Oduu Haaraya

Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’eera, ililchaa gammadaa” jedhan…

Leta Kenei Aga

– Ji’oota muraasa dura,”Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’eera, ililchaa gammadaa” jedhan. “Maaliif teessu dibbee reebaa, xurumbaa afuufaa” jedhan. Tole jennee ililchinee gammadne. Dibbeefi xurumbaa dhabnee harka walitti reebne. Homtuu hin taane
– Kaleessas akkasuma jedhan. “Kaayyoon galma geessee maaf teessuu kaatanii hin sirbitanii?” jedhan. “Ka’aa fooricaa faaggaas afuufaa” jedhan. Tole kaa jennee utuma afuufuuf qophoofnuu, ETVn galgala, “Manni maree ministeerotaa imaammaata afaanii irratti mari’atee jira, imaammata kana hojiitti hiikuun waggaa 10 – 15 gaafata” jedhee gabaase.
– Ammas gara fuulduraatti Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta’ee gammadneerraa, gammadaa oduu jedhu dhaga’uu hin hafnu. Tapha siyaasaati kaa!
~
Ani gama kootiin gaafa Afaan Oromoo afaan hojii fedeeraalaa ta’u [yoo dhuguma kan godhan ta’e] hin fooricu, xurumbaa hin afuufu, hin sirbus. Boo’ee imimmaan koo facaaseen abbootiifi haadholii, qeerroofi qarree gaaffii kana gaafachaa wareegamaniif galata galcha!

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …