Oduu Haaraya

Amma maalin jedha maaluman dubbadha Dubbiin gara galtee tam irraa qabadha?

Arra maalin dhagahe

maaltu maal ta’e?
Mataan na oowwee
garaan na boba’ee
Obseen dadhabee
imimmaan harca’ee
Teenya tun na dhibdee
maaltu nutti bu’e?

Akkan hin callifne
garaan na gubatee
Akkan hin dubbanne
walitti laaqamtee
Wanni Oromoodhaa
ji’a saddeet taatee?

Har’a tan jaaramte
boruma diigamtii
Tan abdiin eeggannus
dirreerratti haftii
Irratti gad-neeynee
tan itti dhadhahanne
Argannee gammadaan
tan itti dhadhaaddanne
Dirretti hambisuuf
guyyaa lakkaayyannee
Maaltu nutti bu’ee
tana hunda mudanne?

Duuba Iccitii maaliitu
keessatti dhokate?
Dubbii ifa baasaa
callisuun maa taate?
Namuu tokko tokkoon
harka keessaa fuudhee
Duubaan maaltu jira
maaltu akkas godhe?
Bilisaan Ifaan ifatti
dhugaa sabaaf himaa
Akkas ta’uu baannaan
teenya humaa humaa.

Fala haa barbaaduu
namuu huluma jirutti
Callisuun hin taatu
dhimma nu maraatii!
~~~~~~~~~~~~~~~
By Sirkanan Ahmed

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …