Oduu Haaraya

Atileetotii Naannoo Oromiyaa Addunyaa Fiigichaan Moohumatti Jiran

Soraa Halakee

Abbebee Biqilaa,ilmaan obboo Dibaabaa,Daraartuu,Qananiisaa,Hayilee dabalee yoo dorgommii fiigichaa maqaa dhaahan yoo hedduu Oromiyumatti mooha. Dorgommii biyya keessaa fi biyya alaallee taatu yoo hedduu jaruma.

Akka leenjisaa Toleeraa Dinqaa Finfinnee dubbatetti dorgommii Great Run’ Finfinneetti qopheessan 14essoo Wuddee Ayyaalewoo tokkeessoo Netsaanneti Guddataa(Oromiyaa) irraa lammeessoo  bahe.

Dhiiraan ammo Azmaraa Beqqelee tokkeesoso,Addunyaa Taakkelee lammeessoo. Maratoonii km 21 Indiitti  dorgoman Guyyee Adoolaatti atileetota Keenyaa caalee tokkeessoo tahe.

Gama kaaniin ammoo Federeshiinin atileetiksii biyyoolessaa atileetota Marakaash, Morookoo fi Hiyugin Amerikaatti dorgomani moohan badhaase.

Gama kaaniin Federeshiiniin Atileetiksi Itoophiyaa naannoon Oromiyaa akka naannootti baranllee atileetiksiin mootee badhaasa argatte.

Maratooni km 21 ta Indiitti dorgoman ammo Guye Adoolaa(Oromiyaa) irraa  tokkeesso bahee moohe,akka kilabiitti ammoo kilabii Poolisii Oromiyaatti moohe.

Dorgommii Waancaa Afrikaa bara 2015

Kubbaa miilaa keessaa ammo maanajera Kilabii kubbaa miilaa Masrii ya hujii irraa buusanii,Naajeriyalleen ka ufii buusuuf  mudduutti jirti.

Maanajerii Naayjeeriyaa,Istfeen Keyshi Kilabii isaa Waancaa Afrikaatii jabeessee hin qopheessinee jedhanii akka innii irraa bu’u mudduutti jiran.

Bafanaa Bafaana Afrika Kibbaa,A’aarbii Ayvoorii Koosti,Hurjiin gugurraalleen Gaanaa,nyenyeecnii Kameruun Rasaasii Zaambiyaa fi walumatut biyya 16 dorgommii tanaa qophiiti jira.

Federeshiiniin kubbaa miilaa Naayjeriyaa Keeshi ulfinnaan huji irraa bu’uu wayyaa jedhe itti dhaame.Keeshiin kun durii Naayjeeriaa taphataa eegee kilabi Toogoollee leenjsiee nama ganna 52ti.

Farahoos,kilabiin kubbaa miilaa Masrii dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaatiif hin dabarre manaajera isii Shawikyii Gaharibiitti balleessaa muranii hujii irraa buusan.Gaharib nama ganna 55 bara 2013 hujii tana itti kennan. Masriin Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa marroo torba mootee barana hin taaneef.

Maaliin ammo tan waliin marroo torbaaf Waancaa Afrikaatiif dabarte.Maanajerii isaanii Seydoyu Keitaatii kilabii Roomaatii taphata.Yoo akka afaan keennaatti yaamne hurjiin gugurraalleen Gaanaa jennuun kilabii Toogoo 3-1 mootee dabarte.

Woma taateefuu dorgommii waancaa Afirkaa bara 2015 ta bara dhufuu biyya 16 dabre.Kudhanii jahaanuu Afrikaa gama Kaabaa,Kibbaa,Jidduti fi Dhiyaatti dabree Afrikaan gamii Bahaa fiigichaan addunyaa dura jirtu kubbaa miilaatiin ammoo addunyaa eegee jirtu  baranallee hin dabarre.

Dorgommii baranaa Iquwaatoorilyaal Giinitti qopheessan.

Check Also

lalisaa 2017

A Runner In Exile

After his dramatic protest at the Rio Olympics, Ethiopian marathoner Feyisa Lilesa didn’t feel safe …