Oduu Haaraya

ADWUI’n Biyya Tokko moo Saba Tokko Ijaaraa Jira?

M. Hundara – Oromiyaa irraa 

addis-mekele

Otoo beekaniis haa ta’u otoo hin beekiin yookaan itti himamee ta’uu danda’a garuu aangawoonni impaayera Xoophiyaa waqtiilee garaa garaatti yaadaa fi haasaa siyaasaa wal-fakkaataa ta’an yommuu sabaa-himaalee fi korawwan adda addaa irratti haasa’an argina; dhageenyas. Sadarkaa bulchiinsa gandaa irraa kaasee hanga waajjira Ministeera Muummeetti yaada wal-fakkaatu darbees itti fayyadama jechootaa/gaaleewwanii/ciroowwanii/himootaa tokko ta’an yeroo haasa’amu nama malaalchisa; akka taajjabaniifis nama kakaasa. Maaliif akkas jette naan jechuu dandeessuu. Gaaffii keessaniif ragaa hedduun qaba. Isaan keessaa tokko kutaa jalqabaa kana keessatti isiniifan dhiyeessaatii dhawataan na hordofaa.

Filannoo bara 2005 booda haasaa siyaasaa fi imaammatoota hedduu oomishaman keessaa inni jalqabaa fi bu’uura heerummaa qaba jedhamee fudhatamu yaada Biyya Dinagdee fi Siyaasaan Tokko Taate Ijaaruu” isa jedhudha. Yaadni kun Heera Federaalaa impaayera Xoophiyaa kan bara 1995 keessatti fuula itti-galmaa (Preamble) keessatti argama. Aangawoonni mootummaa, keessumaa Ministeerri Muummee duraanii obbo Mallas Zeenaawwiin, maaliif akka yaada kana kaasan xiinxaltootaa fi beektota Siyaasaaf ifadha. Gama tokkoon jiraattonni magaalaa, bulchiinsota magaalaa lama jechuun Finfinnee fi Dirree Dawaa dabalatee, federaalizimii eenyummaa irratti hundaa’e keessaa bifa qooda hin qabaatiin akka adeemsaa fi bulchiinsa sirnoota darbaniin itti fufan taasifamaa jiru. Kana jechuun magaalonni xixiqqoon, giddu-galeessii fi gurguddoon impaayera Xoophiyaa keessatti argaman eenyummaa saba tokkoo irratti akka hin hundoofne qabatamaatti argaa jirra. Keessumaa, magaalonni Oromiyaa keessatti argaman handhuura Oromummaa fi eenyummaa saba Oromoo akka hin qabaanne gochuu keessatti mootummaan kun gama hundaan irratti hojjeteera. Magaalonni Oromiyaa gurguddoon (Finfinnee, Dirree Dawaa fi Harar) akkuma mootummaan kun gara aangootti dhufeen to’annaa saba Oromoo jalaa ba’an.

ADWUI’n akkuma gara aangootti dhufeen xiyyeeffannoo fi dhahannaa onnee Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa yeroodhaaf hubatee bifa gaaffilee eenyummaa fi dabawwan seenaa deebisuu danda’uun heeraa dimokiraatawaa fi federaalawaa tumeera. Haaluma kanaan siyaasa federaalizimii eenyummaa giddu-galeessa godhatee fi ijaarsa sirna dimokiraasii heera irratti hundaa’e akka Xoophiyaan hordoftu taasiseera. Waggoota kurnan gara jalqabaa (bara 1991-2001 tti) haalli gama siyaasaan, dinangdeen, fi hawasummaan ture lammiilee Xoophiyaaf abdii guddaa kan ta’e yoo ta’es dhuma bara 2001 booda garuu hojiilee fi seerawwan waadaa mootummaan kun Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaaf gale duubatti deebisaa jirantu dalagama. Akka beektonni, xiinxaltoonnii fi taajjabdoonni siyaasaa hedduun kaasanittii mootummaan kun waan of gane fakkaata. Sababni duuba deebi’uu ADWUI wal-dhabdee jaarmayaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigray gidduutti taasifame ture jedhamee amanamus tooftaa siyaasaa isaa haaressuu (revisionist narrative) akka ta’e keessa beektonni ni dhugeeffatu. Sanaa booda yaad-rimee “Haaromsa” jedhuun imaammata, karooraa fi tarsiimolee biyyoolessa ta’an irratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu irratti waliigaluudhaan federaalizimii eenyummaa irratti hundaa’e kana bifa huuqqisuu danda’u irratti hojjechuu eegale. Kanaafi yaad-rimee biraa kana “Mootummaa Misoomaa” jedhu kan fide.

Haalonni amma jiran daran akka walxaxaa ta’an kan taasise bu’aa filannoo bara 2005tti. Yeroo kamiyyuu caalaa dirreen dimokiraasii kan bal’atee fi jaarmiyaaleen siyaasaa hedduun cimanii of ijaaruudhaan mootummaa kana naasisan ture. Haasaan gama adda addaan haasa’amu haqa garaa garaa yoo qabaateyyuu mootummaan kun harka caalaa akka moo’amee fi keessumaa magaalota hundaatti guutummaa guutuutti waan injifatameef hojiiwwanii fi imaammatoota jiraattota magaalaaf ta’u hojjechuu fi baasuutti xiyyeeffate. Yommuu kana aangawootaa fi bulchiinsota naannolee biraa mormiin waan isa mudateef Ministeerri Muummee duraanii yaad-rimee Biyyaa Diinagdee fi Siyaasaan Tokko Taate Ijaarra” jedhu qabatanii sab-qunnamtiiwwanii fi mana maree biyyattiitti ba’an. Kanaafi yeroo ammaa kana namni hunduu yaad-rimee kana akka qajeelfamaatti fudhatee kan haasa’u; kan hojjetus. Mee “Biyya Diinagdee fi Siyaasaan tokko taate ijaaruu” jechuun maal jechuudha?

Yommuu heera federaalaa ilaallu akka isaan haasa’anitti waan jiru miti. Wanti itti-galma heera federaalaa kan bara 1995 raggaasifame keessatti barreeffamee jiru haalaa fi kaayyoo sirna federaalizimii eenyummaa giddu-galeessa godhatee fi ‘Ofiin of bulchuu’ Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa haal-duree tokko malee irratti kan hundaa’e ta’uu agarsiisa. Innis akkas jedha;

Mirga ofiin of bulchuu keenyatti guutummaa guutuuttii fi bilisaan hojiirra oolchuuf; olaantummaa seeraa irrattii hundaa’uudhaan tasgabbii amansiisaa ta’e fiduuf; sirna dimokiraasii mirkaneessuuf; misooma diinagdee fi hawaasummaa itti fufsiisuuf hawaasa siyaasaan tokko ta’e ijaaruuf;…… (hiikkaan kan kooti)

Hawaasa diinangdeedhaan tokko ta’e keessa jiraatu ijaaruuf waliif galuun haalota waldeeggaranii fi itti fufiinsa qaban kanneen kabaja mirgootaa fi bilisummaa keenyaa darbees fedha keenya walii galaa galmaan ga’uuf nu tumsan itti fufsiisuutti amanneerra;…..(hiikkaan kan kooti).

Garaagarumman jiru heerri akkas jedha:“…hawaasa siyaasaan tokko ta’e ijaaruuf…..hawaasa diinagdeedhaan tokko ta’e ijaaruuf….” Aaangawoonni garuu “…biyya siyaasaanii fi diinagdeen tokko taate ijaaruuf…”

Itti galmi heeraa kanaa maal jechuu dha jennee ilaaluuf wantoota sadii hubachuun barbaachisaadha.

  1. Seenaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa impaayera Xoophiyaa beekuudhaan kufaatii mootummoota duraanii hubachuudhaan sababoota akka gareewwan adda addaa gara qabsoo waraanaatti seenan beekuu
  2. Yeroo heerri kun tumamee fi ragga’e haalota siyaasaa, dinangdee fi hawaasummaa hubachuu
  3. Bulchiinsi sirna Federaalizimiin maal akka ta’ee fi keessumaa federaalizimii eenyummaa giddu-galeessa godhate hubachuun dirqama ta’a.

Xoophiyaan impaayera Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota 80 ol of jalatti qabattee jirtudha. Akka seenaan ibsutti, Saboonni, Sablammoonnii fi Uummatoonni kun fedhaa fi jaalalaan kan walitti dhufanii impaayera Xoophiyaa jedhamtu kana hundeessan otoo hin taane mootonni habashaa koloneeffannaa gurraachaa (black colonization) taasisuudhaan akka ture seenaan ni dubbata. Erga humnaan impaayera tokko jala galanii booda hawaas-dinagdee fi siyaasa impaayera kanaa keessatti wal-qixxummaadhaan jiraachuuf qabsoo hadhaa’aa taasisaa turan; taasisaas jiru. Darbee, akka Dargiin kufeen feeti Saboota jajjaboo ta’anii ofiin of bulchuu irra darbee hanga biyya ofiisaanii hundeessuutti waan tureef heerri federaalaa gaaffii kana deebisuuf hiree ofiin of bulchuu saboota garaagaraa mirkaneesse. Sadaffaarratti, kaayyoon federaalizimii biyya tokko ijaaruu waan ta’eef itti galma heera federaalaa Xoophiyaa keessatti yaadni ‘hawaasa siyaasa tokko….dinagdee tokko…’ ijaaruu jedhu jiraachuun isaa adeemsa bulchiinsa waliinii (shared-rule) jabeessuu keessatti shoora olaanaa qaba. Federaalizimiin biyya tokko keessatti biyyoota adda addaa hundeessuuf otoo hin taane biyya tokko keessatti bifa ittiin Saboonni, Sab-lammoonnii fi Uummattootni ofiin of bulchaa wajjin biyya tokko bulchaniif haala mijeessa. Kanaafi, gidduu-galli sirna federaalizimii ‘ofiin of bulchuu’ (self-rule) fi ‘waliin bulchuu’ (shared-rule) akka ta’e beektonni siyaasaa ni dubbatu.

Haqni jiru erga akkas ta’ee, maaliif aangawoonni XoophiyaaBiyya Siyaasaa fi diinagdeen tokko taate ijaarra” jedhu? Aangawoonni ADWUI sababoota armaan gadiif yaad-rimee kana irra deddeebi’anii haasa’u; akkasittis hojjechaa jiru.

  • Saboonni, Sablammoonnii fi Uummattoonni impaayera Xoophiyaa keessa jiran yeroo kamiyyuu caalaa waa’ee mirga garee fi kan nam-tokkee; dimokiraasii; ofiin of bulchuu; waliin bulchuu; wal-qixxummaa; federaalizimii; misoomaa fi kkf waan hubataniif gaaffiin aangawoota ADWUI’f dhiyaatu jabaa fi ulfaataa ta’a. Aangawoonni gaaffii kana deebisuuf: tokkoffaa, fedha hin qaban; lammata dandeettii hin qaban.
  • Siyaasni magaalaa siyaasa baadiyaa irraa adda waan ta’eef, mootummaan kun xiyyeeffannoo isaa gara uummata magaalaatti waan deebiseefi.
  • Gara fuulduraatti, dhiibbaan Saba Oromoo impaayera kana keessatti waan cimaa ta’uuf maqaa Xoophiyummaatiin fedha saboota xixiqqoo fi kan habashootaa galmaan ga’aa Saba Oromoo irra waanjoo garbummaa kaa’uuf. Haala amma jiru kanaan yoo itti fufe eenyu caalaa kan miidhamu Saba Oromoo akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
  • Federaalizimii eenyummaa giddu-galeessa godhate gara federaalizimii naannoo irratti hundaa’uutti ariitiidhaan fiduuf
  • Aangawoonni turtii aangoo isaanii dheereffachuu fi qabeenya biyyattii saamuuf maqaa biyyoolessummaatiin yoo daldalan isaan baasa waan ta’eef
  • Siyaasa, diinagdee fi hawaasummaa olaantummaa saba tokkoo (kan Tigray) irratti impaayera hundoofte mirkaaneessuuf.
  • Xoophiyaan siyaasa eenyummaa irratti hundaa’e keessaa baatee gara siyaasa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii irratti hundaa’etti akka ceete agarsiisuudhaan ammayyummaa Xoophiyaa leellisuuf.
  • Akka qajeelfama ‘Mootummaa Misoomaatti’ deemuun dirqama waan ta’eef. Mootummaan misoomaa federaalizimii fi dimokiraasii waliin deemuun rakkisaa waan ta’eef mootummaan kun gara duubaatti deebi’uuf maqaabiyya siyaasaa fi diinagdeen tokko taate ijaarra’ jedhuun hojiiwwan heerummaa hin qabne heerawaa taasisuuf
  • Seerota, imaammatawwanii fi qajeelfamoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasaa kanneen heera wajjin hin deemne bifa itti heerummaa gonfatan taasisuuf

Kanaaf, yaad-rimeen ‘biyya siyaasaa fi dinagdeen tokko taate ijaaruu’ jedhu tooftaa itti mootummaan kun duubatti deebi’uu isaa fi hojiiwwan heera federaalaatti bu’an hojjechaa jiraachuusaa agarsisiisan jalaa miliquudhaaf Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Xoophiyaa gowwoomsaa jirudha. Adeemsa keessa magaalota akka Finfinnee hedduu argaa jirra. Finfinnee keessatti eenyummaa fi siyaasa eenyuutu galmaan ga’aa jiraa? Xiyyeeffannoon/feeti jiraattoota magaalaa Finfinnee keessaa maali? Argitanii Oromiyaa keessatti magaalonni hedduun Oromoo hin fakkaatan; Oromoof hin guddatan’ Oromoo qabatanii hin guddatan. Akka magaalli babal’ateen Oromoon baqachaa; aadaa fi eenyummaan isaa liqimfamaa deema. Kan Oromoo qofaa miti; kan saboota kaaniis akkasuma. Kanaaf, ADWUI biyya tokko ijaaraa jira otoo hin taane, akkuma mootummoota darbanii biyya eenyummaa habashootaa giddu-galeessa godhatte itti fufsiisuu fi dhiibbaa Saboota jajjaboo xiqqeessuu irratti hojjechaa jira.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …