Oduu Haaraya

QBO Keessatti Waan Hir’ate Haa Guuttannuu

Akeeka QBO

Dura dubbii, akeekni Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) ifaa dha. Akeeka QBO irratti harki gudddan ummata Oromoo waliif gala je’eetan amana.

Gabaabaa itti, akeeknio QBO, birmadummaa, bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa dhuma Jaarraa 19ffaa keessa weerara Minilikin saba Oromoo irraa humna qawweetin fudhatame deefachuu dha.

Jecha biraatiin, akeekni QBO ummanni Oromoo mirga hiree ofii murteeffachuu heera mirgoota namoomaa addunyaatin beekkame dhgoomfachuun gulantaa siyaasaa isaa murteeffachuun akeeka diinaggee, hawaasummaa fi aadaa bilisummaan tofachuu fi hordofuu fi qabeenya uumamaa Oromiyaa irratti abbooma qabaachuu dha. Migi hiree ofii murteeffachuu, ummanni Oromoo hariiroo ummatooat biraa wajjjiin qabaachuu barbaadu illee bilisummaan murteeffachuu dabalata.

Galiin QBO fi mirga hiree murteeffannaa ummata Orommoo, mootummaa Oromoo kan bilisummaa, nagayaa (security) fi tokkummaa Oriomiyaa tiksu, kan ummata Oromoon filamee, kan ummata Oromoo duratti itti gaafatama qabu dhaabbachuu dha. Kun jechuun, ummanni Oromoo hoggantoota bilisummaan filatee fi itti gaafatama ykn aangoo biyya bulchuu yeroo murtaayeef heeraan itti kenneen buluu dha. Yeroo akeekkonni QBO asii olitti gabaabaa itti tuqaman kaneen guutaman qofa, ummanni Oromoo guddaan kun addunyaa keessatti gulantaa siyaasaa isaan malu qabaachuu dha.

Bifa Qabsoo

Akeekkonni QBO qabsoo ummata Oromoo qofaan dhugoomu. Akeeka QBO kanneen dhugoomsuuf, ummanni Oromoo bifootaa fi maloota heera uumamaa fi aadunyaatin beekkaman hundaan qabsaayuuf mirga qaba. Gabaabaa itti, karaa waraanii fi nagayaa illeen qabsaayuun mirga ummata Oromoo ti. Ammoo, gaafiin hubatamuu qabu, mala qabsoo ummanni Oormoo hordofu kan dirqu ejjannoo mootummaan Impaayara Itoophiyaa QBO irratti qabu tahuu isaati. Impaayarattiin humna qawweetiin ummata Oromoo fi ummatoota Kibbaa gabroomsitee, bilsummaa, walabummaa fi biyyaa nu irraa fudhatte, hamma ammaa itti, qabsoo karaa nagayaa hin beektuu; hin kabajju. Qeerroo fi Qarree Oromoo karaa nagayaatin gaafiilee mirga namoomaaf qabsaayaniinf, deebuisaan mootummaan Itoophiyaa kennee fi ammallee kennaa jiruu humna waraanaatiin ilmaan Oromoo fixuu ture. Oromoota nagayaan qabsaayuu filatan ajjeessuu fi mana hidhaa itti galachuu dha. Bulchitoonni Itoophiyaa dhufaa dabraan, kan ammaa illee dabalatee, gaafiilee haqaa ummata Oromoof deebisaa haqaa kennuu hin barbaadan. Kun tahu illee, Oromoonni karaa nagaa bilisummaa Oromoof qabsaawuu filatan, kana gochuuf mirga qabu.

As irratti, waan jedhamuu qabuutu jira. Bifoonni qabsoo jaaramayoonni Oromoo hordofan, qabsoo hidhanoo ykn karaa nagayaa, jaaramayoota Oromoo waliif diina hin godhu; gochuus hin qabu.

Haala kana keessatti, jaarmayoota Oromoo bilisummaa Oromoof qabsaayan, ammo bifa qabsoo adda addaa hordofan irraa kan eeggamuu ykn kan dirqama isaanii tahe, wal-hubannoon, wal-kabajaan, wal-qubaqabaachuun mirgoota saba Oromoof qabsaawuu dha.

Daangaan ykn uggurri mootummaan Itoophiyaa jaaramayoota karaa nagayaa qabsaayan irra kaayuu ykn kaayuu malu, WBO hidhatee mirgoota ummata Oromof qabsaayuu wajjiin wal-hubannoon, wal-kabajaa fi wal-qabaqabaachuun qabsaayuu dhoorguu hin qabu. Mala wal-hubannoon, wal-kabajaan fi wal-qabaqabaachuun qabsaayuu tolfachuun dirqama jaarmayoota qabsoo Oromooti.

Hoggana QBO

Gabroomuu (koloneeffamuu) uumata Oromoo irraa kaasee yeroo dheeraaf gabroomfataan ummanni Oromoo akka hoggana walaba hin qabaanne godheet ummata Oromo saamaa fi cunqursaa ture. Ammallee kanuma itti jira. Qabsoo fi finciloonni ummanni Oromoo deemsisaa ture illeen yeroo dheeraaf bibittinnaawaa turan. Bara 1970-moota keessaa dhaabbachuu ABO tin QBO hooggana waaltayee argate.

San booda ammo, keessattu bara 1991 booda, jaarmayoonni bilisummaa Oromoof qabsaawuu labsan heddummaachaa dhufan. Waa’ee jaaramooyoota “Oromoo” alagaan Oromoo ittin caphasuu fi saamuuf ijaarratee odoo hin tahin, jaarmayoota Oromoon Oromoof ijaarateen dubbachaa jira. Baroota kurnan keeessa dabarree ammo, jaarmayoota siyaasaa itti dabalee, Oromoota namtokkee mirga Oromoof qabsaayan, kan dhageettii fi kabajaa ummata Oromoo biratti hortan illee Oromoon hedduu qabna.

Ammoo, yeroo ummanni Oromoo qabsoo bilisummaa deemsisaa jiru kana itti, jaaramayoota bilisummaa Oromoof dhaabbatan hedduu qabaachuun bu’aa caalaa kasaaraa tahuu isaa muuxannoon QBO argisiisee jira. Qabxiin kun mata duree barreeffama gabaabaa kiyyaa, yeroo ammaa maaltu QBO irraa hir’ate je’u itti na geessa.

Yeroo Ammaa Maaltu Nu Irraa Hir’ate?

Mata dureen barreeffama kanaaf kenne, QBO keessatti wanni hir’ate akka jiru akeeka. Eyyee, QBO keessatti hamma ammaa itti waan guutachuu hanqanne, waan hir’ateetu jira. Dhaabbata (institution) QBO jabeessuu fi injifannoo gonfachuuf hedduu barbaachisaa tahee fi ammo hamma ammaa ummanni Oromoo hin qabneetu jira.

Dhaabbanni (institution) hammaa ammaa itti QBO hin qabne kun gola (Council) bakka bu’oonni jaarmayoota siyaasaa Oromoo akeeka QBO gubbatti tuqamaniif qabsaayan, bakka bu’oonni jaaramayooyaa ummataa (civic organizations), hoggantoonni amantiilee Oromoon hordofuu hundi, qeeroo fi qarree, hayyootaa, rogeeyyii Oromoo, Oromoota beekkamoo (notable persons) wkf. keessatti hirmaatanii dha. Golli ykn dhaabbanni kun kan hunda ammate, kan Oromoon bilisimmaaf qabssaayuu hundi bakka bu’aa keessatti qabu taha; kan Oromoo hunda hammate taha jechuu dha.

Gabaabaa itti Golli (Council) kun hamma ummanni Oromoo bilisummaa isaa argatee, Oromiyaa dhunfatee, bilisumaa fi haqaan bakka bu’oota isaa ifatti filate Paarlaamaa (Parliament) dhaabbatu itti dhaabbata (institution) akka paarlaaamaa Oromoo (quasi parliament) itti hojjatu taha jecjhuu dha.

Gola akkanaa dhaabbachuuf Oromoon hamma ammaa ijibbaatota heddu, biyya keessaa fi biyyoota alaa keessatti, godhaa akka ture beekkamaa dha. Sababoota hedduuf, diddaa keessaa fi dhiibbaa alaatin/diinaatin, ijibbaatonni dhaabbata akkanaa gabaachuuf qabsaawonni Oromootin godhaman hundi ni fashalan; hin milkooyne.

Gola akkanaa qabaachuun, iddoo dhimma saba keenya, dhimma QBO itti mari’atamu Oromoo qabaachisa. Iddoo Oromoon itti mari’atee, itti wal falmee, murtiilee QBO jabeessan, dantaa saba Oromoo tarkaanfachiisan fi tiksan itti gahu taati. Haala kanaan murti Oromoon hundi kabajuutu dabra.

Dhaabbata akkanaa qabachuun, Oromoon ufittis tahe alagattii, diina tahee firattis sagalee takkaan akka dubbatu dandeessisa. Dhaabbata akkanaa qabachuun, Oromoo humneessa; Oromoo itti kabajaa hora.

Yeroo ammaa, dhaabbata akkanaa waan hin qabneef, Oromoon gulantaa fi sirna waloon itti mar’atu, irratti wal-falmu, murtii hundi kabaju itti dabaersu hin qabnu.

Hunduu karaa karaa dhubbata; walmorma; haasaya; wal hin dhaggeeffatu. Haala amma keessa jirruun, walitti wacuu malee, murtii dabarsuu hin dandayamu. Haasayni, mormiin, falamiin, qeeqni murtuu hunduu kabaju itti hin geessine bilaash itti yeroo gubuu dha. QBO hin jabeessitu. Oromoo itti kabajaa hin hortu.

Haala amma keessa jirruun, Oromoon sagalee takkaan dubbachuu hin daandeenye. Murtii ilmaa fi inlta Oromoo QBOf dhaabbatte hunda irratti diqama taatuu dabarsuu hin dandeenyamu. Haala kanaan humna hin taanu. Akka ummataa itti, kabajaa ummata Oromoo guddaa kanaan malu illee argachuun hin jirraatu.

Oromoon biyya keessaa fi diid jireessi dhaabbata (Council) hunda hammate akka hinqabaanne kan dura dhaabbatu diina QBO fi umata Oromoo qofa je’eetan yaada. Diinnan QBO fi ummata Oromoo irratti qabsoofna.

Tanaaf jecha, jaarmayoonni Oromoo bilisummaa Oromoof qabsaayaa jiran, Oromoon biyya keessaa fi Oromoon diid jireessi (Diaspora) QBO fi kabajaa namoomaa Oromoof qabsaayan, hatattamaan, walif galtee fi wal-hubannoon dhaabbata (institution) nu irraa hir’ate kana dhaabachuuf haa carraaqnu. Dhaabbanni kun yeroo hunda caalaa amma nu, Oromoo, barbaachisa. Kana hubannee hundi keenya, Waraanni Bilisummaa Oromoo, jaarmayoonni bilisummaa Oromoo, hayyoonni Oromoo, qabsaayonni Oromoo, rogeeyyiin Oromoo . . . irratti haa hojjanuu. Ni dandeenya. Ni milkoofna. Ni moona!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …