Oduu Haaraya

Hamma Yoomiti Jaritiini Ilman Keenya Akka Bineensa Adamsiti!: Dhaamsa Saba Kabajamaa fi Saba Guddaa Oromof

Olaanaa Sabboonaa irraa (2nd revision)
oromiais

Qabsoon karaa nagaa adeemaa jiru akaamiin itii fufuu akka danda’u ilaalchisee yaadawwan adda adaa:

  • Hiriirri nagaa godhamaa jiru karaa ada addaa hamma danda’ame ittii haafufu
  • Artiistoonni keenya waatokko odoo hinsodaatiin funyaan diinaa jala taa’ani wanti isaan godhan kan seenaan Oromo hinirraanfannee dha. Sirboonni qabsoo kunis walitti qabamanii CD dhaan qabsoof akka faca’an gochuun barbaachisaa dha
  • Hamma danda’amuun wayyaaneen bilisaan biyya keessatti akka hinsochoone daandii itti cufuu. Diinagdee kan jarittiin ittiin nu ajjeestu daaraa gochuun bu’aa qaba
  • Jarittiin yartuun kun kan ittiin nuajjeeftu, kan ittiin nubittu diinagdeedhuma Oromotiin; kanaaf Oromiyaarraa wanti tokko gara diinagdee fashisti TPLF tti hindabarre gochuu
  • Qotee bulaan, hojjetaan hundi gibira kaffaluu diduu
  • Hojjetaan iddoo jirutti hojii dhaabu
  • Kaampaaniiwwan wayyaanee iirraa waatokko bituu dhiisu
  • Warshaaleen jarittii akka hinhojjanne fi akka achi irraa galii hinarganne karaa adda addaatiin dhorkuu
  • Akkuma wayyaaneen sabaaf sablammoota waliin walitti naquuf hojjachaa jirtu, Oromoniis jariti kophaatti baasurratti hojjachuu qaba
  • Gargaarsa saba Oromo Raayaa Azaboo argachuurratti hojjachuu
  • Hiriirri fi qabsoon Finfiinnee keessattis babal’atee humnaa jarittii akka faffaca’u gochuun baay’ee barbaachisaa dha
  • Qabsoon Oromo mirga isaatiif qe’ee isaarrati abaa biyyummaa isaa dhugoomsuuf malee saba kamiyyuu jibbuuf miidhuf akka hintaane sabaa fi sablammoota kabirooi barsiisuu
  • Warri OPDO gara saba isaaniitti akka debi’ani abdii odoo hinkutatiin barsiisuu fi qabsoo Oromotti akka makaman ofittii qabuu
  • Oromo fi saboota biroo humnaa waraanaa keessa jiran barsiisuu. Yoo danda’ame akka qabso saba Oromo cinaa dhaabbatan yookaan ammoo akka meesha isaanii saba Oromo irratti hingargalchinee gochuu

Qabsoon nageenyaa amma godhama jiru qabsoo sibiilaan ofirraa haleeluu waliin adeemuu qaba: ilmaan keenya akka bineensaatti adamsamanii ennaa ajeeffaman ofiratti callisanii ilaaluun fudhatamaa miti. Yartuun yoo callisan nama hinulfeessitu bakkashii yoo qabsiisan malee.

  • Kan beekamuu qabu sabni Oromo Tigray hin weerarre. Biyya namaa fudhachuuf hinkaane, mirga namaas xuquuf qabsaa’aa hinjiru. Qe’ee isaarratti dhufanii ajjeesaa jiru. Qe’ee ofiitti ammoo hattuun ennaa dhuftee nama jeeqxu ofi eeggachuu fi ofirraa ittiisuun kan abbaati. Kanaaf, sabni Oromo karaa hundaanuu ofi qopheessee diina qe’ee isaa dhufee isa dararaa jiru ofirraa dhowwuuf mirga qaba.
  • OPDO keessa taa’ani diina karaa itti agarsiisaa saba keenya kan saamsisan fi kan ajjeechisan ofeeggannoo dhumaa itti kennuu dha. Yoo kana irraa ofqusachuu baatan tarkaanfii barbaachisu fudhachuu dha.
  • Kanaafis sabnii Oromo bakka hundatti (ganda gandaan) ofqindeessee akkuma abbootin keenya daggala galanii fashistii Xaaliyaanii biyyaa baasan qabsoo riphee lolaa (defensive guerrilla resistance movement) gochuun barbaachisaa dha. Kana malee filannoon biraa hinjiru.
  • Riphanii loluuf kana meeshaan eessaa dhufa kan jedhuuf furmaatni isaafii riphanii loluun akamiin adeemu dandahaa:
    • Wayyaaneen saba keenya fixuuf meeshaa baattee deemtu irraa fudhatanii isumatti garagalchuu
    • Oromon uleen, billaan, goraadeen, gaachana isaa fi qawwee qabuun ka’ee deeppoo fi mana poolisii isaani cabsee meeshaa argachuu danda’a, walumaanis namoota hidhaman bilisa baasee qabsootti makaachuu danda’a
    • Mana baankii cabsee horii argaatu qabsoo fi saba isaa ittiin garagaaruuf fayyadamuu danda’a
    • Manootaa loltuu ittii leenjisan fi manoota poolisii, riphee lolaan weeraree meeshaa argamu qabsoo Oromof hojii irra oolchuu danda’a
    • Biyya keenya kan weeraree ijoollee keenya gudeedaa kan jiru waraanni wayyaanee teessuma fi taa’uumsa akka dhabuu sumii fi wanna adda addaan bakka jirutti akka dhumu mala itii barbaachuu dha
    • Qabsoon riphee lolaa cimee itii fufuu fi maallaqni barbaachisu hundi Oromorraa akka walitti qabamu irratti hojjachuu
    • Finfinnee handhuurra Oromiyyaa keessatti tarkaanfiin riphee lolaa fudhatamuu qaba
    • Diinagdee fashistii TPLF irratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Warshaalee fi kampaaniiwwa wayyaanee barbadeessanii akka Oromiyaarraa galii hinarganne gochuu dha. Meeshaa ittiin saba keenya fixaa jirtu kan wayyaaneen bitatte galii albuuda fi buna Oromorraa ta’uun nibeekama. Kanaaf, madda galii kana irraa dhaabuun diraqama
    • Kanuma waliin, maqaa invastarootaan qabsoo Oromoo to’achuuf caaka Oromoo kanguuban hatatamaan akka dhaabanii tarkaanfii barbaacisu hunda godhani huumma Rabii Oromiyaaf kenne eeguudha
  • Qabsoon riphee lolaa saba Oromo kan xiyyeeffatee mootummaa wayyaanee irratti fi kittilayyoota ishii irratti qofa ta’uu isaa fi saboota miidhuuf akka hintaane hojiin agarsiisuu.
  • Qabsoon riphee lolaa Oromiyaa guutuu keessatti bakka adda addaatti godhamu akka waliin qindaa’uu irratti hojachuu.

Qabsoo alaa (diasporaan godhamu)

  • Ilamaan Oromo biyya alaa jiran qabsoo saba keenya biyya keessa jiru gargaruu irratti qooda guddaa qabu. Kanaaf:
  • Miidiyaalee adda addaa dhaabuu dhaan gumaachi godhamaa jiru baay’ee kan nama gammachiisu fi kan nama boonsu dha. Keessattuu OMN biyya keesatti faca’ee, bu’aan inni kennaa jiru nuhunda kan boonsu dha. Isaan kaanis, karaa TV fi raadiyo wantii gochaa jiran baay’ee nama boonsa, itii cimaa guddadhaa jennaan. Saba Oromo bara dheeraaf sagalee dhabee dukkana keessa akka turu kan godhame amma ilmaan isaatin sagaleen isaa akka dhagahamu godhamee jira. Kunis hammam fashistii TPLF/EPRDF akka bowwoo mataa ittii ta’ee beekamaa dha. Hanga ammaatti yeroo 13 OMN ugguruuf yaaluun ishii miidiyaa Oromof soda guddaa akka qabdu ragaa guddaa dha. Keessa darbanii dishii saatalaaytii mana namaarraa deemanii buqqisuu eegalaniiru. Kun ammoo dhugaa ukkaamsanii akkuma duriitti saba keenya gadi qabanii bituudhaaf akka carraaqaa jiran nutti agarsiisa.
  • Debiin kanaas OMN fi miidiyaalee Oromo kabiroo maallaqa fii wanna danda’amuun jabeessuu fi gargaaruu dha. Miidiyaaleen Oromo jiran hamma qabsoo Oromo gargaaruuf hojjetanitti OMN isaaniif carraa kennee fi walabummaa maxxansaa (editorial independence) qabaatanii akka biyyatti dabarsuu danda’an yoo godhe baay’ee bayeessa. Kun ammoo OMN yeroo guutuu kan itti hinfayyadamne dandeettii (capacity) irraa hafe yoo qabaate jechuu dha.
  • Uggura wayyaanee jalaa bahuuf saatalaaytii adda addaa qabaachun barbaachisaa dha. Karaa raadiyo (short wave) fi karaa biraa OMN akka guddatee saba isaat daran tajaajilu tattaafachuun barbaachisaa dha.
  • Ilmaan Oromo biyyaa alaa jiran sagalee saba Oromo ta’uu dhaan dhumaatiin ummata keenya irra gahaa jiru akka saaxilamee addunyaan baru gochuu irratti qooda guddaa taphachaa jiru. Mootummoota fi dhaabbattootni addunyaa sirna wayyaanee deeggaraa jiran roorroo saba keenya irra gahaa jiru akka beekan daran tattaafachuu qabna. Gargaarsi biyya alaa akka irraa dhaabbatu dhiibbaa gochuuf yaaliin godhamu itti fufuu qaba. Hanga ammaatti hojiin dalagamaa jiru baay’ee boonsaa dha. Qindoomna bilchaataa ta’een itti fufuu qaba.
  • Yoo danda’ame sabni keenya hiriira nagaa bahee ennaa ajjeefamu, kan du’e awwaallachuu ennaa dhowwamu, fi ajeeffamee renfisaa goodaatti walitti qabamee ennaa gatamuu hunda vidiyoon waraabanii CD irrati garagalchanii addunyaa keessatti yoofacaee mayii bahuu dandahaa. Xalayaan mootummoota fi dhaabbattoota adda addaatti ennaa kennamu CD kana waliin dhiyaachuu danda’a. Kana irratti dabalee marsaan intarneeta gootota keenya wareegaman yaadachuuf kophaatti osoo qophaahe bayeessa natti fakaata. Suuraawwan fi seenaan gootota keenya wareegaman fi kan wareegamaa jiran marsaa kanarratti maxxanfamu ni danda’a. Ajjeechaa isaanii waliin kan walqabate ragaan jiru marsicha irratti maxxanfamee akka addunyaan ilaaluu gochuun ni danda’ama.
  • Oromota biyyatti miidhaman gargaaruuf fi qabsoo diina ofirraa humnaan ittisuuf godhamuuf hamma danda’ame maallaqni walitti guuramee ergamuu qaba.
  • Jaarmiyoleen bilisummaa Oromotiif qabsaa’an akka tokkooman fi waliigalteen akka uumamu gochuun dirqama lammummaa Oromo hundaati.
  • Kanaan olitti akka jedhame ajjeechaa fi miidhaa saba keenya irratti godhamu ragaa CD waliin qabanii mana murtii Yakka addunyaatti (International Criminal Court at the Hague) akka dhiyaatu gochuun barbaachisaa dha.

Saba fi sablammoota biro waliin qabsoo qindeessuun hedduu barbaachisaa dha. Akkuma beekamu Fashisti TPLF hamma ammaatti angoorra kan turte saboota hunda add adda qooddee akka walnyaatan gochuu dhaani. Kanaaf, Oromon itti beekee diina ofirraa xiqqeessuu fi yeroo jarittiin nurraa baddu gabaabsuuf malaan adeemaa irra aanuu qaba.

Xumura irratti, qabsoon saba Oromo akka galmaan gahu sabni ofi ijaaree humna waraanasaa jabeessuun barbaachisaa dha. Saboota hunda waliin kabaja fi walqixxummaan jiraachuuf abaa biyyummaasa mirkaneessee ofi qopheessuu qaba.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *