Oduu Haaraya

ANUMAATU ANA..

Anumaatu ana malee an sii miti
Of ta’een uumame akka dhuunfaa kootti
Aadaa koo jaallachuun sila naaf kenname
Waaqa uumaa biraan waariin badhaafame
Oromoo ta’eetan dhalootaan carroomee
Qabeenya uumamaan badhaadhee sooromee
Aadaa boonsaa kootiin akkanaan faayamee
Tasa nyaadhee hin beeku kan namaa harkaa saamee
Kan koo nan jiraadha si kadhadhee hin beeku
Kan koo natti hir’atee kadhaa ormaa hin dhaqu
Anumatu ana ofittan amana
Lammii boonsaan qaba inni naaf gaachana
Fedhii kootiin miti oromoo ta’uun koo
Rabbi na badhaase maal ta’e diinni koo?
Fedhuma rabbiinan carroomee dhaladhee
Maafan of jijjiira alagaa sodaadhee?
Anumatu ana malee an si miti
Oromoo ta’uun koo hojii uumamaati
Lammiifan jiraadha sabaafan hojjadha
Aadaaf afaan kiyya kunuunseen eeggadha
Atis kan keen booni waan rabbi siif lateen
Malee hin hinaafin waan waaqni naaf godheen
Intalli abbaa gadaa abaarsa hin jaalladhu
Eebbaa nan guddadhe kana naaf hubadhu!!!!!!

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …