Prezidaantiin Ameerikaa Baaraak Obaamaan haasawa bal’aa galma Gamtaa Afrikaatti argamee godheen dhimmoota heddu irratti xiyyeefateera. Haasofni isaa irra jireessatti dhimmoota nageenyaa, diinagdee, dimokraasii, mirgaafi kkf irratti kan fuulleffate ture. Obaamaan jijjiirama Afrikaa keessatti mul’ataa jiru heedduu dinqisiifatus naannoo hir’inni jira jedhe irrattis quba akeekuufi yaada latuu hin oolle.
Obaamaan, keessumattuu adeemsa dimokraasiifi kabajaa mirga namaa irratti xiyyeeffannaa laachuudhan haasawa bal’aafi gadi fageenya qabu godheera. Yeroo Muummicha Minstera Itoophiyaa wojjin gaazexeessitootaaf ibsa laatetti, mootummaa Itoophiyaan ‘kan sirna dimokraasiin filame’ jedhee dubbachuun isaa mormitootaafi jaarmayaalee mirga namaaf falman biraa qeeqa cimaa kaasee ture. Haa ta’uu malee, haasawa galama Gamtaa Afrikaatti argamee godhe irratti yaada, amantaafi jecha waan guyyaa duraa jedhe san sirreessu, kanniin mormaniifi rifatan hanga tokko tasgabbeesu dubbateeraa. Obaamaan, ‘dimokraasiin filannoo qofaa miti. Yoo gaazexeessitoonni hujii isaanii hojjataniif hidhaman; yoo namoonni mirgaafi dimokraasiif carraaqan doorsisaman, dimokraasii maqaa malee dimokraasii firii qabu qabaachuun hindanda’amu,’ jechuudhaan sirna dimokraasii Itoophiyaa irratti qeeqa cimaa dhiyeesseera. Itti fufuudhaan Obaamaan, ‘hanga guutummatti mirga lammiilee kabajanitti biyyoonni abdii bilisummaan fidu dhugoomsuu hindanda’an.’ Dimokraasii guutuufi itti fufuuinsa qabu qabaachuuf Itoophiyaan hujii guddaa hojjachuu akka qabdu osoo hingorsin bira hindabrine, pre.Obaamaan.
Pre.Obaamaan bilisummaa lammiileen qaban babal’isuufi sirna dimokraasii diriirsuuf dhugaa irratti hundaayanii yaalii wolirraa hincinne godhuun barbaachisaa akka ta’es osoo hindubbatij bira hindabrine. Yeroo lammiileen biyyoota adda addaa mirga isaanitti dhimma bayuu dadhaban, addunyaan itti gaafatamummaa isaaniif dubbachuu ykn mirga isaaniif falmachuu akka qabdu iafatti akeekeera. ‘Kanuma namatti hintolles yoo ta’e, kanuma michuuwwan keenya irratti xiyyeeffates yoo ta’e Ameerikaan [waa’ee mirga namaa irraa] nidubbatti,’ jedhe Obaamaan. Waa’een dimokraasii, mirga namaafi bulchiinsa gaarii dubbachuu dhiisuun angawoota woliin hojjachuuf irra salphaa ta’uu akeekee, garuu, Ameerikaan waa’ee kanatti waan amantuuf dubbachuu irraa kan ufhinqusanne ta’uu isaas ifa godheera.
Waa’ee sarbamiinsa mirga namaan biyyoota Afrikaa hedu keessatti bal’inaan mudhatuun wolqabatee, ‘waa’ee kanarraa kan dubbatuu qabu Ameerikaa qofa ta’uu hinqabu,’ jedhe Obaamaan. Biyyoonni Afrikaa sirna dimokraasii gaarii qaban yoo mirgi woliigalaa ummata biyyoota Afrikaa biroo cabuufi kabajaan isaanii hir’atu, sagalee isaanii dhaggeessisuu qaban jechuun waamicha godheera.
Obaamaan angawoonni biyyoota Afrikaa heddu angoo irra yeroo dheeraadhaaf turuuf jecha seeraafi heera jajalisuun isaanii sirrii akka hinteene jala sarare. Adeemsi akkanaa, akka Obaamaatti, tokkummaafi guddina biyyootaaf danqaa ta’uu bira ce’ee gara dhabamiinsa tasgabbiitti geessa. ‘Afrikaan,’ jedhe prez. Obaamaan, ‘namoota ciccimoo osoo hintaane jaarmayaa ciccimoo barbaaddi.’ Prezidaant Obaamaan angawoonni tokko tokko kan tokkummaa biyyattii tiksuu ykn eeguu danda’au isaan qofa akka ta’etti amanu jedheera. ‘Yoo suni dhugaa ta’e,’ jedhe Obaamaan, ‘ angawaan suni biyya ijaaruu irratti kufaatiin isa mudateera.’ Osoo angawaan suni biyya ijaareera ta’ee, sababni biyyi suni namoota ciccimoo abdii biyyattii ta’uu malan hinmagarsineef tokko hinjiru.
Gamtaan Afrikaa akkuma fonqolchaafi angoo karaa seera-dhabessaan wolharkaa fudhachuu balaaleffatu, angawoonni biyyoota Afrikaa gadaa isaanii fi heera akka kabajan godhuuf Gamtaan Afrikaa ciminaan hojjachuu akka qabu Obaamaan gorseera. Prezidaant Obaamaan, ‘eenyuu umrii guutuuf prezidaantii ta’uu hinqabu,’ jedhe.