Oduu Haaraya

—– CINIINSUU ——

Asoosama gabaabaa(AMENTII CAALII)

Hamma yoomiittan roorroo dheessee, biyya ormaa taa’a? Du’es jiraadhes, biyya abbaakootii oromiyaa galuun qaba. Har’a uffadhee nyaachuukoo qofa ilaalee, oromiyaa garbummaa keessatti dagachuun koo eelaa sammuu erga naaf ta’ee bubbuleera. Kana ilaaleen waanan biyya ormaatii walitti qabadhe funaannadhee gara buufata xiyyaaraatti qajeele.
…… IMALA GARA OROMIYAATTI……

Xiyyaarri guddichi sun, nu fuudhee balalii eegaleera. Anis qaaniif leyyoon doorsifamaan gara biyyaatti deebi’aa jira. Haa ta’u malee, garuu obboloonni koo simannaaf buufata xiyyaaraa finfinneetti ba’anii haala ho’aan akka na eegaa jiran bilbilaan naaf himaniiru. Sanas ta’u kanas, anis galee dachee Oromiyaa ishee handhuurrikoo keessatti owwaalamte arguuf sardameera. Natu taa’e malee xiyyaarri fiiguu hin dhiifne, Nikaata.

Osoon garaakootti hin yaadin, Finfinneen na baase. Yeroon namoota cinakoo taa’an ilaalu, inni kaan harka ballisee ol gara samii ilaala. Inni kaanis dunuunfatee guunguma. Akka waaqa galateeffachuuti.

Anis maanguddoo tokko waameen,”Finfinnee ga’uu keenyaa?” jedheen isaan gaafadhe. Isaanis yaada keessa kan turan dammaqanii, “Ya! Finfinnee geenyeerra.” naan jedhan afaan warra adiitiin.

Hundumtuu xiyyaara keessaa harca’ee, gara gara firasaatti fiiga. Anis waanuma biyyi hojjetu ilaalee hojjechuun jalqabe. Kunis buufatni xiyyaaraa Finfinnee anaaf haaraa waan ta’eefidha. Sababni isaa baran biyyaa ba’e, buufatni xiyyaaraa ani irraa imale Bosona Booranaa waan tureefidha.

Gidduutti, namootni uffata baay’ee miidhagaa kan garri jala isaa Diimatee, gidduun isaa bifa margaafi handaarri isaa garri irra keessaa diimaa biluu fakkaatu, uffatan Afur gara kootti siqanii,”WEL-COME, WEL-COME!!!” afaan keenyaan baga nagaan dhufte naan jedhan.

Ijakoo amanuun dadhabe. Jara kana baqachuuf yaalus naaf hin milkoofne. Lafa ilaaleen itti siqee harka isaan qabe.
Isaanis haallikoo haaraa itti hin taane. Uffata isaanii sodaachuu koo baranii na jajjabeessuuf yaalu.

Anis sodaataadhuma arraba kirkirfamuun, “akkam miidhagduu? Uffata keessan kanahoo………………… Jedheen achumaan hafuurri na cite.

Isaanis. “WOOOW! Isa durii haasoftaa ati? Ati herbee cittuun isaa waan si harkatti argameef biyyaa si baasani. Amma garuu, halluun manakeenyaa, uffatni keenya, kanarrayyuu darbee biyyi keenya guutummaatti uffata kana uffatteetti.” yeroo isaan naan jedhan, imimmaan gammachuun burqisiise fuula koo irra lolaasee,
UUUUUUUUU……..UUUUUUUU……….. Jedheen iyya abiddaa yeroon iyyu, hiriyoonnikoo na’anii hirribaa dammaqanii,
“maal taate?, maal taate? Maal taate?……” jechuun cinaachakoo rurrukutanii hirribaa na dammaqsuun abjuu ta’uu isaa naaf mirkaneessan.abjuun koo abjuu ta’ee hafaa laata?

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …