Nuti Oromoonni hundi keenya Wallagga | Bilisummaa.com Oromia Shall Be Free. Dhimma Sabaa
Oduu Haaraya

Nuti Oromoonni hundi keenya Wallagga

                                                         Taammanaa Bitimaa Irraa

Yaa Oromoota koo, yaa Oromoota: alaa-manaa, baddaa-gammoojjii, magaalaa-baadiyyaa, biyya-abbaa fi biyya-ambaa ammaan tana wanni biyya teenya, Oromiyaa baldhoo keessa deemaa jiru kun na gubee, na waxaleen amma ishii tana isiniif dabarsuuf ka’ee, mee adaraa sirriitti na dhagayaa! Maali yaa uummata koo, yaa uumee too carraan keenya barum-baraan, guyyum-guyyaan booyicha qofaa tahee? Akkamitti uummanni Oromoo inni garaan dhadhaa, diina garaan dhagaa duwwaa argata? Akkamitti uummanni onneen dammaa diina onneen heexoo callaa argata? Yaa Oromoo koo, ani isan jedhu kana yaada hojiin hin muldhatin irratti hundaawuun miti! Uummata Gadaa fi uummata Siiqqee kanan akkanatti jaju, akkanattis faarsu, dabreetuu kanan lubbuu tiyya takkittii dabarseetoo kennuufii fedhu, dimshaashumatti waanan isa beekuuf miti! Uummata kana oduun miti, onnoomee sammuun mitii onnee duwwaan dubbachuu koos miti! Uummata garaa fi gochi isaa aannanii kana isa gandaa fi magaalaa takkaa, isa godinaa fi gosa tokkoo qofaa miti kanan bareechee sirriitti beeku. Ani biyya uummanni kun nan qaba jedhee himatu, nan du’aafis jedheetoo kakatu hunda isaan miila kiyya qaqallayyoo kanaan keessa deemuun arge. Keessa buluun cuukkoo fi caccabsaa isaa dhotee, itittuu fi booka isaa dhugee, eebba fi gorsa isaa xuuxxaddhee, randeen isaa bayee laggeen isaa ceyee biyyaa fi aadaa isaa baraddhee, animmoo addunyaattillee barsiisuuf waadaa galeefii, ammas waadaa galaafii jiraaddha!

Uummanni Oromoo kun eeyyeen sirrumatti Oromoo dha! Maarree Oromoo dhaa-kaa! Oromoon kun oromoo dha-kaa; inni orma-kaa! Orma jechuun nama jechuu dha-kaa! Eeyyee nama! Eeyyee nama Waaqni tokkichi, gurraachi garaa garbaa, leemmoon garaa taliilaa kun: “sa’a, hoolaa fi garbuu” wajjin uumuun lafa irra buuse. Qulqullicha akka garbuu, dhugaa-jaalataa akka sa’aa, gara-laafessa akka hoolaa, orma (nama) orma-mara dursee Waaqa gurraacha sanaan uumame! Ee-kaa uummata akkanaatu orma, orma akkanaatu Wallagga, Wallagga akkanaatu nu hunda keenya! Ani Wallagga kiyya kanan beeku akka godinaalee Oromoo isaan kaanii: akka Walloo fi akka Arsii, akka Rayyaa fi akka Booranaa, akka Jimmaa fi akka Baalee, akka Barantuu (barii-aantuu/ Harargee) fi akka Wanbaraa faa keessa deemuun qofaa miti. Ani waggaalee sadii guutuun warra-lagaa (Wallagga) kana jidduu jiraaddhe. Sunis bakka tokkicha callaa otoo hin taane, bakkoota sadii: magaalaa Muggii, magaalaa Asoosaa fi magaalaa Dimbi Doolloo tan “Paaris Wallaggaa” jennuuniyyu. Ilaa amma kanaa gadittan eessatti? Yoom dursee jechaa fi sagaleeWallagga” jedhamu kana akkan dhagayen isiniif ibsaa mee na hoofkalchaa!

Daangaa naannoo Afran Walisoo isa karaa lixaa jiruu fi daangaa Torban Guduruu isa karaa bahaatiin jiru jidduu: gosoolii Oromoo Caboo fi Torban Kuttaayee qofaatu jira. Kanaaf mucaa xiqqaa wayiis tahee, sagalee Wallagga jedhamu numan dhagayan ture. Waliso abbaan isaa Liiban Maccaa: “beekaan si keessaa haa bawuu, ati beekii beekumsatti buli!” jechuun waan eebbiseef, waan dubbii kana lafa irratti hin buusu. Kanaaf akkuma waan Siibuu Siree yookaan Arjoo faa jiruutti: Kumsaa Morodaa faa, Daannoo Beeraa faa, Jootee Tulluu faa geerrarsaan faarsaa guddanne! Uummata faarsaa guddanne kana amma nafxanyaan haaraan lafaa ka’eetoo “diina keetii, diina Toopphiyaatii, abaarii, rukuti!”, yoo nuun jedhu arraba keenyatu kutama, harka keenyatu cita malee, abadan nuti kana hin goonu! Nafxanyoonni dubbii tana beekuu fi qalbeeffachuuf ammas waggaalee 150 isaan irraa fudhata jechaa dha. Qalbii fi qaama saba Oromoo isa gaaraa-dakaa tokko tahe kana eenyumtuu hardha addaan qoqqoodee bituu hin dandayu! Oromoon sokkee jira; addunyaanis sokkitee jirti! Yaada Minilik faa, yaada Raas Dargee faa amma jarri boolla keessaa kaasanii Toopphiyaa ittiin bulchuuf carraaqan kun, ofumaaf boolla nuuf qotan sana keessatti jalaa awwaalama!

Geeddaramni bara 2018 keessa tahe yoo nafxanyoota haareyyii fi jala-kaattuuwwan isaanii kanneen akka Koloneel Abiyyi Ahimad fayin butamellee, geeddarama dhiigaa fi lafee qarree-qeerroo-tiin argame waan taheef akka laayyootti kan ilaalamuu miti! Ammaan tana nafxanyoonni fi finxaaleyyiin warra Amaaraa duula jibbiinsaa fi kan faashistummaa uummata keenya Oromoo irratti oofaa jiru. Daangaa Oromiyaa seera malee, tarkaanfachuun gandeeni fi manneen uummata Oromoo barbadeessaa, ijoolleewwanii fi manguddoolee gorra’aa, loonii fi fardeen Oromoo ooffataniitoo biyya ofiitti galfachaa jiru. 

Jarreen kun oggaa gocha suukaneessaa kana Oromoo fi Oromiyaa irratti oofaa jiran, mootummaan Toopphiyaa inni Koloneel Abiyyiin durfamuus tahee, mootummaan Oromiyaa kan Shimallis Abdiisatiin gaggeeffamu uummata “isaanii” kana cinaa hin dhaabanne. Yeeyyiiwwanii fi majaaleen (waraabeyyiin hamoon) laggeen Abbayyaa fi Bashiloo cewuun Oromoota: Wallaggaa, Darraa Salaalee fi Walloo faa yeroo bubbutattee dhiiga isaanii xuuxxu, mootummaan PP fi mootummaan Maxxannee (OPDO) irraa dhoowwuu hin feene. Finxaaleyyiin warra Amaaraa kanneen maqaaFaannoo” jedhamu hatachuun, of-moggaasan ija-nyaatanii, nyaara aaddachuun: “lafti Wallagga jedhamu ristii keenyaa Woromoon gaddhiisee deemuu qaba!”, jedhu. Jarattiin jibbaa fi of-tuulummaan ijaa fi sammuu ofii cufte tun Oromoon marti: eeyyee baddaa Raayyaa Hara Ashangeetii hamma Maanya Hindiitti, Beegii duuban, daangaa Sudaan Kibbaa irraa hamma Jijjigaa cinaatti dhalli Oromoo marti Wallagga tahuu isaa irraanfatti! Amma barri bara Minilikii fi bara Raas Daargee faa miti. Amma barri bara Dhaloota Qubee, bara qarree fi qeerroo-ti! Isa nafxanyoonni moofeyyiin saba Oromoo: “Wallaggaa fi Shawaa, Arsii fi Boorana, Harargee fi Wallo, Jimmaa fi Gujii, Kiristaana fi Islaama, Waaqeffataa fi Sooshalistii faa” jechuun addaan-qoqqoodaa turan sana, galaanni Abbayyaa qaata fudhatee sokkuun, Kaayiroo irraan qaxxaamursee Garba Jidduyyaa-tti (“Mediterranean Sea”-tti) darbate!

Garuu, ee garuu jarreen tun akkanatti nu salphisaa, akkanatti nu madeessaa, akkanatti sadarkaa ilmoo namaa irraa sadarkaa bineeyyiitti gadi nu buusaa, “Toopphiyaa waliin ijaarranna!”, nuun jedhuu? Isaan harka isaanii ciccitaa sanaa fi afaan isaanii ajaawaa sanaan nu madeessanillee, maqaa uummata Amaaratiin kana mara nu irratti raawwatanillee, nuti isaan uummata Amaaraa isa ollaa fi obboleessa keenya tahe kana, akka bakka hin buune sirriitti beekna. Oromoon aadaa boonsaa fi namummaa sonaan gammachiisaa tahe qaba. Inni haqa ilmoo namaa cufa uummata beekuu fi kabaju. Amma bara ifaa kana keessa dhiisitii, dur bara dukkana hamaa sana keessattiyyuu inni akka horiitti ilmoo namaa gabaa baasuun hin gurguranne. Kuni aadaa isaa keessatti, sirna Gadaa fi amantii Waaqeffannaa keessatti waan dhoowwaa fi haraamuu taheefi! Kanaaf, hardhas haqnii fi mirgi warra Oromiyaa baldhoo keessa jiraatanii guutuu-dhaa guutuutti eegamuu fi kabajamuu qaba, jedheetoo amana! Amma finxaaleyyiin warra Amaaraa bakka tokko tokkotti ofumaan namoota Amaaraa kanneen nagaa fi nageenyaan Oromiyaa keessa jiraatan, isaan uummanni Oromoos isaan kabajuun akka ollaa fi akka obbolummaatti wal-cinaa jiraatu ruktanii kaanimmoo galaafatanii akka waan Oromoon godheetti dhiyeeffachaa jiru. Uummanni Oromoo abbaan nagaa fi abbaan keessummaa kun gocha jarreen kanaa qalbeeffachuun, namoota alagaa biyya isaa keessa nagaan jiraatan harka irra qabuun balaa nafxanyootaa kana jalaa baasuu qaba! Keenya biyyi biyya Bakar Waaree fi biyya Abbishee Garbaatii, biyya Taaddoo Birruu fi biyya Waaqoo Guutuu-tii, biyya Warqituu fi biyya Biiftuu Amoosaa fa’ii abadan otoon nuti jirruu biyya Minilikii fi biyya Raas Daargee faa hin tahu!

Amma nuti Oromoonni alaa-manaa, xiqqaa fi guddaan, dhiiraa fi dubartiin marti waltaanee bilisummaa fi walabummaa keenyaaf qabsaawuu malee, filmaata biraa tokkoyyuu hin qabnu! Kan qabsoofnuuf mirgaa fi haqa nu irraa fudhatame, biyyaa fi qeyee nu irraa sarbame deebifachuufi malee, daangaa ormaa dabruun ilmoo namaa kamiyyuu miidhuuf miti! Waaqni dhala namaa hunda haqaa fi mirga guutuu wajjin uume. Eenyumtuu haqaa fi mirga isaa kana mulqee, biyyaa fi qeyee isaa qabatee isa gabroomfachuun Waaqa birattis ilmoo namaa fuuldurattis abaaramaa dha! Bilisummaan uummata Oromoobirmadummaan nama Oromoo fi kan namoota alagaa isa wajjin jiraatanii kabajamuu qaba! Oromiyaan walabummaa ishii deebifattee gonfachuu qabdi! Olloota ishii waliin immoo nagaa fi walkabajuun jiraachuun Waqaa fi namaan eebbifamaa dha!   

Check Also

Alii Mohammed fi esqeel

Yaadannoo keessatti: Alii Mohammed Birraa: Jireenya, Bilisummaa, Legend

Ezekiel Gebissa Yaadannoo keessatti: Alii Mohammed Birraa: Jireenya, Bilisummaa, Legend Adoolessa bara 2012, Alii Mohammed

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *