yaa’ee odaa bilisummaa akka biqilchu shakkiin hin jiru. Dhiigni gootota Oromoo kun hundi walitti baqee simintoo tahee galma bilisummaa Oromoo akka jaaruuf jirus hin shakkamu. Kana kan mamu yoo jiraate isa murannoo fi jagnummaa ummanni Oromoo ha’a agarsiisaa jiru hin beeyne qofa. Kanaafuu wareegama seena-qabeessa kafalamaa jiru kana keessaa hirmaachuuf yeroo itti wal dorgoomamu malee yeroo itti du’a, reebichaa fi hidhaa sodaatanii afaan qabatanii ‘haa bultu dubbiin’ jedhan keessa hin jirru.

Muktaar Kadir Oromoo Jimmaaf addatti aannan samii irraa gad roobseef hin qabu. Jimmaaf addatti worqee afeef hin qabu. Madaa gabrummaa isuma Oromoo hunda belbelaa jirutu Oromoo Jimmaas waadee guggubaa jira. Maqaan Jimmaa sababa Muktaar Kadirii fi Asteer Maammootiin akka malee xuraahuu fi balfamuutti jira. Akka argaa jirutti Jimma wiirtuu fi madda hogganoota OPDO gurguddoo bara kanaa taatee laalamaa jirti. Master plaanii sana qondaalonni OPDO hundi yoo morman Muktaarii fi Asteer qofatu Abbaay Tsahaayyeetiin wal tahee akka hin haqamne hambisiise. Kun olola miti, dhugaa ragaa qabuu dha. Muktaarii fi Asteer ammoo bara dheeraa hawaasa Jimmaa keessa jiraachaa turanii kan qajeelfama Mallas Zeenaawiitiin yeroo tokkotti ol baafamanii dha. Namoonni kun lamaan dhiigaan Oromoo tahuu malu, tahuu dhiisuus ni malu. Wanni ifaan tokko garuu, jara kana lamaanuu kan filee bakka sanaan gahe Oromoo Jimmaa osoo hin taane Wayyaanota Tigree ti.

Haa tahu malee, wayta Oromiyaa guutuu keessatti sabni keenya diddaadhaan lafa sochoosaa jiru kanatti Jimma yoo callisu tumsa Muktaarii fi Asteer Maammoo fakkaachuu danda’a. Waan Jimmi Oromiyaa hafe irraa addatti sirna kana irraa bu’aa guddaa wayii hammaarrachaa jirus ni fakkeessa. Kanaafuu, xiiqiin nu dallansiisee lafaa ol hin kaanu taanaan boru seenaa kochuun hin danda’mu. Maqaan Oromoo Jimmaa wayta dhimmi amantii Islaamummaa kahu yeroo hundumaa hawaasa Itoophiyaa keessatti toora duraa irratti ka’uun beekamu, yeroo dhimma Oromummaa immoo jijim jedhee callisuun gaaffii guddaa nama keessatti uumaa jira.
Musliimummaa yoo taate saba Oromoo keessaa musliimni Jimma qofa miti. Amantiin Islaamaas qabsoo mirga abbaa biyyummaa ni jajjabeessa malee dura hin dhaabbatu. Qabsoon ummata Oromootuu kaleessa yeroo tokko jettee lafaa kaatu qooda Sheekotaa fi hajoota Oromoo gurguddootiin milkooftee deemaa as geesse. Kanaafuu kan Oromoo tahee yeroo dhimma amantii dhiigni isaa danfee yeroo dhimma Oromummaa garuu afaan qabatee usu maal jedhama?

Hanqina kana sirreessuudhaa fi toora gootummaa Oromummaa keessatti hiriiruudhaaf dhalataan kutaa kanaa, keessumattuu dhaloonni qubee xiiqiin isa qabee lafaa ol ka’uu qaba. Xurii xiraawaa seenaan kutaa kana irratti haqattee dabraa jirtu osoo yeroon hin dabarre of irraa qulqulleessuu barbaachisa. Tahuu baannaan garuu, Oromiyaan Jimma fincilatti dabalamus dabalmuu baatus bilisoomuun isii waan hin oolle. Gaafas garuu dhalataan kutaa kanaa anis Oromoo dha jedhee Oromoo wareegama isaatiin bilisoome faana mataa ol qabatee mul’achuun rakkisaa taati!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *