Ilmaan Oromoo sadarkaa gara garaa keessatti dirqamaa fi imaanaa jaallan wareegamanii fudhattani qabsoo roga hundaa gaggeessaa jirtanii fi walumaa gala ummati Oromoo baga guyyaa gootota keenyaa wajjin geenye. Guyyaa gootota keenyaa kan kabajnuuf daandii fi kallattii bilisummaa wareegamtooti oromoo baasaniin injifannoolee sadarkaa biyyoolessattis tahee, addunyaati muldhatan goonfachuudhaan. Otoo goototi keenya qaqaliin lubbuu isaanii qusannoo tokko malee kennuu baatanii silaa, yeroo ammaa ummati oromoos tahee Oromiyaan jedhamu tasa hin jiraatu ture. Oromoon guyyaa gootoota isaa ka wereegamaanii yoo yaadatu gootuummaa yeroon ammaa isaa irraa eeguuf qophii ta’uuf.
Baatiin Elba seenaa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti bara baraan kabajama. Addi Bilisummaa oromoo guyya kana ka kabajuuf seenaa gootonni ilmaan oromoo jaarraa darban hedduu irraa jalqabaan biyya isaanii diina adda addaa irraa eeggaatuuf kafalaani yaadaata’aa , dhallii ammaa ammoo seenaa gootoota akakkilee fi ababbilee isaa yaadataa dirqama yeroon dhaloota ammaa irraa eeguu akka bayuuf .
Ummanni oromo ummatoota gootuumaan addunyaa keessatti beekamaan keessaa ummata (saba) tokkoo. Ummata diina itti dhufe hundaa sodaa tokko malee lolee ufi irraa deebisuun biyya isaa keessatti uflinaa fi kabajaan jaarraa heddu jiraate.
Ummanni oromoo dhuma jarraa 19thtti garboomee jiraatuu didu’uun wereegama inni kafallee irraatti hundaayyee biyya isaa humnaan irraa fudhaatamee garboomee, deefattee bilisoommuu qabaa jedhee falmii hadhooftuu keessaa ka jiruuf . Ummanni oromoo diina meeshaa ammayyaa hidhatee itti dulee eeboo fi gaacheena qofaan lolu’uun ufii irraa ittisaa akka turee seenaa loloota diddaa garbummaa Oromoota Wolloo, Macaa, Tulaamaa , Arsii fi humbanna yaadatuun ni gayaa. Gootonni akaakilee fi abaabilee keennaa ka mooyamaan gootuummaan loluu dhabanii osoo hintaane, ol’aantumma meeshaa ammayyaatiin qofa akka ta’e seenaan ragaadha. Haa ta’u malee, guyyaa garbummaa jalatti kufee haga guyyaa ardhaatti ummanni oromoo biyya humnaan saamaamee, humnaan deefatuuf qabsoo bilisummaa godhaa jira. Hagam haa fagatuullee Akka Moyu Ammoo Shakkiin Hin jiru.
Gootummmaan lolanii diina ajjeesssuu qofa miti. Yaada sirri ta’ee irratti ijaannoo qabatanii yaada san dhugoomsuuf wereegamuun gootummaa gootummaa caaluu. Ebla 15, bara 1980, hooggannoonni Adda Bilisummaa Oromoo namiin kudhan ka Hayyuu Dureen dhaabaa keessaa jiru yeroo shiftoota Sumaaleetiin qabamannii akka amaantiin isaaniitiin gargar bayanii akka dhaabbatan yeroo gaafataman, lakkii nuti Oromoodha Islaamaa fi kirstaanaatti addaan hin baanu jechu’uun tooftaa diinaa didaanii baka tokkottii wereegamuun seenaa dhalli oromoo yeroo hundaa yaadataa ittiin boonu galmeessaan. Oromoo amaantiin adda hin baaftaan jedhanii bakka tokkotti wereegamu’uun tokkummaa sabichaa tiksan. Yaada sirrii ta’eef (tokkummaa oromootiif) wereegamuun gootuummaa ol’anaa dha. Kanaaf, nuti hooggannoonni, qondaallonni, miseensoonni ABO fi ummanni oromoo seenaa gootota ilmaan oromoo yeroo kabajnu seena gootoota saba isaaniitiif wereegamanii yaadataa , nuti worri amma lubbuun jiru ammo gootuummaa nurraa eegaamu karaa hundaan, gootuummaa yaada sirri ta’eef wereegamuu, tooftaa diinni oromoo kutaan , amaantii fi gandaan addaan qoodu affoo dhaabaatu’uun bilisummaa ilmaan oromoo irratti wereegamaaniif ammalle irratti wereegamaa jiran bakkaan gayuuf halkaanii guyyaa socho’uu qabna jenna.
Imaanaa goototi keenya wareegamaniif galmaan gahuuf gaaffiin bilbiltuu yeroo ammaa qabsoon keenya gaafachaa jiru, Tokkummaa Qabsa’otaa ilmaan oromoo dhugoomsuu dha. Tokkummaa dhabiinsa keenyatu diina keenya nurra bubbulchaa jira. Kanaaf, hujiin keenya kan duraa gaaffii ilmaan oromoo biyya keessaas tahee, biyya alaa gaafachaa jiran tokkummaa qabsoo jabeessuu dha. Haarsaa tokkummaa n gaafatu baafinee mooraa qabsoo oromoo jabeessuun ammo dirqama hooggantoota qabsoo bilisummaa ti. Haalli amma keessa jirru yeroo garee fi ilaalcha siyaasaa ykn gandaa fi amantaan wal qoodanii qabsoo oromoo gaggeessaa jirra jedhan miti. Haalli amma keessa jirru kanaaf hin eyyamu. Bifuma wal fakkaatuun tokkummaa fakkeessii fi lafa irratti jijjirama hin finnee dhadhessa oolunis qabsoof bu’aa hin qabu. Kanaaf jecha tokkummaa dhugaa fi wal amantaa irratti hunda’e tokkummaa qabsa’otaa hunda ammate gaggeessuuf qophii tahuu nugaafata. Kanaaf, ABO-Jijjiramaa tokkummaa fakkeessii otoo hin taane, tokkummaa dhugaa fi tarsiimoo tahe akka mooraa qabsoo oromoo keessatti huumamuuf haarsaa hunda kaffalee dhugoomsuuf murannoon hojachaa jira. Imaanaa gootota keenyaa kan galmaan geenyu, haqaa fi dhugaa kan ka’umsa taasifate tokkummaa qabsa’ota yoo huumuu dandeenyee dha. ABOn-jijjirama kana dhugoomsuun ni danda’ama jedhee itti amana. Carraadhuma kanaan dhaabbilee siyaasa oromoo amma yoona tokkummaa mooraa qabsoo oromoo dhugoomsuuf tattaaffii godhaa jiran galateeffachaa yeroo gabaabaa keessatti akka injifannoon goolabnu abdii qabna. Akkasuma dhaabbilee siyaasaa mooraa qabsoo oromoo dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti qooda fudhachaa hin jirree fi waamicha tokkummaa qabsa’otaaf owwaachuuf harkifachaa jirtan ammas waamicha oromoof balbala keessan bantan gaafanna.
Qabsoo bilisummaa fi dimokraasiif taasifamu keessatti yeroo ammaa gooda fudhannaa fi abbummaan dargaggoo oromoo sadarkaa murteessa irra gahee jira. Daandii goototi keenya nuuf saaqan dhalooti qubee galmaan gahuu qabna. Dhalooti qubee hooggansa isaaf maluu fi toftaa qabsoo kamittuu dhimma bahee, bilisummaa oromoo dhugoomsuu qaba. Hoogansi fagoo fi nama biraa irraa eegamu hin jiru. Hooggana qabsoof malu dhalooti qubee of keesssa maddisiisee akkuma yeroo ammaa kana qabsoo bilisummaa ofitti fuudhee jiru galmaan gahuu qaba. ABOn-jijjiramaa qabsoo oromoo yoo dhaloota qubeen gaggeeffamee fi hirmaannaa haqaa dhugoome duwwaa bilisummaan oromoo dhugooma jdhee ammana. Kanaaf jecha dhalooti harawaan akka aangahuu fi qooda fudhannaa qabsoo duwwaa otoo hin taane, akka abbaa itti tahu haala mijeessee jira. Kanaaf dhaloti haarawaan qooda fudhanna fi hoogansa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti taasisaa jirtan dinqisifachaa injifannoo nu hafan akka goonfannu shakkii tokko illee hin qabnu. Kanaaf ABOn jijjiramaa dhaloota harawaa aangessuuf gahee isa irra eegamuu hundaa bahuuf qophii tahuu isaa dhugoomsa.
Diinnii keenya wayyaaneen tokkummaa ilmaan oromiyaa diiguuf jecha, yeroo gara yerootti haala inni uumaa jiru hubannee, mooksaa fi fakkeessii diinaaf bakka kennuu hin qabnu. Maqaa filannoo fi misooma jedhuun burjaajina yeroo ammaa uumaa jiru bifa kamiinuu qabsoo keenya irraa ummata oromoo kan qabbaneessuu miti. Filannoon wayyaanee amma yoonaa maqaa gara garaa itti moggaafamee taasifamaa jiru waggaa 25f oromoof bu’aan inni fide hin jiru.
Aangoo wayyaanee jabeesuudhaan ilmaan oromoo kumaatamootaan mana hidhaatti ugguruu, biyya irraa baasuu, qabeenya isaa saamuu, dachee irratti dhalate irraa buqqisuu, ergamoota oromiyaa keessatti caaseffachuun ala, bu’aan waggaa 25 keessatti fidan hin jiru. Faallaa kanaa qabeenya oromiyaatiin waggaa 25 keessatti wayyaanee fi ergamtooti isaa bileenara ta’anii jiru. Abbaan qabeenyaa ummati oromoo garuu, yeroo kamuu caala iyyummaa fi gadadoo jalatti gidiraa argaa jira. Kanaaf jecha ololaa fi afaan faajjii wayyaanee fi ergamtooti isaa huumaa jiraniif tasa gurra kennuun bu’aa hin qabu. Bara baraan diina ofirra bubbulchuuf daboo bahuufii hin qabnu.
Fayidaa fi gaaffiin ilmaan oromoo kan milkaahuu qabsoo ilmaan oromoo taasisaa jiran keessatti hirmaachuudhaan gahee nurraa eegamuu yoo bane duwwaa dha .Bilisummaa fi abbaan biyyummaa keenya dhugoomu malee , qicaan alagaa irraa nutti kennamu dheebuu nubbaasu. Kanaaf akkuma goototi keenya haarsaa lubbuu kaffalanii sadarkaa kanaan nu gahan, nutis haarasa qabsoon yeroo ammaa nugaafatu baafnee, Bilisummaa fi Abbaa Biyyummaa keenya haa dhugoomsinuu jenna.
Injifannoo Ummata oromoof
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO Jijjiramaa) Elbla 15, 2015