Oduu Haaraya

Ani didaa mataa dhagaa moo wallaalaa garaa margaati?

——————————Gowwee——————————————-

Gaaddisa manaa taa’een kitaaba dubbisa, qilleensi bitaa-mirgaa gurratti nabubbisa. Urgaan daadhii ganamaan magaalaa macheesse, sagalee Qophee keenyaa oofee gurratti na fide. Hojii qilleensaati. Waan arge waliin gahuuf tasa kufee caba, hirriba damma keessaa yaadaan nama tapha. Kitaaba koo walitti deebiseen xuruph jedhee mangoo balbala duraa yaabee mooraa mana daadhichaarraan asii gadi caqase. Naman beeku dhabuu koo raajaan ija mirmirsa. Adda baafachuuf sardamus bargoo mangoo sana cirachuu hindaganne.

Daadhii bilillee tokkoof mataatti na fincooftaa jettee dhagaan miila bitaa kash nagoote Alamituun. Namicha garaan abuubbii, kan isa jala jiru hinargine sana na seete. Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane jedhee guungumaan oltiradhe.

Mana daadhii jala dhaabattee gurum gurum gooti qopheen. Warri mana keessaa qarxamsee wal-nyaata, booka aadaa biyyaa, dhugii dabaladhuu -uu…uu jedhee iyya. Warri keenya utuu dhufanii anaan osoo hinargin mana daadhiitti hinmaqan. Utuun ishee hidhaatti ilaalaa, dhaabadhee warra keenyatti gubadhuu,namichi silaa sun ammas ilkaan orfachaa gadi bahe. Warra keenyatu damma fidemoo jedhee gaafannaan asii gadi na ilaalee “eeyyee ishee kanas walumatti qabnee bitanne” naan jedhe. Waawayii jala buusee dhaabatee nyaachisa, halaaksisee, dhuuffisee akka fedhe taasisa. “Qophee haadha firaa abshiir qoonqoo keetiif anatu sii jiraa”jedhee yemmuu inni uuruu dhiitu, waatu akka ibidda ciraa narraa boba’e. Mufiin guutameen bargoo koo sana mataatti basse.

Ani didaa mataa dhagaa moo wallaalaa garaa margaati? Kan mana keessaa cufti natti gadi yaate. Kana gidduutti Obboon lolloqaa olseenee ana biraan dhaabate. Ulee ibiddaan sukkuumamtee mucha meeqa qabdu sana harkasaatti ilaaltee tokko tokkoon achi oldachaate. Faccee warra baadiyaa sodaatti.

Qophee achumatti dhiisnee baattoo dammaa fuudhuu oldarbine. Isheen mana keessaa abboowaa jettu isheen laga daabbusitti beekuun tokko miti. Tokko miti! Baattoo dammaa sanatti hillim jettee uursiti. Gammachuun guutameen dhaabadhee ilaala, waan dammeessaa jirtu natti fakkaatte. “ Yaa gowwee…kun maal dammeessiti” jedhee baattoo dammaa keessaa lafatti gad-urgufuu jalqabe Obboon. Akka waan ofii dammeessitee, yookii dammeessuu jirtuu mushuq gootee nufixxe.

Diimina muranii jeeji’anii waadu warri mana keessaa, Yaa Waaqa hiyyeessaa!…

Addunyaa tokko keessa waan jirru hinse’u. Coomaa fi bookaan uffee jechaa kolfanii taphatu. Muranii Obbootti aggaamnaan “Foon haadhakoo” jedhee harkashee ofirraa faccise. Gadi jedhees gurra kootti hasaasee…

Guyyaan guyyaa gabaati. Dhukkeen magaalaa fayyaatti awwaaleera. Kaachamaaliin Oolankomeerraan halaakaa dhufu waan magaalattii caafaqee darbu fakkaata. Duruu ariitiima dhufeen keessa fullaa’a. Gurrii seera tiraafikaa dhagaye daandiirraa achi baqata. Uummanni jinnijaankaashee hinbeekne akkumasaa durii jissa yaa’a. Utuuman ilaaluu hoolaa abbaa kaloo hillim godhee dabre.Tokkon jedhe. Kana gidduutti Dirribaan lama galagalee utaalee kaachamaalicha dura dhaabate. Shufeerri xisximbaa hinjenne. Raddaatiitu atattamaan utaalee CD sirbaa sana jijjiire. “Maal abbaa keef hoolaa koo ajjeefte? Namatu keessa jiraam lafa onaa seetee, Suuta jettee hinooftuu?”jedhee itti maraate. Maraatuu keessi gamna, maraattuu meeqa qabna jechaa qaxxaamurte Dammeen.

Sibuun diidatti yaa’ee kan ba’ee galu caqasa. Galgalaa’eera. Obboo geggeessee laga borhibeeknee ceesiseen deebi’e. Sagaleen muuziqaa martuu jijim jedheera. Ani olgaluuf aggaamnaan “atimmoo dimimmisnaan akkuma indaanqoo gara golaatti fiigda” naan jette Tiirroon.

Uggum! Waan dukkanni baatu cufa gaafa sanan arge…

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …