27/02/2015 060/01//2015
Gara Oromiyaa midea Netwok
Dhaabbiilee siyaasaa kan bilisummaafii walabummaa Oromiyaa tiif qabsaawaniif.
-Gootota Qeerroo dargaggootaa,Kan bilisummaa fii Dimocracy,
Bulchinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa ittin jechuun sobamaa kan ture OPDOs dabalatee kutaalee hawaasa lammiilee Oromiyaa maraaf.
Dhimmi:- Marii Haala Qabatamaa Yeroo fi Dhaadanno Tigricha obbo Abbaay Tsahaye ilaalchisee afeeraa marii hatattamaa kan ilaalu.
Akkuma dhagahamaa jiru angawaan sirna TPLF obbo abbaay Tsahayeen osoo dhiigni barattoota Oromoo kan imaammata master planii mormuuf dhangala’e hin qoorin ammaas imaammata kana humnaan akka hujiirra oolchhu dhaadatee jira.Kuni tuffii saba keenyaaf qabu ifatti kan mul’isuudha.Dhima kanaafii haala qabatamaa yeroo irratti mariin jabaan akka godhamu ULFO afeeree jira.Dhaadaannoon tigirticha kanaa kan belbela ibiddaa keessaa dhaadateme tahuu isaa itti agarsiisuun dirqama hunda keenyaati.
Ummanni Oromiyaa kan abbaa biyyuma isaarratti roorrifamaa jiruufii dhaabbiilee siyaasaa bilisummaa fii walabummaa Oromiyaatiif falmaa jiran hundi Yeroo kamuu caalaa tokkummaa keenya cimsinee wal maddii dhaabbachuun tuffii kana jalaa ummata keenya baasuuf yeroon isaa amma.Dhaabbiileen siyaasaa Oromoo hundinuu haala qabatamaa amma mul’ataa jiru kanarratti rakkoolee xixiqqoo jidduu dhaabota turan maddumatti dhiisuudhaan gara marii walooti cee’uu qabna.Haalli amma argaa jirru kun murna TPLF kanaaf haala abdii kutannaa fii ijibbaata maayyii irra ga’uu isaa kan mul’isuudha.Haa tahuu malee Seenaa QBO tiif boqonnaa qabsoo haarawa kan banu tahuu qaba.OPDOn gama isaatiin,Sobni Mootummoonni naannoo hundi naannoo ofii irratti mirga wal qixaa qabu.Mootummaan Federaalaa fii kan naannoolee gara lamaan mirga walii ni kabaju Jechuun seeruma isaanirra kaayame ture kun soba tahuu isaa kan ibsu dhaadannoo kanaan ala wanti eeggamu hin jiru.Kanaaf dhaabbanni DHDUO kun yeroo inni bobaa TPLF jalaa itti luqqa’ee gara dhaaba ummataatti if jijjiiru amma jechuun Hogganni dhaaba ULFO dhaamsa isaa xumura.
Tokkumman Humna. !!!
Oromiyaan Ni Walaboomti. !!!
Feb – 27/5/2015
Odeeffannoo dabalataaf
E-mail, info.ulfo2012@gmail.com