Duraan dursee Gootota Amboo Handhuura oromiyaa Ilmaan Jeneraal taaddasaa Birruu , Ilmaan Hagarii Tulluu itti aansuun
Gootota Madda walaabuu Handhuura gootowwanii ilmaan Sulxaan nuuhoo ilmaan Haaji Aadam saaddoo Ilmaan Jeneraal waaqoo guutuu SHanyii goototaa
Ergasiis Gotota Harargee Sammuu oromiyaa ilmaan Elemoo Qilxuu , Ilmaan Jaarraa Aabbaa gadaa fi kanneen hafanis guutuu oromiyaa walii galaa keessaa kanneen maqaa isaanii dhawee keessa bahuu hin dandeenye hundaaf Rabbiin haa Araaramuuf . Haawwota , abbootaa fi obboleewwan kanneen irraa wareegaman cufaa rabbiin nu haa jajjabeessu waliin . akkanuma biraan dhiiga isaanii dhiiga walabummaa fi bilisummaa magarsu Rabbiin haa godhu . Oromoon yoo dhiiga isaanii kana lafatti dhiiftan Rabbummaanuu isan hin dhiisu akkanuma biraan milkaawunuu shakkii keessa kan nu galchuudha .
Tokkummaa Oromoodhaa Carraa kanaan akka argamu keessaa fi Alaan oromoon hundinuu itti gaafatama Sabummaa fi Biyyummaa isarra jiru bahatuuf dursa uf qopheessuudha . kanatti Aansuun Dirqama ( Itti gaafatamni ) yeroo ammaa oromorraa barbaachisu akka armaan gadii kanatti kaasuu barbaada .
Falmaa deemsifamaa jiru kana daran milkeessuuf Oromoonni Biyya keessaa fi Alaa dabalatee Barattoonni Yunivaristiilee cuftuu qabxiilee armaan gadii qalbifachuun barbaachisaadha.
1 . Barattoonni oromoodhaa karaa nagaatiin mirga abbaa biyyummaadhaa falmachuuf ka’e waan isaan barbaachisu cufaan cina dhaabbatuudha . FKN
Malaa fi tarsiimoo kaahuudhaaf
Diinagdeen Cina dhaabbatuudha
Sagalee isaanuu kana adunyaa dhageessisuudha
Gootowwan isaanirraa wareegaman suuraan isaanii fi maqaan isaanii guutuun qabamee gaafa oromiyaan walabamteef galma guddicha seenaa biyyaa keessa kaawamuudha
Maatii isaaniif tajaajilli gahaan kennamuudha
Meeshaalee hammayyaa isaaniif barbaachisu kan warabbilee suuraawwanii fi telefoona isaaniif qopheessuudha
Barattoota madaawwan jala bu’uudhaan hordofuun yaala gahaa akka argatan taasifamuu qaban fi kkf hatattamaan guuttamuufiin dirqama lammii oromoo cufa keenyaati .
2 . Roorroo Gabroon fataan Abbaa Irree ilmaan oromoodhaa amma jiran cunqursuu , Hidhuu Ajeesuun gochaa suukaneessaa irraan gahaa jiruu fi Godaansisaa jiru bira darbee dhala dhufuullee akka duguuginsa sanyii isa muudatu kaate kana UUUUUUUUUU Jennee Gurra Lamaan qabannee adunyatti iyyuudhaan barsiisuu fi dhageessisuudha .
Jaarmayoota dhala ilma namaatiif mormatu hunda akkasuma Miidiyaalee adunyaa hunda dhageessisuufuu isaan dhaqqabsiisuudha .
3 . DHaabilee Oromoodhaa kan siyaasaa maqaa oromootiin biyya keessaa fi alaa jiranis Gamtaan ka’anii jaarmaya cimaa Dibilomaasii tokko ummatanii oromoo oromoo argamsiisanii akka qaama beekkamaa tokkotti dhimma oromoo fi oromiyaa mootummoota adunyaa biratti beeksisuu fi gargaarsas irraa barbaaduudha . Kana males Yakka cubbuudhaa gabroonfataan Wayyaanee oromoo irratti raawwataa jiru guutuu isaa Dokmantii Itti godhuun Ragaalee wajjiin Gara mana murtii Adunyaaf dhiheessuu qabu .
4 . DHaabileen siyaasaa oromoo kamiiyyuu kan maqaa oromootiin sosso’aa jiran cufaaf DHaamsa Irra maayii ykn isa dhumaadhaa ijoo Hawaasni fi barattoonni oromoo biyya keessa fi biyya alaa jiran yeroo ammaa kana isinirraa eegaa jiran Yoo dhuguma oromoo taatanii oromoo fi oromiyaaf dhaabbattan taate ykn Oromoo fi oromiyaa bilisoomsuuf tattaafatan tahe akkasuma wal dhabiin keessanis yoo ilaalcha siyaasaa taate Har’a oromoon keessa fi alaan jirus isin madaalaa jira . kanaafuu qabxiileen atattamatti isinirraa barbaachisu akka fkn kana fakkaata
A , Wal dhaba siyaasaa isin jidduu jiru dagattanii Harka wal keessa kaawachuu fi diinarratti waliin fuulleffachuudha .
B , Barattoota oromoodhaa kan har’a gaafii abbaa biyyummaatiif karaa nagaatiin gaafatanii lubbuu isaanii qaqqaalii itti dhabaa jiran kana duugda duubaan gurmaa’uun isaan faana hiriiruu qabdan .
C , DHaabbileen kun wanti beekuu qaban fashala inni waggaa dheeraa isaan jiddutti kaka’aa tureef jecha akkasuma fashalli isaanii Bilisummaa fi walabummaa oromoodhaa bira dabarsaa turetu har’as har’as ijoolleen ykn ilmaan isaanii lafaa dhufan Gaafima kaleessa ummanni oromoo gaafataa ture san deebisanii Bifa haarawaan gaafachaa jiran jechuu beekuu qabu .
D , Sabboontotaa fi Gootowwan dhugaadhaa kan OPDO Keessa jiranii fi biyya alaa jiran cuftuu Har’a boodaan ERGAMTUU Namaa ykn Tajaajiltuu Abbaa irree tahuun isaanirraa hafee gara abbaa biyyummaatti tarkaanfachuun akkasuma gaafiin barattoonni oromoo amma kaasan kun carraa keessan kan irraa boodaa tahuu beektanii irraa fayyadamuun barattootaa fi hawaasa oromoo fayyaduun dirqama keessan kan maayiiti .
E , Hawaasni oromoodhaa Qotee bulas tahee Daldaltoota , akkanuma Dalagdoota muutummas tahee Baqattoonni oromoodhaa Akka kijiba gabroonfataa abbaa irreetiin dagamtanii ykn sossobamtanii sammuun keessan isin hin jeeqamnee fi isa wajjiin hin burjaajofne marxifattanii ilmaanii fi obboleewwan keessan wajjiin gara qabsoo yoo ol kaatan qofa carraa qabdus akkasuma dhaamsa isiniifis keenya .
5 . Yaadachiisaa fi Ergaa Barattoota oromoo Yunivaristiilee cufarraa Hawaasni oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiran isaanirraa eegaa jiran akkasuma isaan yaadachiisanii fi isaanirraayis eeggamu akka fkn kaafna
A . Yaadaa fi Gumaacha Sooreyyii Dura deemtotaa ykn Xiinxallootaa fi Hayyoonni isiniif kennanitti dhimma bahuu .
B . 1) Mormii nagaa ( nonviolent resistance) godhuuf erga murteeffattanii, hamma danda’ame hundaan tarkanaafilee hokkaraa ( violence) akka hin jiraanne:
Tooftaalee jeequmsaa kanneen akka dhagaa darbachuufi gamoolee barbadeessurraa of eegaa
Poolisonni yoo haleellaa isinitti aggaaman bifa nagaatin dura dhaabbadhaa malee harka itti hin laatinaa
Basaastonni mootummaa (agent provocateurs) isin keessa seenanii jeequmsa kaasuu waan danda’aniif namoota karoora kaayameen ala socho’an qalbiidhaan too’adhaa.
C . Suuraawwan Gootowwan oromoo lubbuun isaanii darbe sabboontota oromoodhaa isin biraa wareegama kafalaman osoo hin awwaalamin kaasuudhaan takkaayyuu waraabuudhaan gara qaamota dhimmi isaa ilaaluuf raabsuu qabdu .
D . Barattoota madaawanii fi bakka buuteen isaanii dhabaman cufaa hamma dandeettanitti waraa buu fi odeeffannoo isaanii karaa cufaan jala bu’uun suuraa fi maqoota isaanii guutuu irraa fuudhuun bakkoota dhimmi isaa ilaalu cufaaf dabarsuu fi isinis uf biratti qabuun toohannaa keessan jala galchuu qabdan .
E . Waraabbii sagalee fi suuras hamma dandeettan meeshaa hammayyaatti qulqullutti gargaaramuun akkumma ammaan duraatti gad fageenyaan irratti hojjatuu qabdu . Tarii meeshaa hammayyaa yoo haalli isiniif mijjatuu baates telefoonaa suuraa isaa qulqulleessuun kaasuun gara qaamota dhimmi isaa ilaaluf dabarsuun irratti hojjatuu qabdu barattoonni cufti isaanii .
Walumaa galatti Asis tahee achi , Nas tahee sis bakka jirru cufaan du’a sodaatuu irraa sammuu teenya bilisoomsuu fi amnsiisuu qabna dura . kanaafuu oromoon biyya keessa jiru qofti miliyoona 40 OL Kan tahuu fi kan biyya alaa jiru miliyoona 22 olitti kan shallagamu yoo tahe walii galatti miliyoonni 62 ol kan tahu TIGREE YKN WAYYAANEE Miliyoona 2 ( lama ) hin guunneen liqimfamnee wixxifatuu dadhabuun qaanyii irra maayiiti . Nuti oromoon miliyoona 62 ol jennee himatuu qaanfannee jirra . Salphinnii fi gad galummaan kanarra xiqqaadhaa hin jiruu beekuu qabna ufittis himuu qabna tokko tokkoo keenyaan .
*** DHaamsa gabaabduu :: Waan dalagnu hunda keessatti Rabbii ol tahe sodaatuu fi Rabbi ol tahetti Adaba hin dhabne akka rabbiin nu milkeessu isa kadhatuu qabna . Irree ykn Humna keenyaan osoo hin taane Tumsa Rabbii ol taheetti hajamuu beeknee akka nu milkoofnu Rabbii keenya kadhaa irraan fatuu hin qabnu .