Guyyaa: 22/4/2017
Yaada keessan karaa ‘inboksiin’ naaf ergitan xiinxalee ilaalee, barruu keenya kutaa lammaffaatti
osoo hin darbin yaadi hubachuuf wal hubachiisuu qabnu keessaa xiqqoon ishee waan natti
dhagahamteefan dursee barruu kana isiniin ga’e.
JOSEPH ALBERT
(suuraawwan kunniin kanin ofii qopheesse miti, heyyamsiifachuufis qaama hiyyama kennu beekuu hin dandeenye)
Nama fayyaa qabeessa ta’e tokkoof qabeenya olaanaan dursa argachuu qabu beekumsa ykn
hubannoodha. Akka hayyoonni jedhanitti maddi isaa lameenis muuxannoo fi mala saayinsaawaati.
1. MUUXANNOOWWAN: muuxannoon keenya guyyaa guyyaa madda isa calqabaati. Aah!
Osooman guyyaa guyyaan saayintistootaaf qabsaa’ota muuxannoo dheeraa qaban yeroo
muraasaaf argee waliin turee, kiyyatti dabalee muuxannoo isaanii irraa qooddadhee?
Maalimmoo gariin isaanii boqotanis, ykn kanneen biroon immoo narraa fagaataanis maloota
hedduu naaf ka’aniiru hedduu haa galatooman malee. Kun na hin dhiphisu fedhaaf tattaaffii ani
ani hubannoo argachuuf qabutu xiqqoodhaa yookiin immoo gowwuma koofan gonkuma iyyuu
fedha dhabee jiraa laata yaada jedhutu hedduu na dhiphisa malee.
GABRUMMAA HUNDEEN BUQQIFNA:
DADHABNU ILMAAN ITTI GUDDIFNA
Fakeenyaaf
1. Kitaabaan nuuf galmeessaniiru
2. Inteneetaaf miidiyaa nuuf uumaniiru …
Akkuma Jooseef Albert jedhegaa malli wal barsiisuu gaariin deebii SIRRII walitti himuu osoo
hin taane, gaaffii SIRRII wal gaafachuu dha. Kanaaf, mee hayyuu keenya obbo Beekan
Gulummaa Irranaa kitaabban hedduu barreesuun beekaman ilaalchisuun gaaffilee kanneen
deebisuu yaalaa!
1. Obbo Beekan Gulummaa eenyu?
2. Haga ammaatti Kitaabota meeqa barreesse? Kitaabota Meeqas gulaale?
3. Muuxannoo isaa irraa haga beektu ibsi!
4. Daraan kitaabota maxxansee raabsuuf rakkooleen isa mudachaa jiran, yoo jiraatan maal
fa’i jettee yaadda?
2. MALOOTA SAAYISAAWAA
Silas kan barbaadame yaada wal jijjiiruudha waan ta’eef mee gaaffilee gadii yaalaa!
1. Qorannoo saayinsaawaan maali? Maalif barbaachisa?
2. Seenaa Albert Enistaayin haga beektu ibsi!
3. Calqaba irratti qur’aanaaf wangeela gara afaan oromootti kan jijjiiran maqaa isaaniif bara
isaan itti jijjiiran barreessi! Seenaa isaanii irraa haga beektu ibsi!
4. Hayyoonni oromoo biyya keessaa wantooti dhokatoon hedduun osoo jiranii haalaan
qorannoo akka isaan hin adeemsisne gufuu itti ta’aa jiran maalfa’i?
HUBANNOO QABNU WALIIF QOODUU
Dhugaa dubbachuuf, kan na boonsu sabni kiyyallee hubannoo qabu walii qooduu irratti barsiifata
shaggaa qaba. Garuu kitaabota adda addaa dubbisuun akka kan nama dalagaa dandeettii hin qabneef
nama dhama’aatti ilaaluu irraa kan ka’e, hedduun keenya iraa yeroo baay’ee ragaa qabatamaa waliin
haasa’uutu hin mul’atu. Kan hubachuun nurra jiru akkuma Albert Enistaayin jedhe dubbisuuf sana booda
immoo itti yaaduutu barbaachisa malee dubbisuun murteessaadha. kanaaf ammaan booda yaada
keenya yeroo namaaf qoodnu ragaa qabatamaaf fakeenya ifaa ta’een akka fayadamnu abdii guddaan
isin irraa qaba.
Akkuma Niilsen Maandellaa dubbate barnooti meeshaa lolaa cimaa ittiin addunyaa jijjiiruun
danda’amuudha. Meeshaan kunis yoo luyni yookiin sodaattuun fuutee diinqa keesse fayida dhabeessa.
Garuu Yoo gootni Jeneraal Waaqoo Guutuu gabrummaa akka hundeen buqqisuuf guddisee iimaanaa itti
kennee deeme fuudhee bakka isaan dhaabbachaa turan dhabbate hojii irra oolte. Kanaaf gowwomnee
miindaa aanga’oonni wayyaanee qabeenya oromiyaa ofii qooddattee haftee (hambaa) ishee nuun
geessu kanatu faayidaa barachuu keenyaati jennee teenye salphina salphina caaluudha. Him! him! Akkas
taanaan maaf barachuun koo (kee) hin hafin laata?
Gaaffiilee xumuraa (kan darbe sirriitti beekuun fuulduratti tarkaanfachuuf daraan nu gargaara.)
1. Gootota bilisummaa biyya isaaniif tattaaffii olaanaa gochuun milkaayan haga tokko tarreessi.
Qabsoo saba oromoon haga har’aatti taasifamaa jiru waliin akkamitti ilaalta?
2. Mee saayintistoota argannoo garaa garaa argachuun beekaman haga tokko biyya isaaniif bara
biyyi isaanii bilisoomte waliin ibsi.
3. Sabboontota oromoo haga har’aatti oromiyaa walabaa ijaaruuf qabsa’aa turan beekamtii
isaanii waliin akkasumas jijjiirama isaaniin argame haga hubannoo kee tarreessii ibsi.
Hubachiisa 1faa: yaa nama barruu kana dubbisaa jirtuu, yoo oromummaan kee dhugaan kan sitti
dhagahamtu taate, barruu keenya calqabaa kaastee hordofuu qofa osoo hin taane ‘print’ gochuun
namoota (qoomoo kee, dhiiga kee) kanneen akka koof kee kana carraama ‘soft copiin’ argatanii
dubbisuu hin qabneen (silaa wayyaaneen waan nu hin goone hin qabduu) gahuu hin dagatin adaraa!
(yoo haalli nuuf mijateef, nutis yeroo dhihootti barruuwwan ergaawwan hawwatamoof barbaachisoo
ta’aniin guutaman bifa kitaabaan qopheessinee isin biraan ga’uu ni yaallaa!)
Hubachiisa 2ffaa: Yeroo baay’ee namoota tokko tokkotti hin dhiyaannu; waan itti hin dhiyaanneef
maalummaa isaanii hin barru; waan maalummaa isaanii hin barreef(hin hubanneef) hubannoo
yookiin tumsa isaan irraa hin argatin hafna. Kanaaf yaa lammii koo wal quunnamuun yaada siyaasaas
ta’e biroo wal jijjiiruu amaleeffadhaa. Dabalataanis Fb’n cinatti ‘imelii’ fayyadamuun kitaabota
barbaachisoo garaa garaa (kan barnoota idileellee dabalatee) haga danda’amaa ta’e waliif erguu yaaluun
dansaadha. As irratti adaraa hayyoonni dargaggoowwaniif barattoota keenya haalaan tumsuu yaalaa.
Barreessaan: Abdii Oromoo F.(bakkan jiru irraa)
NAGAA WAJJIN!
HORAA BULAA!