–
Ji’oota muraasa dura,”Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’eera,
ililchaa gammadaa” jedhan. “Maaliif teessu dibbee reebaa, xurumbaa
afuufaa” jedhan. Tole jennee ililchinee gammadne. Dibbeefi xurumbaa dhabnee harka walitti reebne. Homtuu hin taane
– Kaleessas akkasuma jedhan. “Kaayyoon galma geessee maaf teessuu
kaatanii hin sirbitanii?” jedhan. “Ka’aa fooricaa faaggaas afuufaa”
jedhan. Tole kaa jennee utuma afuufuuf qophoofnuu, ETVn galgala, “Manni
maree ministeerotaa imaammaata afaanii irratti mari’atee jira, imaammata
kana hojiitti hiikuun waggaa 10 – 15 gaafata” jedhee gabaase.
–
Ammas gara fuulduraatti Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’ee
gammadneerraa, gammadaa oduu jedhu dhaga’uu hin hafnu. Tapha siyaasaati
kaa!
~
Ani gama kootiin gaafa Afaan Oromoo afaan hojii
fedeeraalaa ta’u [yoo dhuguma kan godhan ta’e] hin fooricu, xurumbaa hin
afuufu, hin sirbus. Boo’ee imimmaan koo facaaseen abbootiifi haadholii,
qeerroofi qarree gaaffii kana gaafachaa wareegamaniif galata galcha!