Oduu Haaraya

Maal nuuf Wayyaa?

MAAL NUUF WAYYAA?

Oromo !!!

1. Guyyaa guyyaatti dhangala’uu qeerroofi qarreewwan keenyaa dhagahaa oolla? (Suuraafi dhiigni roobe nu warra lubbuun jiru macheesseera)

2. Mana hidhaatti gidirfamaa kan jiran warra wareegamanirra dachaa 100 caaluum,

3. Kan biyyaa godaanaa jiraniifi akka ba’anitti hafanii jireenyi isaanii bosona (bineensafi beelaan nyaatamaa jiran) hedduum,

4. Asitti achitti iddoo akkanaafi akkasiitti fincilli ka’eera (garuu reebamaniiru, mana hidhaattti guuramaniiruu, du’aniiru…) dhaga’aa jirra.

5. Erga gaafa qabsoon kun dhoheeti Oromoodha kan ofiin jedhu hundi hojiirra hinjirru (Kan baratu raata’eera, kan hojjetu wallaalchifameera…karaafi karri cufaa…)

Egaa gaaffiinkoo….!

1. Cal jennee hamma hunduu daguugamee dhumutti teenyee ilaaluudhaa?
2. Tarkaanfiin gama Oromootiin galmaa’aa jirummoo maaliidha? (Moo dhumaatii daddaraaroo keenyaatu akka injifannootti galmeeffama?)
3. Meerre dhaabni Oromoof jiru maal hojjetaa jira? (Qeerroon biyyaa kun ooggansa eenyuu jalatti ijaaramee jira—itti gaafatama hundaa eenyutu fudhataa jira?)

Fala ta’a laataa?

1. Ooggansi haaraan dhaloota kana fuudhee deemuu danda’u lafa Oromoorratti ijaaramee waan dana’amuu maraan diina dura dhaabbachuun barbaachisaadha natti fakkaata.
2. Ergaan takkaa sabni walfaana dammaqee ajjeesaa-du’aa jijjiirama tokkorra atattamaan ga’uu (yookaan bilisoomuu yookaammoo barabaraan garboomanii harka kennachuun jiraachuu) malee guyya guyyaan kan nujalaa du’aa jiru qofa teenyee galmeessuun fala miti.
3. Manneen amantaa, abbootiin gadaa, dhaabbileen Mormitoota siyaasaa alaafi keessaa tokkoomanii ergaan takkaa saba kana dammaqsanii jijjiirama tokkotti baasuu yookaan maqaasaanii haqanii kana booda dadhabneerra jechuun sabaaf ifa of gochuu. …

salphina keenya guddaa!

1. Hammana baay’anna jennee utuu dhaadannuu uummata bicuu kanaan guyyaa guyyaan dhumuu…
2. Guyyaa guyyaatti du’aa keenya awwaallannee gallee irbaata gaddaa nyaachuu,
3. Dhiigaan Oromoo taanee sirna garboomfataa kanaaf hojjechuu (Keessumattuu Miseensota OPDO keessaa warra garaatti gurguraman…)

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …