Oduu Haaraya

GUYYAA HAADHAA KAN BARNAA*

                               Taammanaa Bitimaa irraa
                    Yaa Guyyaa Haadhaa
Yaa guyyaa faayaa
                    Kan Caamsaa bara kanaa
                    Haadholii addunyaatii guyyaa gammachuu
Kan jiruu fi jireenyaaf walabdachuu!
                    Haadholii Oromiyaatii guyyaa gaddaa
Kan roorrisaan akkaan nama sardaa
                    Guyyaa booyichaa fi imimmaanii
Kan garaan gubatu mardhimaanii!
                    Maal boowuu danda’u?
                    Maal obsuu danda’uu?
                    Haadholiin Oromoo
Kan sabaa kan qomoo
                    Ilaa, imimmaan-saanitu dhagala’aa
Kunoo, torban lama guutuu galola’aa!
                    Ijoollee saanitoo rasaasaan harca’ee
                    Dhiigni-saanii-woo bakkattuu faca’ee
                    Yeeyyiin jaraa lafee-saanii quuftee
Allaattiin gaaraa dhiiga-saanii xuuxxe.
                    Oromiyaan dhiiga-saanitiin jiitee
Kichuuwwanitti ganamaan aduun dhiitee
                    Nagaan nagaaf bayanii
                    Nagaan galuu daddhabanii
                    Warra abbaa qawweetiin
                    Jara afaan jawweetiin
                    Liqimfamanii alatti hafanii
                    Kuunnoo, ta’eef alaabaan qabsoo kafanii!
                    Akka durii harmilee Oromootii
                    Barana maal kennina?
                    Silaa ililliinoo harcaatee
                    Ilillii maalii qabna?
                    Ililliin dhiiga taatee
                    Maal isaanii geessina?
                    Onnee teenya madoofte
                    Maalum goonee gonfina?
                    Haayyolee mee hin booyinaa
Haadholee hin gadoodinaa
                    Amma gayee hin booyinaa
                    Amma gayee hin gaddinaa
Imimmaan keessan
                              Gara abdii qabsootti jijjiirraddhaa
                    Gadda keessan
                               Gara bilisummaatti geeddaraddha!
                    Siiqqee keessan qabadhaa gadba’aa
                    Alaa-manaa oljedhatii walta’aa
                    Imimmaan booreen nurraa qoorsaa
Sabbataan qalbii cabde nuu hidhaa
                    Tokkummaa biyyaa ammum nuu fidaa!
                    Hardhaa qabee dhiira oliigad fiffiigu
Isa tokkummaa sabaa diddiigu
                    Isa ammallee diina jala sussuku
                    Isa hardhallee biyya ofii guggubu
                    Aadaa SIIQQEE-tiin nutti deebisaa
Coqorsa qapphaatii nu eebbisaa
                    Aadaa GADAA-tiin wal-nu-taasisaa
                    Joollee teenya dhumarraa hanqisaa!
                               Barliin, 11. 05. 14
HUBACHIISA: walaloon kun haadholii Oromoo ijoolleen isaanii jalaa galaafatamteef, jabinaa fi obsa haa tahuufi! Dabalees akka uummanni Oromoo guddichi kun, biyyaa fi alaa waltahuun, karaa hundumaa ijaaramee wal-ijaaruun,  karaa hundumaa hidhatee wal-hidhachiisuun, bilisummaa fi walbummaa isaa akka gonfatuuf haa hamileessu! Kana irrattis Abdiisaa Guutuu, mucaa waggaa sagalii kan rasaasni Wayyaanee nu jalaa nyaatteef, yaadannoo haa tahu!

Walaloon kiyya kun akka Oromoonni biyyoota alaa jiran, horoo walitti qabuun siidaa Abdiisaaf ijaarsisan, eekaa daggala inni ajjeefamee itti-gatame sana, Laga Gudar irratti haa ijaaramuufi! Oromoon koo waan kana gadi-lalaaffisee ilaaluu hin qabu. Kun akkuma nu Oromoota qalbii fi onnee teenya shororkeesse, kan addunyaallee shororkeessa. Yaa Oromoo mucaan keessan yookaan mucayyoon teessan inni/ ishiin qixisuu meeqa umariin isaa/ ishii? Kan kiyya amma waggaa torba. Abdiisaan keenya waggaa lama duwwaa isa caala jechaa dha. Wanni ginni-bittee Habashaa nu irratti adeemsisee fi kan ammallee nu irratti adeemsisaa jiru kun mee, waan dubbifneetuma bira dabarruu mitii! Kun kan ilkaan ciniinnachiisee ol nu kakaasu, kan caala nu tokkoomsee qabsoof nu tarkaanfachiisu tahuu qaba!

     ***************    //    ***************

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …